Sidaamaatti 'dubartoonni surree uffachuu hin qaban' jechuun namoonni qoccollaa saalaan shakkaman hidhaman

Dubartoota irratti qoccollaan saalaa yeroo gahu

Madda suuraa, SM

Naannoo Sidaamaa godina Kaaba Sidaamaa, magaalaa Wandoo Gannatitti ''dubartoonni qamisii [wandaboo] malee surree uffachuu hin qaban'' jechuun dubartootarra qoccollaan gahuu hordofee dhimmichi ijoo dubbii tahee tureera.

Viidiyoon dhimma kana ilaallatu baayyeen miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture.

Aanaa Wandoo Gannatitti ittigaafatmaan gurmaa'insa Paartii Badhaadhina Obbo Isheetuu Daani'el namoonni dhimma kanaan hidhata qaban ja'a qabamaniiru jedhan.

''Mirga namoomaa waan sarbaniif himannaan irratti banama,'' jedhaniiru.

Obbo Isheetuun akka jedhanitti gabaa jimaa irratti Fulbaana 20/2018 A.L.I dargaggoonni odeeffannoo ''dogoggoraa qabachuun surree dubartootaa baasuuf yaaluun,'' qoccollaa saalaa raawwachuun shakkamtoota ijoo kanneen jedhaman to'anno jala oolchaniiru.

Kaleessa gara naannoo sa'atii 11 ''dubartii surree uffatte yoo argitan irraa baasaa jedhamneerra,'' jechuun dubartootarra qoccollaan saalaa gaheera jedhan.

Viidiyoowwan kaleessa miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa turan dubartoonni dhiirota ol adeemoon marfamanii uffati isaanii yeroo meeshaa qara qabuun irraa tarsaafamu mul'ateera.

''Gabaan jimaa naannoo sa'atii 11 waan ho'uuf namni jimaa bituuf haala fakkaatuun walitti kubbee ture,'' jedhaniiru.

Obbo Isheetuun viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture ilaalchisee yoo dubbatan,''dubartii viidiyoonshee miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifame arii'achuu gaafa jalqaban uummati dhorkaa ture.

Dubartii kana arii'aa surree irraa tarsaasuun irraa baasuuf ture,'' jedhan.

''Shakkamtoonni ijoo jedhaman jaha qabamaniiru. Mirqaana qofa osoo hin taane qoricha sammuu hadoochu biraas waan fayyadamaniif oduu ofiisaaniin uumanii jalqabanidha. Odeeffannoon isaan eenyurraayyuu argatan hin jiru,'' jechuun dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Torbee darbe jaarsoliin naannoo walitti qabamanii gatii gabbaraa naannichatti akkaan dabale daangessuuf ''gatiin gabbaraa kuma 15 haa tahu,'' kan jedhuun murteessaniiru.

Maree kanarratti waa'ee uffannaa dubartootaa waan jedhame jiraachuu baatus, ''dubartiin surree uffattu surreenshee tarsa'ee qullaa haa deemtu, '' jedhameera jechuun jalqaban malee maddisaa maal akka tahe hin beekamu jedhan

Jiraataan naannichaa Obbo Akliiluu jedhaman ''naannoo baadiyyaa fagoo keessatti dubartoonni surree uffachuun sirrii miti,'' mareen jedhamu taasifameeera oduun jedha hafarfamaa ture jedhan.

''Kana jedhanii marii'atan fakkaataa, kashlabbeewwan Wandoo Gannat keessa jiran oduu kana dhagahanii magaala keessatti rakkoo uuman. Kashlabboota magaalaati, kan gatii qaban miti,'' jechuun dubbataniiru.

''Dhimma akka tasaa mudate dha. Waan namni baayyee dhagahellee miti. Dubbii kana kan dubbatan jaarsolii biyyaas miti,'' kan jedhan Obbo Akliiluun ''uummanni gochaa kana mormeera,'' jechuun BBCtti dubbataniiru.

Hogganaan paartii Badhaadhinaa Obbo Isheetuunis kaleessa gara galgalaa ''uummanni akkamiin waan akkasii raawwata,'' jechuun mormii dhageessisuu himan.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa maal jedhan?

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti qoodame fayyadamtonni argan baayyeen dheekkamsa dhageessisaa turan.

Kanneen mormii dhageessisan bulchiinsi magaalichaa hatattamaan tarkaanfii akka fudhatan gaafataniiru.

Akkaawuntiin Feesbuukii Akaaluu Baqqala maqaa jedhuun jiru ''Wandoo Gannatitti waan tahaa jiruun gaddeera,'' jechuun seerri akka kabajamu waamicha dhiyeesse.

Falmataan mirga namoomaa Iyyaaspeed Tasfaayee gamasaan ... biyya akka Itoophiyaa keessatti ''naamusaafi hayaatni madduufi hojiirra ooluu kan qabu aadaa, jaarsummaafi amantii irraa osoo hin taane heera biyyattii irraa tahuu akka qabu fakkeenyi biraan hin jiru,'' jechuun yaadasaa dhiyeesseera.

Rogeessaafi falmataan mirgaa Bafiqaaduu Haayiluu gamasaan tarkaanfii bulchiinsa magaalaa Wandoo Gannat fudhateef galateeffatee, murtoon keename hojiirra akka oolu gaafateera.

Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa,''mareen jaarsolii waan uffannaa wajjin wal argu akka hin qabneefi surree uffadhaas, hin uffatiins hin jenne, surree uffachuun mirga namoomaati,'' jedhan.

Dabaluunis oduun kuni maddisaa hin beekamu. Mareenis hin godhamne. Jaarsoliin maree gabbaraa irratti taasisaniyyuu ifatti hin baasne, hojiirras hin oolle,'' jedhaniiru.

Kantiibaa magaalaa Wandoo Gannat akkasumas waajira Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii irraa deebii argachuuf irra deddeebiin yaalullee hin milkaa'in hafeera.