Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'iinsi Chaayinaafi biyyoota Lixaa gidduu dhihaachaa jiraa?
Biyoonni sadi: Awustiraaliyaa, UKfi US wal-ta'iinsan doonii waraanaa galaana jalaa nikularaa ijaaruf erga walii galanii booda Chaayinaan dheekkamte.
Jalqaba torbee kanaa gaafa Bitootessa 13, 2023 Awustiraaliyaa, UKfi US yaaddoo nageenyaa Chaayinaa irraa isaanitti dhufu qolac huuf wal-ta'iinsa doonii waraanaa galaana jalaa kan nikulara baatu hojjachuuf walii galuu isaanii beeksisanii turan.
Chaayinaan waggoota dhiyoo as naannoo Indoo Paasifikiitti sochii waraanaa taasiftu cimsataa jirti.
Sochii Chaayinaan taasiftu kana dura dhaabbachuuf waliigaltee "Aukus" jedhamu Awustiraaliyaa, UKfi US walii galuun isaanii gama biraan Chaayinaatti waan yaaddoo uume fakkaata.
"Daandii hamaarra deemaa jiru, yaaddoo hawaasa addunyaatif kabaja kennuu dhabuudha. Wal morkiin meeshaa waraanafi boombii nikularaa akka uumamuuf karaa banuudha," jechuun Chaayinaan balaaleffatte.
Chaayinaan diingadeenis ta'ee humna waraanan biyya akkaan cimtuudha. Dhiyeenya kana pirezidaantin biyyattii Shii Jin Piing bajata waraanaa guddaa ramaduufi nageenya biyyaalessatif dursa kennuun karoora isaanii akka ta'e beeksisanii turan.
Ministirri Muummee UK Riishii Suunaak yaaddoo nageenyaa waggoota dhufanitti mudachuu malu qolachuuf ariitin hojjachuu akka qaban dubbatan.
Sadarkaa kanarra gahun akkamitti danda'ame? Naannoo Paasifikitti Chaayinaafi michoota US gidduutti walitti bu'iinsi hamaan mudachuuf jedhaa?
Biyyoonni lixaa Chaayinaa akka dansaatti waan hubatan hin fakkaatu. Waggoota hedduuf, diinagdeen Chaayinaa yoo banaa ta'e bilisummaan siyaasaa caalmaatti ni jiraata jedhanii yaadaa turan.
Dhaabbileen daldalaa biyyoota lixaa gabaa Chaayinaa seenanii lammiilen biyyattii miliyeena heddu ta'an jiruu gaarii jiraachuu eegalan, akkasumas Paartin Komunistii Chaayinaa (CCP) dhiibbaa uummatarraan gahu ni xiqqeessa, dimokiraasii hamma tokko hayyamuun guutummaatti jijjiiramni ni dhufa jedhanii yaadaa turan.
Garuu akka isaan abjootan hin taane.
Chaayinaan diinagdeedhan biyya cimtuu taatetti. Addunyaa guutuu waliin hidhata tolfattee gabaa addunyaa gara to'achuutti cehaa jirti.
Haa ta'u garuu gama dimokiraasifi gabaa bilisaa uumuu irratti ejjannoo isheerraa hin sochoone. Biyyoota ollaa kanneen akka Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi Filippiins dabalatee biyyoonni lixaa tarkaanfii Chaayinaa kana shakkiin akka hordofan isaan taasiseera.
Biyyoota lixaafi Chaayinaa dhimma maaltu akka wal-gaarreeffataniifi wal morkatan isaan taasisa? Muraasni isaanii kunooti:
- Taayiwaan: Chaayinaan irra deddeebin barbaachisaa taanan oddoola Taayiwaan humnaan akka fudhattu dhaadataa turte. Baayidan garuu Chaayinaan humnaan dhufti taanan, US gara Taayiwaan gortee akka loltu dubbatanii turan.
- Galaana Kibba Chaayinaa: Waggoota dhiyoo as Chaayinaan humna galaanaa ishee fayyadamuun qaama bishaanii Kibba biyyattii walakkaa isaa dhuunfataa jirti. Kanas akka daangaa isheetti ilaalti, faallaa seera idila addunyaa ta'us.
- Teekinoolojii: Chaayinaan olaantummaa gabaa addunyaa to'achuudhaf dhoksaadhan odeeffannoo dhuunfafi argannoowwan teekinolojii heddu saamtetti jedhamuun himatamti.
- Hong Kong: Beejing bulchiinsa dur kolonii Biritiish turte Hong Kong keessatti dimokiraasun akka quucaru gochuufi kanneen mirga namaaf falman irratti hidhaa yeroo dheeraa murteessuu irratti itti milkooftetti.
- Musliimota Uyghur: Ragaalen saatalaayitiifi namoota ijaan arganii akka agarsiisutti Chaayinaan bulchiinsa Shinjiyang keessatti musliimota Uyghurs miliyoona tokkotti dhiyaatan kaampii keessatti uggurtee jirti.
Gama waraanan, Chaayinaan yeroo ammaa kana biyya akka salphaatti jilbeenfattu miti. Waraanni Chaayinaa (People's Liberation Army) teekinolojii, kalaqaafi lakkoofsan illee gahuumsa guddaa agarsiisaa jira.
Fakkeenyaf, misaa'elli hayipparsoonikii Chaayinaa 'Dong Feng' jedhamu saffisa sagalee harka shaniin kan caalu yoo ta'u dhootuu baay'ee guddaa ta'e ykn nikulara baachun bakka qiyyaafate rukutuu danda'a.
Kuni ammoo buufata humna galaanarraa US kan Jappaan Yokosuukatti argamuuf yaaddoo guddaadha.
Misaa'ela baalistikii nikulara baatu lakkoofsan heddu ta'e omishuufis karoora guddaan hojjataa jirti.
Kana jechuun Chaayinaan waraana banti jechuu miti. Dhimma Taayiwaan irrattis taanan dhukaasa osoo hin banin dhiibbaa guddaa gaggeessun Taayiwaan akka harka kennattu gochuu filachuu dandeessi.
Waa'ee Hong Kong, Musliimota Uyghursfi hanna teekinolojiifi kalaqaa irratti qeeqni irratti ka'u yeroon booda qorraa akka deemu ni beekti. Sababni isaa ammoo fedhiin addunyaa inni guddaan daldala Chaayinaa waliin taasisuudha waan ta'eef.
Ammatti walitti dhufeenyi Chaayinaafi biyyoota lixaa muddamaan kan guutame ta'uf, naannoo Paasifikitti walitti bu'iinsi yoo uumame Chaayinaafis ta'ee biyyoota lixaaf balaa hamaa akka ta'e ni beeku. Fedhii isaanis miti.