Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltootni Eertiraa gidduugaleessa Tigraayii bahuu eegalan jedhan jiraattotni
Loltootni Eertiraa bakka baay'inaan buufatanii jiran gidduu galeessa Tigraay naannolee akka Aduwaa fi Aksuum keessaa bahuu eegaluu jiraattotni BBC'tti himan.
Ganama har'aa irraa eegalee loltootni Eertiraa konkolaattota gurguddaan fe'aman magaalittii keessa darbuu jiraataan magaalaa Aduwaa tokko himaniiru.
''Ganamaa qabee konkolaattotni fe'isa uummataa baayyee hedduun, siinootiraakiifi ayisuuzuun bahaa turan.''
Jiraataan naannichaa biraan loltootni kun sirbaa konkolaattotni sagalee afuufaa darban jedhan.
''Alaabaa qabatanii sirbaa dhaadannoowwan adda addaa ''Ertiraan ni ittisa ni injifatti jedhu fa'a qabatanii imalaa turan.''
Qarqara magaalota naannichaarratti loltootni mootummaa Itoophiyaa akka jiranis himaniiru.
Guyyaa lama dura konkolaattotni loltoota Eertiraa fe'an gara magaalaa Raamaa imaluu isaanii kan himan jirattotni kun, konkolaattotni alanaa kun garuu loltootaan cinaatti meeshaalees fe'anii akka darban dubbatu.
''Guyyaa lama dura konkolaattotni 20-30 ta'an gara Addi Bariih jedhamutti darbaniiru. Kan har'aa wanti adda godhu tokko loltootni baayyee ta'uu isaani kan lammataa ammoo waan hunda kan fe'an ta'uu isaaniiti. Meeshaaleen farra xiyyaaraallee ayisuuzuutti fe'amanii turan.''
Humnoota Tigraayiifi mootummaa Federaalaa gidduutti waraana waggaa lamaa goolabuuf waliigalteen dhukaasa dhaabuufi gara sirna heeraatti deebi'uu erga mallatteefamee ji'a sadii ta'uuf adeema.
Bu'uura waliigalteewwan Piriitooriyaafi Naayiroobiin humnootni Tigraay hidhannoo hiikanii meeshaalee gurguddaas mootummaa federaalaaf yoo deebisan, humnootni humna ittisaa federaalaan ala jiran ammoo naannoo Tigraay keessa bahu.
Torban darbe keessa humnootni Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddaa akka taankii mootummaa Itoophiyaatti dabarsanii kennanii ture.
Haata'u malee, waayee loltoota Eertiraa naannicha keessa jiran ilaalchisee odeeffannoon bahaa ture kan waldhahu ture.
Jirattootan magaalaa Aksuum BBC'n dubbise har'a ganama naannoo sa'aa 2:30 irraa eegalee konkolaatni kurnaan lakkaawwaman loltoota hedduufi meeshalee waraanaa fe'atanii gara Shiree imalaa akka turan himaniiru.
Jiraataan magaalichaa obbo Barrihuu Kahaasaay taankiifi madfii dabalatee loltootni hedduun magaalittii qaxxaamuruu himaniiru.
''Konkolaattota 70, taankii 12, Zuu 4 lakkaa'eera. Ammallee darbaa jiru. Adawaa irraa dhufanii gara Shireetti darbaa jiru.''
Konkolaattotni kunniin ''Eertiraan mo'atte'' dhaadannoo jedhu qabatanii yeroo darban jiraattotni Aksuum daandiitti bahanii taajjabaa turan jedhu obbo Barrihuun.
Guutummaatti gadhiisanii bahaa kan jiran fakkaata. Uummatni gammadee daandiitti baheera.''
Waraana gaaga'aa waggaa lama dura humnoota Tigraayiifi mootummaa federaalaa gidduutti dhalateen walqabatee humnootni Eertiraa mootummaa Itoophiyaa deeggaruun Tigraay keessatti lolaa akka turan hawaasni idila addunyaa ibsuun mormaa ture.
Loltootni kun Tigraay keessatti sarbama mirga namoomaa adda addaa raawwachuunis himatamaa turan.
Hirmaannaa loltootni isaanii waraana kana keessatti qaban kan hin amannee pireezidant Isaayyaas bara faranjootaa haaraatti ibsa kennaniin eenyuun akka ta'e maqaa osoo hin dhahiin qaama ''diina'' ittiin jedhan tasgabbeessuu ibsanii ture.