'Jireenya kee balleessuuf qullaa kee fi waan hunda qaba': Gochaa rifaasisaa ijoolleerratti xiyyeeffate

"Jireenya kee balleessuudhaaf qullaa kee fi waan hundan qaba".
Ergaan nama naasisu akkasii kun karaa miidiyaa hawaasaa ol adeemaa US Evaan Bootiler bira gahe. Kan erge ammoo kan duraan dubara ol adeemtuu akka taatetti amanamtu garuu hattuu saayibarii ta'erraati.
Ergaan kun inni jalqabaa isa qaqqabee daqiiqaa 90 booda daa'imni umuriin isaa waggaa 16 ta'e of ajjeese.
Yakkawwan gowwomsaa saal-qunnamtii waliin walqabatan (Sextortion - sexual extortion) toora interneetii (online) irratti baayyee saffisaan dabalaa dhufeera.
Yakka kanaaf kan saaxilaman yeroo baayyee ijoollee ol adeemoo ta'an US fi Awurooppaa keessatti suuraa fi viidiyoowwan icciitii dhuunfaa isaanii akka erganiif sossobamu. Gowwoomsitoonni saayibarii (syber scammers) garuu mallaqa kaffaluufiif baannaan suuraafi viidiyoo kana isin jalaa dabarsinee kennina jechuun doorsisu.
"Dhumarratti halkan sana yeroo isaan du'uu isaa nutti himanitti, waan waliin isaa akka nama wallaalsisu ture. Kun akkamitti akka maatii keenya keessatti mudatu hubachuu hin danda'u," jetti haati Evaan Kaariin.
Mana isaanii Misoorii abbaa Evaan, Biraad waliin keessa jiraatanirraa ilmi isaanii qaroo, ilma taphataa qurxummii qabuu, ispoortii hojjechuufi adamsuu jaallatu akka ta'e ibsiti.
Amajji gara dhumaa bara 2024 keessa ganama gaafa tokko akkamitti namni shamarreedha jedhatee kana amanamtu maqaa JennyTee60 jedhuun karaa miidiyaa hawaasaa Snapchat akka isa qunnamte natti himan. Haata'u malee, ijoollee durbaa fakkaattee dhiyaattullee garuu kan biraa taatee argamte.
Daqiiqaawwan keessatti "Jenny' akka suura isaa qullaa ta'e erguuf gootee booda battalumatti gara jabinaan maqaa isa balleessuu jalqabde.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa lamaan boodallee, gaddi Evaan Bootiler ammallee ho'aadha. Yaaliin gaaffii of ajjeesuu isaaf deebii argachuu taasisanis abdii kutachiisaa ta'eera.
Miidiyaaleen hawaasaa kanneen akka Meta odeeffannoo maatiin hin qabne qabatullee FBI (Waajirri Qorannoo Yakkaa Federaalaa)n akka kennu dhiibbaa taasisullee ajaja murtii malee odeeffannoo qooduu dideera.
Erga Evan du'ee as baroota darban keessa qaamoleen seera baastotaa wanti hojjetan hedduu miti.
Haata'u malee, ragaan barbaachisaan argame tokko tureera. Innis kan yeroo tokko hattuun oonlaayinii (scammer) kun Evaans akka paaswoordii Facebook isaa kennuuf gaafatee kan ture yoo ta'u, erga fayyadamanii booda teessoo IP isaa achimatti dhiisan.
Karaa dijitaalaa faana dhahuun kun ammoo Naajeeriyaa keessa gara bakka gara garaa na geessa, yeroo baayyee garuu gara magaalaa ummanni akka malee keessa baayyatu,Leegoos na geessa ture. Yeroo sana argadhetti nama kanaaf itti gaafatamaa ta'us nan argadhe jedheen ture.
Bakkin jalqaba argadhe daandii keessoo bakka magaalattii keessatti saamtonni (namoonni waliin dhahan) itti heddummatan "Yahoo Boys" jedhamuun beekamutti na geesse. Maqaan "Yaahoo Boys" jedhu kun iimeelii isaan baroota 2000 keessa hanna/saamicha oonlaayinii ittiin gaggeessanirraa kan moggaafameefidha.
Dargaggoonni kunneen umuriin isaanii 20oota keessa kan jiran yoo ta'u, safara baayyee fokkisaa/gadaanaa ta'ee keessa jiraatu garuu konkolaataa gaariifi maalla dafanii argachuu hawwu.
Bakki sun bakkan Olaa itti argadhedha. Salphaadhumatti tooftaa yakka saal-qunnamtii (sextortion) qabatamaan lafa kaa'e.
"Bakka (madda) sobaarraa akkaawontii sobaa maqaa dubartiitiin banatta," jedhe. "Fuula maqaa namootaa biyyoota barbaadde garaa garaarraa irraa argattudha."
Erga takkaa pirofaayiliin isaa tolfamee, [ijoolleerratti] xiyyeeffatanii toora sanaan] adamsuun ni jalqabama. Ijoolleen dhiiraa iskiriiniirra akkaawontii sobaa kanaan taa'an hattoota (iskaameroota) baayyee keessaa tokkollee maallaqa nuuf erga jech guyyaatti ergaa dhibbaan lakkaa'amu ergaa oolu.
Gochi isaanii kun hojii gara jabinaa jireenya namaa balleessu akka ta'en itti hime. Inni garuu akkas jechuun naaf deebise: "Ani wanti tokkoyyu natti hin dhaga'amu sbabiin isaas ani kanan barbaadu maallaqadha."
Olaaf ijoolleen ol adeemoo Biriitish ykn Ameerikaa kaffaluu hin danda'an jedhee amanuu hin danda'amuuf.
Gaaffii maaliif ijoollee ol adeemoo ta'anirratti akka xiyyeeffatu gaafatamee, daabii inni kenne baayyee nama dhiba. "Sababiin isaa ijooleen ol adeemoo kunneen fedhii isaan saal-qunnamtiif qaban baayyee guddaadha, yeroo suurri isaanii garee isaanii dareetti waliin baratan, maatii isaaniif, akkasumas hiriyyoota isaaniif gadhiifama jedhaman ni sodaatu."
Olaan qofaa isaa hojjeta, garuu dhimmoonni kaan sextortion Leegos keessatti hangam akka sadarkaa hojii neetiwoorkii baayyee gurmaa'aa ta'etti guddate ta'uu agarsiisu. Gareen saamtotaa gaggeessitoota, caasaa hoggansaa fi qabeenya kuufatan kuufatanii bu'aa isaanii guddifachuuf ittiin hojjetan qabu.
Dhumarratti barbaachi ani taasisu gara daandii bishaanii Maakokoo, kutaa magaalattii hiyyeeyyii taʼan keessaa tokko taʼeefi manneen mukaa fi citaarratti ijaarman qarqara Laagoos bakka Leegoon jedhamutti na geesse.
Bakka sanatti viidiyoo waraabuudhaaf dura hayyama hogganaa hawaasichaarraa hayyama argachuu qabna ture. Achi keessa yeroo deemnuttis garee namoota karaa nu agarsiisaniifi haala nuuf mijeessaniin toora sana keessa deemaa turre.
Waa'een oppreeeshinii "Hustle Kingdoms" jedhamuu natti himamee ture. s "Hustle Kingdoms" kun kutaalee gareen saamtotaa dhiirota dargaggeeyyii ta'an keessa taa'anii hojii hanna oonlaayinii (scams) hojjetanidha. Takkaa viidiyoo waraabamanii hin beekan. Haata'u malee, kadhaa baayyeen booda, akkan seenee waraabuuf naaf hayyamame.
Hustle Kingdoms kun gamoo gabaabaa tokorraa darbii lamaffaarratti argamu. Kutaa dhiphoo tokko keessa, ijoolleen dhiiraa 12 ta'an laaptoooppii jilbarra kaawwatanii taa'u. Bilbilli isaanii hunduu ergaa nama isaan irratti xiyyeeffatanirraa wal walirratti itti ergamuun ni waca ture. Haalli achi keessa jiru wiirtuu bilbilaa (call centre) fakkaata. Pirofaayiloota sobaa daddabarsu, ergaawwan barreeffamaa qopheessuun maqaa haaraa harkasaaniitti kufutti ergu.
Tokkoo tokkoon ijoollee dhiiraa gahee ba'atan qabu, garuu maallaqni dhufu hunduu gaggeessaa isaanii Ghost [Ekeraa] haraka gala. Achi keessatti saamtonni/hattoonni (scammers) buleeyyii ta'an warra reefuu shaakalan barsiisu.
Kan ittiin sossobaman ammoo daftanii maallaqa argattuudha. Wanti duuba jiru garuu ijoolleen dhiiraa reefuu ol adeemoo ta'an yakka keessa galuudha.
Warri buleeyyii ta'an "warri agarsiisan" liqii baayyisuun ykn tokkoo tokkoo waan hannaan argameerraa fudhachuu maqaa jedhuun akka milkaa'an fakkeessuun maraammartoo keessaa bahuu hin dandeenye keessa galu.
Namoonni kun yeroo hojjetan ilaaleen, hangam namoota warra kophaa isaanii gowwoomsan irraa fagoo akka ta'en hubadhe. Kun kan qindaa'e, gahumsa qabuu fi boqonnaa kan hin qabne ture - sirna hanga danda'ame maallaqa elmuuf qophaa'edha.
Gowwoomsaan Evaan qaama Hustle Kingdom ta'uu danda'aa moo saamtuu/gowwoomsituu qofaa hojjettudha laata? Hogganaan kun, Ghost, ''nama Waaqayyoon sodaatu'' waan ta'eef, irra caalaa gowwoomsaa maallaqaa hojjetu malee saamicha saalqunnamtii miti" jedhu. Kana kan godhan namoota "garaa gurraacha" qaban qofa jedhe. Hustle Kingdom kana keessatti saamichi saalqunnamtii akka nama qaanessutti ilaalama ture.
Gowwomsitoonni kunneen ijoolleen Yahoo boys jedhaman hedduun isaanii gara "Yaho Plus" jedhutti cehan jechuun natti himan. Kun ammoo luboota naannoo bira deemuun akka hojii gowwoomsuu kanaan isaan eebbisu godhu. Kana malees, nama gowwoomsan akka argachuu danda'aniifi isaan ammoo akka hin qabamneef kadhachiifatu ykn of eebbisiisu.
Namoonni akka aadaatti nama fayyisu jedhamanii amanaman aadaa Naajeeriyaa keessatti yeroo dhaafa makamaniiru jedhamee yaadama. Gara fayyistoota aadaa kanaa deemuun akkuma nama CIM kaardii baafatuu saphaafi baratmaadha.
Dubartii Addee jedhamtu dhiirota yakka saal-qunnamtiin kiyyeessuu (Sextortion) godhuu jalqabde umuriin ishee waggaa 20 ta'en arge.
Inni [fayyisaa aadaa] akkaataan ittiin maallqa argadhurratti na gargaara jettee amantu gara nama hojjetaa hafuuraa saayibarii tokko yeroo deemtutti akkan ishee waliin deemu naaf hayyamte.
Manni inni keessatti hojjetu qarqara magaalaa ta'ee dhukataa ture. Kutaa baaxii gadi dhiyoo ta'e keessa fakkiiwwan bocamaniin guutamaadha.
Gugeen adii tokko gadi fuudhamtee qalamtee, dhiigni ishee lafatti dhangala'e. Aaddeen gugee aarsaa taate kana keessaa hanga tokko fuutee akka nyaattu ajajamte. Kun kan isheef ta'u ammoo qabeenyaafi eegumsi akka isheef ta'uuf kan godhamu ta'uu itti himameera.
Wanti kun hangam baratamaa akka ta'e 'fayyisaa' kana yeroon gaafadhu guyyaatti Yahoo boys ja'aa hanga torbaa akka argu natti hime. Kun Aaddeef waaqa tolfamaa osoo hin taane daldala alatti erguudha.
Wanti baayyee na ajaa'ibe ammoo garaa garummaa isa duriifi isa haaraa gidduu jirudha. Al takkaatti dargaggeessi waggaa 20 sirna waaqeffannaa jaarraa hedduuf ture waaqeffataa yeroo jirun arge. Itti aansuun ammoo meeshaa bara dijitaalaa yeroo fayyadamun arga.
US keessatti gochi 'sextortion' jedhamu saal-qunnamtii fakkeessuun nama gowwoomsuun waggoota sadan darban keessa dachaa ol dabaluu gabaasni FBIf qaqqabeera. Kun ammoo bara 2024 keessa hanga 55,000tti guddateera. UK keessatti ammoo ji'a ji'aan gabaasni 110 kana waliin walqabatan Ejensii Yakkaa Biyyaalessaa qaqqaba.
Kampaaniiwwan miidiyaa hawaasaa tarkaanfii fudhataa akka jiran dubbatu garuu kana caalaa tarkaanfii cimaa fudhachuu akka qaban qeeqxonni ni dubbatu.
Kaarolaayinaa Kibbaatti bakka bu'aa isteetii tokkoo kan ta'e Biraandon Gufii nama ilmi isaa Gaaviin jedhamu bara 2022 keessa Insagram irratti irratti xiyyeeffatamuu hordofee of ajjeese waliin wal argeen ture. Waggaa 17 ture.
Du'a ilamasaatiin dura, Biraandon warra nama adamsanirraa nama eeguu hin dandeenye jechuun Meta himachuuf qophaa'aa ture.
Meetaan bara 2024tti akkaawuntii yakka saalqunnamtiin nama gowwoomsuu (sextortion) waliin walqabatu Naayijeeriyaa waliin hidhata qaban 63,000 ta'an haquusaa ibseera. Isaan keessaa 2,500 kanneen qaama networkiin qindoomina qaban ta'ee ijoollee ol adeemoo biyyoota Lixaarratti xiyyeeffatanidha.
Namoonni garuu kampaaniiwwan miidiyaa hawaasaa rakkoo bal'aa kana xiyyeeffannaa maluuf kennee hojjechaa hin jiru jedhu.
Dubbi-himaan Meta garuu neetiwoorkii gowwoomsitoota kanneenii dhaabsisuun, akkasumas qaamoleen seera kabachiisan deeggaruun hojjechaa jirra jedha.
"Addunyaarratti hojjetoota nageenyaarratti hojjetan 40,000tti siqan qabna. Waggoota kudhan darban keessa ammoo dhimma kanarratti hojjechuuf dolaara biliyoona 30 baasneerra," jedhe.
Maatii rakkoo gowwoomsitoota miidiyaa hawaasaan gaddi seene hojjetoota Meta keessa osoo hin hafiin mudateera.
Arutoor Bejaar daarektara injiinaringii duraabii Meta boodaa gara rakkoo keessaa kampaanichaa saaxiluutti deebe bara 2023 keessa Kongirasii US irratti dhiyaatee hoggantoonni kampaanichaa rakkoo hamaa karaa miidiyichaa daa'immaniifi ijoolleetti dhufaa jiru ilaalchisee akeekkachiisa kennamu fudhachuu didan jedhe.
Namni kun sirni ijoollee miidiyicha fayyadaman eeguuf tolfame bu'uurarraa hanqina qaba jechuun natti hime.
Meta'n tarkaanfiiwwan Bejaar akka fudhatamuuf yaada dhiyeesse hedduun isaanii duraanuu hojiirra jiru jechuun himannaa irratti dhiyaate waakkate.
Itti dabaluun bara darbe akkaawuntii dargaggootaaf eegumsa of keessaa qabu Instagram irratti kan jalqabe yoo ta'u, kunis namoota duraan walitti hidhaman qofaan ergaa erguu danda'a jechuudha.
Dubbi-himaan Meta akka jedhutti, wanti tokko akka sobaafi shakkisiisaa (spam) ta'ee yeroo gabaafamu, dhaabbatichi ulaagaa hawaasaa yoo hin hordofne tarkaanfii akka fudhatu himeera.
Dhimma Evaa Bootiler eeruun Snapchat ''maatii Bootiler gadda guddaa keessa jiran yaadaan waliin jiraachuu," ibseera.
"Snaapchat irratti gowwoomsaa saal-qunnamtiin walqabatu (Sextortion) irratti raawwachuuf obsi keenya zeeroodha. Gocha kana yoo arganne akkaawuntii kana balleessuuf tarkaanfii ariifachiisaa fudhanna, yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf gargaaruuf tattaaffii seera kabachiisuu ni deeggarra."












