'Tik Tok irratti otoon sirbuu mul'adhee lubbuu koo dhabeen oole'

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Dhiiroti lama Itoophiyaatti lafa sirbaatti otoo waliin dhiichisanii viidiyoon isaanii TikTok irratti maxxanfamee jibba jaalattota saala wal-fakkaataa (LGBTQ) kaasnaan isaan keessaa tokko biyyaa baqateera.
Jarreen lamaan akka viidiyoo waraabamaa jiran hin beekan ture. Viidiyoon kunis jalqabarra Instaagiraamii irratti maxxnfamee ergasii fuudhamee TikTok irratti qoodame jennaan fayyadamaan baayyee arguu danda'e.
''Ani akkan jaalataa saal-walfakkaataa tahe himachuu hin barbaadu ture garuu miidiyaa hawaasaatu na dirqisiise,'' jedha Arnoold, nageenyasaaf jecha maqaansaa kan geeddarame
''Amma eenyu akkaan taheefi eenyummaa saalaa ani qabu hunduu bareera,'' jedha barataan ganna 20 kun.
Itoophiyaa keessatti jaalalli saala wal-fakkaataa seeraan ala waan taheef adabbii guyyaa 10 hanga waggaa sadii qaba.
Waa'ee eenyummaa kee himachuun balaafamaadha. Sababiinsaas namoonni ollaa kee harka ofiin si adabuu waan danda'aniifi.
Dhimmi kuni sagantaa namoonni muuziqaa fi walaloon bashannanuuf deemanitti Caamsaa darbe dhalate.
''Dhugaatii dhugaa haasa'aa taphachaa turre,'' jedha Arnoold.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyaa lama booda ture viidiyoo eeyyamasaa malee nama balaa fidee dhufuu danda'u hin hubanneen kan TikTok irratti maxxanfame.
''Namoonni baayyee TikTok irratti arganiiru,'' jedhe.
''Baayyee sodaadheefi yaadda'ee ture.''
Guyyoota muraasa booda, ''mana nyaataa wayii yeroon bahu dargaggoonni wayii dhufanii viidiyoo sana irratti akka na arganii natti himuun akkaan amanu na gaafachaa turan.
''Namoota 12tu na marsee ture. Achiin lamman isaanii na haleeluutti ka'an, baqadhee gaafan fiiguus na hordofanii fuula keessa abootteedhaan na dhahanii lafee maddii koo cabsan.''
Dubbiin gabii argata jedhee teenyaan Waxabajjii keessa viidiyoon biraa TikTok irratti maxxanfamee fayyadamtoota kumaan lakkaa'amaniin daawwatame.
Viidiyoon sun namoota sagantaa sanarra argaman kan agarsiisu yoo tahu barreefama: ''kunneen jaalattota saal-walfakkaataa bilisaan Itoophiyaa keessa jiraatani dha,'' jedha.
Ibiddatu qabatee dhaamuu dide fakkaata, ''waan raajii ture maqaafi teessoo koo barbaadaa turan.''
''Miidiyaa hawaasaa irratti anumatu ture. Manaan baqadhe. Yeroo sodaachisaan dabarsaa ture. Otoo na argatan akka na ajjeesan %100 nan beeka.
Baatii tokko booda, Waajirri Nagaafi Tasgabbii Finfinnee jaalattoonni saal-walfakkaataan wal-qabatee hoteelotaafi manneen dhugaatii keessatti tarkaanfii akka fudhatuufi ummanni ''gochaa safuu cabsu'' yoo arge akka gabaasu waamicha dhiyeesseera.
Erga mana hiriyyaasaa dhokateen booda Arnoold garee tola-ooltota lammiileee Itoophiyaa Awurooppaa jiraatan waliin akka walquunnamu taasifame.
Gareen House of Guramayle, jedhamu miseensota jaalattoota saala wal-fakkaataadhaaf maallaqa walitti qabuun achii nagaan akka bahan gargaara, Arnooldis haala kanaan biyyaa baqachuu danda'e.
Tola-ooltota garee kanaatu jalqaba viidiyoo Tiktok irratti qoodamaa ture arge.
Faaris Kuuchi Gazaahanyi waan Arnoold irra gahe Afrikaa keessatti jaalattoota saal-walfakkaataa baayyee irra kan gahu dha jedhu.
''Jaalataa saala wal-fakkaataa tahuun keenya kan beekamu filannoo keenyaan miti, '' jedhu namni kun Ostiriyaa irraa.
Rogeessi mirga saala wal-fakkaataa kan tahan Faaris viidiyoo miilanaa dabalatee viidiyoowwan 110 TikTok irraa akka haqaman taasisaniiru.
Viidiyoon kunneen irratti Paastariin Waldaa Warra Wangeelaa tokko namoonni kunneen qullaa buufamanii akka reebaman waamichaa dhiyeessan mul'atu.
Viidiyoowwan kunneen otoo hin haqamiin torbanootaaf waan turaniif namoonni dhibbaan lakkaa'aman daawwataniiru.
''Qabiyyeewwan TikTok afaan biyya keessaan waan gadhiifamaniif akka haqaman taasisuuf haalasaa ibsuun waan barbaachisuuf yeroo fudhata,'' jedhu Gazzaahanyi.
Yeroo ammaa House of Guramayle'n haleellaa namoota kunneen irra gahu dhaabsisuuf miidiyaalee hawaasaa garagaraa waliin hojjechaa jira.
Tahus miidiyaaleen hawaasaa qabiyyeewwan akkasii dursanii hin to'atan taanaan darbanii bahuun isaanii hin oolu jedhu Gazzaahanyi.
TikTok gaaffii BBC'n dhiyeesseefuiif deebii kennuu baatus, qajeelfama hawaasaa isaa keessatti, ''mirgi jaalattoota saala-walfakkaataa akka eegamu dhaabota idila addunyaa wajjin akka hojjechaafi imaammata haaraa fi isa durii haaressuutti jirra,'' jedheera.
Dhimmi akkasii kuni kan Itoohiyaa keessatti qofa mudatu osoo hin taane biyyoota Afrikaa baayyee keessatti waan babal'atee jiru dha.












