Waa'ee saalqunnamtii saala walfakkaataa seerri yakkaa Itoophiyaa maal jedha?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan biyyoota saalqunnamtiin namoota saala walfakkaataa qaban gidduutti raawwatamu dhorkaa itti ta'e keessaa tokko.
Dhimmi jaalala, gaa'ela akkasumas saalqunnamtii namoota saala walfakkaataa qaban gidduutti raawwatamuus yeroo garagaraatti ijoo dubbii miidiyaalee hawaasaa yeroo ta'an mul'ata.
Tibba kanas dhimmichi namoota dhuunfaan walqabsiifamee bal'inaan irraa dubbatamaa jira.
Garuu Seerri Yakkaa Itoophiyaa waa'ee saalqunnamtii saala walfakkaataa (middiisa) maal jedha?
Adam Usmaan, Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baaletti Abbaa Adeemsa Yakkoota Adda Addaa yemmuu ta'an, yakki middiisa (saalqunnamtiin namoota saala walfakkaataa gidduutti raawwatamu) gochaa hanga hidhaa umrii guutuu adabsiisu ta'uu himu.
"Seera yakkaa biyya keenyaa bara 1996 bahe keessatti gochoota yakkisiisoo ta'an keessaa tokko saalqunnamtii amala faallaa uumamaa ta'e jechuun kan kaa'amedha" jedhu.
Dabaluunis "Kaayyoon seera kanaa gochoota safuu hawaasaaf faallaa ta'anfi gama amantaafi aadaan fudhatama hinqabne ittisuufi" jedhan.
Haaluma kanaan gochaan middiisaa Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 629 jalatti eeramee akka jiru kan himan Abbaa Alangaa Adam, middiisa (saalqunnamtii saala walfakkaataa) fi gochoota biroo kabaja qulqullummaaf yookiin amala gaariifi safuu hawaasaaf faallaa ta'an rawwachuun kan adabsiisu ta'uu himu.
Haaluma kanaan "Namni kamiyyuu nama biroo isa waliin saala walfakkaatu qabu waliin miiddisa yookiin gocha biroo kabaja qulqulluummaaf, safuuf yookiin amala gaariif faallaa ta'e kan raawwate yoo ta'e hidhaa salphaadhaan ni adabama" jedha keeyyatichi.
Haa ta'u malee dhimmoonni haalawwan yakkichifi adabbiin itti cimu seera yakkaa keewwata 630 jalatti tarreeffamanii jiru.
Haalawwan yakkicha cimsan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Seerri yakkaa jalqaba dhimmicha yakka erga taasiseefi adabsiisuu akka danda'u erga ibsee booda dhimmoota adabbii ol kaasuu danda'an tarreessee jira" jedhu Abbaa Alangaa Adam Usmaan.
Haaluma kanaan dhimmoota adabbii cimsan keessaa tokko yakki kun rakkina maallaqaa yookiin gadda sammuu nama biroo fayyadamuun kan raawwatame yoo ta'e akka ta'es himu.
Dabaluunis namni yakkicha raawwate miidhamaaf bulchaa, guddistuu, eegduu, barsiisaa, hojjechiisaa yookiin mindeessaa yoo ta'e yookiin hariiroo walfakkaataa biroo qaban seeraan ala fayyadamuun gocha middiisaa yookiin kabaja qulqullummaaf faallaa ta'e yoo raawwate/tte hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen akka adabamu/tu himu.
Haalli ulfaataan yemmuu mudatu immoo hidhaa cimaa waggaa 10 hincaalleen akka adabsiisus himan.
Gama biraatiin keeyyata 630 lakkoofsa 2 jalatti immoo yakkichi humna, doorsisa, dirqisiisuu, daba yookiin gowwomsuu fayyadamuun yoo raawwatame yookiin immoo of irraa ittisuu dadhabuu, humna dhabuu yookiin of wallaaluu miidhamtichaatti garmalee kan fayyadame yoo ta'e hidhaa cimaa waggaa 3-15 gahuun adabsiisa.
Dabalataan "balleessichi miidhamaa yookiin miidhamtuu kan darare yookiin gochaan garajabinaa yoo raawwatame yookiin immoo dhukkuba nafsaalaa akka qabu osoo beekuu kan itti dabarse yoo ta'e hidhaa cimaa waggaa 3 hanga 15 gahuun adabamuu akka danda'u kaa'ee jira" jedhan.
Kana malees miidhamaan yookiin miidhamtuun dhiphina, leeyyoo yookiin abdii kutachuu irraa kan ka'ee yoo of ajjeese (ajjeeste) haala walfakkaatuun hidhaa cimaa waggaa 3-15 gahuun akka adabsiisuus Abbaan Alangaa himaniiru.
Yakkichi daa'immanirratti yoo raawwatame
Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwatni 631 immoo miidhaa middisaafi gochaaleen biroo kabaja qulqullummaaf (safuuf) faallaa ta'anfi ijoollee gaa'ilaaf hingeenye irratti raawwataman akka adabsiisan hima.
Haaluma kanaan namni tokko daa'ima saala walfakkaataa qabufi umriinsaa waggaa 13 ol ta'efi waggaa 18 hinguunne irratti yakka middiisaa yoo raawwate hidhaa cimaa waggaa 3-15 gahuun akka adabamu lafa kaa'ameera.
"Umriin miidhamaa waggaa 13 gadi yoo ta'e immoo hidhaa cimaa wagga 15-25 gahuun adabamuu akka danda'u keeyyaticha keessatti eerameera" jedhan.
Dabalataan miidhamaan/miidhamtuun yakki middisaa irratti raawwatame barataa yookiin hojjetaa manaa balleessichaa yoo ta'e/taate yookiin balleessichi guddistummaan kan guddisu yookiin karaa biroo kamiiniyyuu kallattiin maxxantummaa yookiin too'annaa isaa jalattikan argamu/tu yakkichi nama biroon yeroo raawwatamu irra caalaa nama akaakuu akkanaa irratti adabbichi akka cimus seerri yakkaa hima.
Kana malees gochichi miidhamticha irratti du'a yookiin miidhaa qaamaa yookiin sammuu cimaa hordofsiiseera yoo ta'e, yookiin miidhamtichi (miidhamtittiin) dhiphina, leeyyoo yookiin abdii kutachuu irraa kan ka'een of kan ajjeese (ajjeefte) yoo ta'e; adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu akka ta'us keeyyata 631 jalatti eerameera.
Gama biraatiin middiisaan cinatti kabaja qulqullummaa sarbuun akka adabsiisu seera yakkaa keessatti kan kaayame yemmuu ta'u kunis namni tokko nama isa waliin saala walfakkaataa qabu waliin yoo waltuqqii qaamaa hinmalle yoo raawwatellee seeraan kan adabsiisu akka ta'es abbaan alangaa himaniiru.















