Apple qorannoo BBC'n booda appii 'qullaa' kuusaasaa keessaa haqe

Dhaabbanni Apple erga BBC'n TikTok irratti beeksifni isaa akka qabiyyee waliigaltee malee "qullaa" fakkeessanii (deepfake) hojjechuu ta'usaa adda baaseen booda, garee appiiwwan kanneen Kuusaa Appii (AppStore) isaa irraa haqe.
Isaaniis appilikeeshiniiwwan "Declothing" ykn "nudify" jedhaman karaa dijiitaalaatiin suuraa namootaa irraa uffata balleessuun suuraa ykn viidiyoo qullaa ykn gartokkoonsaa qullaa ta'e uumaniidha.
Fuullii 'AppStore' marsariitiiwwan appii kanaas meeshaalee mijeessituu oofee ("spice selfie" jechuun ibsaniiru.
Haata'u malee, TikTok irratti dhaabbileen appii kunneen beeksisa kaffaltii qabu fayyadamuudhaan appii kana akka mala suuraa saalqunnamtii dubartootaa hayyamasaanii malee itti hojjetanitti beeksisaniiru.
Fayyadamtoonnis "suuraalee nama jaallattanii argachuuf" appii kana akka buufatan affeeramu.
Kan biraan ammoo, appilikeeshiniiwwan kunneen ''namni kamiyyuu uffata isaa akka baafatu gochuu danda'u'' jechuun dubbatan.
Kaan isaanii ammoo dandeettii, "nama kamiyyuu akka barbaadan fakkeessuu qabu" jechuun ibsan.
Appilikeeshiniiwwan kunneenis, UK dabalatee, hayyama namoota malee suuraa saalqunnamtii isaanii agarsiisuun seera biyyoota muraasaatiin gochaa seeraan ala ta'uu maluu, jecha garuu maqaasaanii hin dhoofne.
Appilikeeshiniiwwan "Nudify" qullaa namootaa agarsiisan kunneenis addunyaa guutuutti rakkoo guddachaa dhufe yoo ta'u, US'tti gareewwan shamarran mana barumsaa teeknooloojii kana fayyadamuun miidhamuun isaanii hubatameera.
Biyyoota akka Ispeen, Kooriyaa Kibbaa fa'i keessatti ammoo appiiwwan kanneeniin namoota maqaa guddaa qaban salphina cimaan mudataa jiraachuutu himame.
Haala muraasa keessatti ammoo miidhamtoonni suuraasanii fayyadamuun maqa balleessiin irratti raawwatmaa jiraachuun barameera.

Dhaabbileen teeknooloojii baay'ina appii qullaa namootaa karaa Deepfake'n hojjatamu gadhiisan daangessuuf dirqama naamusaa qabu jedha Pirofessar Arviind Naaraayaanaan 'Princeton's Center for Information Technology Policy' irraa.
"Bakkee garaa garaatti namoonni teknooloojii kanaan akka hin qabanne dhaabuuf waldhabdeen baay'een dabalataan jiraachuu qabaata," jedhan.
Itti dabalunis, qaamooleen addunyaa imaammata baasanis appii kana kuusaa appii irraa dhorkuu fi miidiyaaleen hawaasaas "beeksisa appiiwwan kanneenii irraa bu'aa argachuu" akka hin dandeenye mirkaneessuu qabu jedhan.
Agarsiiftuuwwan beeksisa TikTok tokko tokko keessatti suuraa namoota bebbekamoo fi urjiilee 'Game of Thrones' kan taatee Lenaa Heedii fi Maayisee Wiliyaams fa'i fayyadamuun akkaataa dubartoonni sobaan itti uffata jalaa itti ofiirraa baasan agarsiisuu.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn appii akkanaa afur kanneen karaa beeksiisa TikTok'n dabarfamaa turan garuu amma haqaman adda baaseera.
Haata'u malee, viidiyoowwan walfakkaatan akkaawuntii appiicha hojjetan waliin hidhata qaban irratti mul'atan marsariiticha irratti hafaniiru.
Dubbi himaan TikTok akka jedhanitti, beeksisni kun imaammata marsariitiichaa viidiyoo qabiyyee saalqunnamtii kakaasan kaffaltiidhaan beeksisuu akka hin hayyamne jedhu cabseera.
Dhaabbatichi beeksisni kun akkamitti adeemsa to'annoo keessa akka darbe garuu hin ibsine.
Applenis gamasaatiin gabaasa BBC kanaaf deebii kenneen appii kana kuusaa ykn 'AppStore' isaa irraa haqeera.
Akka jedheettis, hanga ''qaamni hojjate appiiwwan isaaniitiin rakkiinichaaf furmaata argatuutti'' sadan isaaniitu haqamaniiru.
Inni afraffaan suuraa dubartootaa irraa viidiyoo shubbisaa walakkaa qullaa uumuu irratti ogummaa addaa ta'e qabu "haqameera, akkaawuntii hojjattoota isaas addaan kutameera."
Kuutaan tapha Goodiil (Google Play Store) gamasaatiin appii kana qorachaa akka jiru ibseera.
Appilikeeshiniiwwan BBC'n qorate keessaa inni baayyee turan yeroo miliyoona tokkoo ol kan buufame ta'u appii Google's Play app store ibseera. Apple garuu baayyina namoota buufatanii hin agarsiisu.

Appichi suuraan guutummaan qullaa ta'e akka uumamu yoo hayyamu hin mul'atu, garuu suuraan saalqunnamtiin wal qabatu nama kamiituu haala salphaatti hojjetamuu danda'a.
Hojjetaan appiichaas "qabduuwwan" qophaa'aa ta'e suuraa dubartoota afaan banatanii lafarra jiran ykn kutaa qaama dhiqannaa keessa jiran uumuu dabalatee, suuraalee gosa adda addaa uumuuf qophaa'e dhiyeessa.
TikTok irratti appichi akka karaa ittiin "suuraalee nama jaallattan filmaata keessaanii argachuuf" gargaaruutti beeksifama.
Oomishaan appii kanaas akka meeshaa waliigaltee malee fakkeefamee hojjatame (deepfake) ta'etti beeksisuuf akka hin yaadnee fi gocha isaa akka gamaaggamu iimeelii irratti deebii kenneera.












