Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Caasaan basaasaa Raashiyaa Poolaandi keessaa guutummaan diigame
Neetwoorkiin basaasaa Raashiyaa Poolaandi keessaa guutummaatti diigamuu ministerri humna ittisa biyyattii hime.
Maariyuus Bilaaszaak tajaajila basaasaa biyyattii galateeffachuun yaaddoon ture dhugaama lafa jirudha jedhan.
Bal’inaan akka boodarra ibsatan waadaa seenaniiru.
Roobii kaleessaa gabaasni raadiyoo tokko namootni jaha lammiilee biyyoota Poolaandi Bahaan jiranii tahan to’annoo jala oolfamaniiru.
Raadiyoo FM RMF jedhamu gareen kun badii hojjechuuf karoorsanii ture jedhe. Kaameeraa icciitii hedduu naannoo daangaa Yuukireenitti dhiyoo fi bu’uuraalee misoomaa naannichaa agarsiisanitti hidhuus himeera.
Kaameeraa gariin cina buufata xiyyaaraa naannoo xiqqoo Rizeszow Jasiyonka jedhamtuutti yoo tahu bakkichi hula murteessaa idil adunyaa deeggarsi namoomaafi waraanaa Yuukireeniif itti dhiyaatutti jijjiirameera, jedhe raadichi.
Xiyyaarotni fe’umsaa fi waraanaa US fi Awurooppaa keessaa meeshaa fe’an buufata xiyyaaraa kana fayyadamuun gugyya guyyaatti balali’u.
Loltootni Ameerikaa yeroo deeggarsa konkolaatota Yuukireeniif geessuuf eeggatanitti fe’an mul’ataa turan.
Konkolaatotni kunneen deeggarsicha achii fuudhuun gara fageenya kiilomeetira 100 deemuun Yuukireeniin gahu.
Bakkichi bakka baay’ee murteessaa waan taheef Ameerikaan sirna ittisa qilleensaa beekamaa ishee Paatiroot jedhamu naannichatti bobbaafteetti.
Ji’a darbe Joo Baayiden yeroo gara Yuukireen deeman buufata xiyyaaraa kanatti bu’aniiti.
Erga waraanni Yuukireen jalqabeen as waraanni basaasaa Raashiyaa fi biyyoota Lixaa gidduu waggoota dheeraaf ture inumaa hammaatee itti fufe.
Poolaandi michuu Yuukireen yoo taatu, namota hedduu Raashiyaaf basaasu jettee shakkites hiitee jirti.
Ji’a darbe, abbaan alangaa lammii Raasjiyaa waggoota dheeraaf Poolaandi jiraate bara 2015 hanga 2022tti Raashiyaaf basaaste jechuun himata irratti bane.