Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bilinkan haala Tigraayifi rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuu irratti MM Abiy waliin dubbatan
Ministirri Dhimma Alaaa US Antoonii J. Bilinkan haala tasgabbii dhabuu naannoo Oromiyaa keessa jirutti xumura gochuun danda’amu irratti Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) waliin haasa’uu isaanii dubbi himaan waajira haajaa alaa Need Piraayis himan.
Ameerikaafi biyyoonni Lixaa kaan dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa ture irratti yeroo gara garaa wayita dhimmanii dubbatanitti rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruuf garuu gurra kennaa hin turre kutaaleen Oromiyaa hedduu tasgabbii dhabuu keessa jiru.
Ta’us garuu, rakkoo Itoophiyaa keessa jiruuf furmaataa waaraa fiduuf mariin hunda galeessa ta’eefi qaamolee hunda hirmaachise jiraachuu akka qabaatu irra deddeebiin gaafachaa turaniiru.
Ministirri Haajaa Alaa US Antoonii Bilinkan wayita MM Abiy Ahmad waliin bilbilaan dubbatanitti loltoonni Ertiraa Kaaba Itoophiyaa keessaa bahaa jiraachuu dabalatee sadarkaa hojiirra oolmaa Waliigalteen Waraana Dhaabuu Sadaasa 2 mallattaa’e irra jiru kaasaniiru jedhan Need Piraayis.
Aanga’oota lamaan gidduutti mariin taasifamuu gama mootummaa Itoophiyaatiin wanti jedhame hin jiru.
Kaaba Itoophiyaa keessatti nageenya guutummaatti mirkaneessuuf kun tarkaanfii gaariidha kan jedhan Antoonii Bilinkan, qorattoota mirgoota namoomaa idil-addunyaaf haalli ittiin seenan akka mijaa’ufis gaafataniiru.
Dabalataan adeemsa Kaaba Itoophiyaatti nagaa fiduu gaggeessummaa Gamtaa Afrikaatiin hojjetamaa jiru deeggaruudhaaf Yunaayitid Isteet mirannoo akka qabdus MM Abiyyiif mirkaneessaniiru Antoonii Bilinkan.
Rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti waggoota afran darbaniif itti fufe uummata naannichaa nagaa dhorkuurra darbee miidhaa hawaas-dinagdee guddaaf saaxilaa tureera.
Rakkoon uummaticharra bubbule kun hanga malu gurra miidiyaa, biyyoota Lixaafi hawaasa idil-addunyaa hin arganne.
Finciltoota Tigraay waliin araara kan buusan Ministirri Muummee Abiy Ahimad naannoo keessa dhalataniifi hundee siyaasaa paartii isaanii ta’e keessatti garuu rakkoon nageenyaa hammaatee itti fufeera.
Ajjeechaan booda kana, keessumaa hidhattoota Amaaraan godinoota Wallaggaafi bakkeewwan Oromiyaa daangessanitti hammaate mufii uumee dargaggoonni aangootti bahuu MM Abiy tumsan mormii ibsachaa jiru.
Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jedhuufi badiiwwan nannichatti mudatuuf himataman bakki qaama sadaffaa jirutti marii taa’uf akka fedhan kana dura ibsaa turaniiru.
Paartileen siyaasaa, qaamoleen idil-addunyaa garagaraafi kaanis rakkoon nageenyaa naannoo guddicha nagaa dhabde keessa jiru karaa nagaan akka furamu gaafataa turaniiru.
Mootummaan garuu hidhattoota ‘’ajandaa siyaasaa hin qabne’’ jedhe waliin akka hin teenye dhihoo ibseera.
Miseensonni paarlaamaa naannoo Oromiyaa irraa ta’an akkuma Kaaba Itoophiyaatti ta’e mariin rakkoo Oromiyaa keessa jiru ni fura jedhanii abdataa turan hin ta’iin jiraachuun isaa isaan mufachiisuu BBCtti himanii turan.
“Rakkinniifi salphinni Oromoo har’as itti fufeera; Oromoon boqonnaa dhabeera; ajjeechaafi qe’ee ofiirraa buqqa’uun cimee itti fufeera,’’ kan jedhan miseensonni kunneen gaaffii jajjaboo kaasan.
Marii erga taasisaniin booda xalayaa fuula sadii qabuufi qabxiiwwan 10’n irratti wal ta’an MM Abiy Ahimadiif dabalatee erganiis turan.