Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkanii fi MM Abiy maal mari'atan?
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan MM Itoophiyaa Abiy Ahimed waliin dhimma hariiroo biyyoota lameenii fi nageenya naannoo irratti mari'atan.
Gaggeesitootni lameen waliigalteen dhukaasa dhaabuu waraana Kaaba Itoophiyaa booda irra gahame sadarkaa gaarii irratti akka argamu waliin dubbataniiru.
Kunis deeggarsi namoomaa argachuun fooyya’uu, tajaajilootni bu’uuraa naannicha keessatti deebi’uu irratti waliin dubbataniiru.
Nageenya waaraa naannicha keessatti fiduuf hojii qaamoleen lamaan hojjetan Ameerikaan akka deeggartu Biliinken himaniiru.
Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaatti yakka raawwatamaa tureef itti gaafatamummaan jiraachuu akka qabu, lamaan isaanii waliigaluu himameera.
Akkasumas haqi yeroo ce’umsaa hunda hammatu, jiraachuu akka qabus mari’ataniiru.
Biliinken rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaan akka yaaddoo qaban himuun, karaa marii furamuu qaba jedhan.
Dhumarratti Ameerikaan lammiilee Itoophiyaa sababa goginsaan miidhamaan deeggaruu akka itti fuftu himaniiru.
Mariin isaanii kun hariiroo Itoophiyaa fi Ameerikaa qabbanaa’ee ture deebisee cimsuuf ni oolas jedhama.
Eega waraanni kaaba biyyattiitti balaa buuse qondaalli olaanaa Ameerikaa Itoophiyaa yoo daawwatu kuni kan duraati.
Biliinkan Kibxata halkan yeroo Finfinnee gahan Ministir Di’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Misgaanu Argaa simataniiru.
Daawwannaa isaaniin dhimmi ijoo mari'atan waa'ee hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa jalqaba waggaa kanaa mootummaafi TPLF gidduu irratti walgahamedha.
Akkasumas dhimma haqa yeroo ce’umsaa irratti aangawoota Itoophiyaa waliin akka mari’atan waajjirri isaanii beeksiseera.
Guyyoota dura qondaalli olaantuu Ministeera Dhimma Alaa US Mooli Fii akka beeksisanitti Biliinkan qondaaltota TPLF Finfinneetti ni dubbisu.
Dhaabbileen mirga namoomaa Biliinkan Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin yeroo mari’atan ajandaan isaanii ijoo waa’ee haqaafi itti gaafatamummaa akka ta’u qabu gaafataniiru.
Qondaalli olaanaa Ameerikaa kuni Itoophiyaati gara Niijer imaluun dura, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faaki Mahaam waliinis akka wal argan eegama.
Marii Biliinkan Obbo Dammaqaa waliin taasisan irratti Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa DR. Inj. Silashii Baqqala argamaniiru.
Akkasumas Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US Maayik Haamar qooda fudhataniiru.
Itoophiyaafi US hariiroo waggoota 100 oliif ture qabu. Haa ta'u malee, waraanni kaaba Itoophiyaatti adeemaa ture hariiroo isaanii rakkoo buuseera.
Waliigalteen nagaa kan Ameerikaanillee keessatti qooda qabdu eega milkaa’e garuu Itoophiyaan suutuma hariiroo biyyoota lixaa waliin qabdu fooyyessaa jirti.
Taatullee hariiroon biyyoota lameenii lafa duraatti akka hin deebine qondaalli olaantuu Ameerikaa Moolii Fii ibsaniiru.
Waraana waggaa lamaaf adeemaa turen badiiwwan jajjabootu raawwate.
Waliigaltee nagaa booda dhimmoota Itoophiyaafi biyyoota lixaa walitti buusuu malan keessaa tokko waa’ee sarbama mirga namoomaa yeroo waraanaa dhaqqabanidha.
Mootummaan Itoophiyaa badiiwwan raawwataman ‘haqa yeroo ce’umsaan’ furmaata akka argatan fedha.
Gareen ekispartoota UN’n hundaa’e garuu biyya keessa seenuun qoratee itti-gaafatamni akka jiraatu barbaada, dhiibbaas gochaa jira.