Eegduun Kantiibaa magaala Hawaasaa, hojjettuu baankii butuu poolisiin hime

Madda suuraa, Ethio Tube
Magaalaa Hawaasaatti hojjettuun Baankii Daashaan damee Waarkaa Tsiggee Balaachoo jedhamtu, eegduu kantiibaa magaalichaan butamuu maatii fi poolisiin BBCtti himan.
Obboleettiin ishee Natsaannet Balaachoo BBCtti akka himtetti, Tsiggeen kaadhimamtee kan jirtu yoo tahu, heerumuuf waldaatti banrnoota gaa’ilaa barachuun guyyaa cidha ishee eegaa turte.
‘‘Tsiggeen baankii Daashan keessa waggaa tokko hojjetteetti. Kaadhimamtee wana turteef barnoota amantaa waldaatti barattee ture’’ jette.
Poolisiin magaala Hawaasaa namni hojjettuu baankii Daashan Tsiggee Balaachoo bute miseensa poolisii tahuu fi eegduu kantiibaa magaalichaa ta'uu hime.
Shakkamaan kun miseensa poolisii addaa akka turee fi maqaan isaa Yehowala Mabiraat akka jedhamus poolisiin himeera.
Shakkamtootni yakkicha keessaa harka qabu jedhaman jaha to’annoo jala ooluu fi namni shamarree kana butes barbaadamaa jiraachuu himan.
Hojjettuun baankii butamte kun eessa akka jirtu ammayyu akka hin beekne maatiin BBCtti himaniiru.
Taateen kun Kibxata torban har'aa Caamsaa 23 bara 2023 raawwachuu maatiin BBCtti himan.
Butiin kun akkamiin raawwate
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obboleettiin Tsiggee, Natsaannat balaachoo akkamiin butiin kun obboleettii ishe eirratti akka raawwate akkasiin BBCtti himte.
‘’Torban har’aa gaafa Kibxataa mana hin bulle. Waan akkasii ishee irratti argamee hin beeku. Namootni mana kireessaniif osoo hin galiin waan bulteef gara lafa hojiishee deemanii gaafatanii dhabanii nutti himan,‘‘ jette.
Sana booda namootni mana kireessaniif gara waajjira poolisii deemanii gabaasa gochuu himti Natsaannat.
Maatiin Tsiggees erga dubbii kana dhagahanii gara waajjira poolisii deemuun iyyataniiru.
Poolisoonni kana dura waan sodaattu qabdii? jedhanii yoo na gaafatan, kana dura namni sodaattu tokko akka jiruu fi akka ishee hordofu natti himuu isheen isaanitti hime jetti Natsaannat.
‘‘Bakka hojii isheetii ammoo yeroo baatuu fi galtu namni odeeffannoo shakkamaaf kennituuf akka jirtu natti himtee ture. Anis kanan poolisiitti hime.‘‘
Poolisoonni magaalichaas gara baankii Daashan Tsiggeen hojjetaa turtee deemuun dubartii odeeffannoo kennuun shakkamtu qabanii moobaayila ishee keessaa ergaa gabaabaa sa’a Tsiggeen itti baatu namichaaf ergite argachu dubbatti.
Dabalataan ergaa shakkamaan deebisee isheef barreesseef argachuu himte.
Namni ishee hordofaa ture kun ammoo eegduu dhuunfaa kantiibaa magaalaa Hawwaasaa akka tahe bira gahamuu himte.
Shakkamaan ishee hordofaa ture kun doqdoqqeedhaan akka ishee hordofaa ture Tsiggeen obboleettii isheetti himtee beekti.
‘’’Gaaf gaaf lama tahanii dhufu. Guyyaan mana namaa galee baqadhes jira jettee natti himtee ture,’’ jechuun waan kana dura Tsiggeen itti himaa turte BBCtti himte.
Tsiggeen sodaan qabdu dabalaa deemnaan Waajjira poolisii deemtee yoo himattu, ‘eegduu qondaala mootummaa waan taheef isa qabsiisuu hin dandeessu, homaa gochuu waan hin dandeenyeef amalaan qabadhu’ waan jedhu itti himamuu natti himte jechuun Natsaannat dubbatti.
Dabalataan dubartiin Tsiggee waliin hojjettuu fi odeeffannoo nama ishee buteef kennun shakkamte, ‘akka waajjira poolisiitti hin beeksifne itti himuu, eegduu qondaala mootummaa waan taheef, kana caalaa dubbii hammeesita,’ jettee itti himuu dhagaheera jette obboleettin Tsiggee, Natsaannat.
Kana irraa ka’uun manaajera bakka hojii isheetti ‘yoo waanti tokko narra gahe nama na hordofu kanaafi dubartii kanarraa kan hafe namni biraa ishee miidhu akka hin jirre’ himtee ture jette Natsaannat.
‘’Erga kana dhageenyee nuyis baay’ee sodaanne. Homaa gochuu hin dandeenye. Odeeffannoon dursee isa gaha. Eenyufaa akka odeeffannoo kennaniif beekuu baannus.‘‘
Poolisiin magaalaa Hawaasaa shakkamtoota to’achuuf hordoffii taasisaa jiraachuu kan himtu Natsaannat dursanii odeeffannoo waan itti himaniif bakka jirtuu baasee dhoksa jette.
Tsiggee fi shakkamaan ishee bute jedhame kana dura hariiroo homaa akka hin qabne kan himtu Natsaannat bilbila isaayyuu jijjiiree gaafa bilbiluuf irratti cuftee ‘block‘ gochaa turte jette.
Erga ishee butanii sagalee ishee akka hin dhageenye himuun‚‘‘bilbilli ishee cufaadha. Kan isaa hin beeknu. Obboleessa koo irratti takkaa bilbilee, ‘Lubbuudhaan akka argamtu yoo barbaaddan waan an isiniin jedhu fudhadhaa,‘‘‘ jechuu himti.
Waan an isiniin jedhu fudhadhaan kun akka aadaa naannoo sanaatti jaarsummaan erga, tole jedhaa jechuu akka tahe himte.
'‘Abbaankoo dhukkubsatee hospitaala Yekkaatit 12 ciisee jira. Haatikoo dhiphina keessa jirti. Mucaan koo eessa jirti jettee nu dhiphisaa jirti. Obboleesikoos haala ulfaataa keessa jira.''
Jalqaba irra poolisoonni xiyyeeffannoo guddaa itti hin kenine ture kan jettu Natsaannat, amma erga miidiyaan hawaasaa dhufee namootni itti gaafatamummaan itti dhagahamu dhufaa jiraachuu dubbatti.
Jalqaba poolisootatti yoo himnu, aadaama naannoo sanaati kan jedhu nutti himan. Jaarsummaadhaan fixuu dandeessu kan jedhu ture.‘‘
Butiin naannichatti waan haaraa miti kan jedhu dhagahuu kan himtu Natsaannat, Kana duras dubartoota lama sadii akkas mudatee maatiin jaarsummaan fixatan kan jedhu ture kan nutti himan jette.
‘‘Akkuma poolisoota keessaa nu deeggaruuf yaalaa jiran kan odeeffannoo baasanii isaaf kennan akka jiran dhageenye.‘‘
Ajajaa olaanaa poolisii magaalaa Hawaasaa Gargaaraa Inisipeekteraa Malkaamuu Ayyaalee shakkamtootni jaha to’annoo jala ooluu himan.
Shamarreen butamte hojjettuu baankii tahuu mirkaneessuun, namni ishee bute eegduu kantiibaa magaalaa Hawaasaa tahuu himan.
Namni kun miseensa poolisii addaa naannichaa yoo tahu, dhiyeenya sababa rakkoo naamusaan hojii isaas seeraan bahataa akka hin turre himan.
Namoota yakka kana keessaa harka qabaachuun shakkaman biroo jaha to’annoo jala ooluu himanii, namni butii kana gaggeesse to’annoo jala akka ooluuf poolisiin hordoffii taasisaa jiraachuus himaniiru.
Haa tahu malee, komiin akkasii kana dura dhiyaatee hin beeku jedhan.












