Keeniyaan gartuuleen mirga LGBT 'akka hin galmoofneef dhorkuunshee dogoggora'

Nama Alaabaa LGBT uffatee adeemu

Madda suuraa, Getty Images

Anga’oonni Keeniyaa hawaasni LGBT dhaabbata mirga isaaniif falmu hundeessuun akka hin galmoofneef dhorkuun isaanii dogoggora jechuun Manni Murtii Olaanaa murteesse.

Ta’us garuu walqunnamtiin saala walfakkaataa jidduutti raawwatu yakka akka ta’etti itti fufa jedheera.

Bara 2013’tti boordiin dhaabbilee mit-mootummaa (NGO) biyyattii, komiishiniin Mirga Namoomaa Lesbiyaan fi Geey Biyyaalessaa (NGLHRC) akka hin galmoofneef dhorkuun isaa dogoggora jechuun abbootiin seeraa sagalee 3 tole fi lama lakkiin murteessaniiru.

Murteen Mana Murtii Olaanaa Keeniyaa geeddaramuu hin danda’u.

Murtee isaanii irratti abbootiin murtii, “sababa fedhii korniyaa jaallatanii irratti qofa hundaa’uun mirga waldaa dhaabbachuu, karaa galmaa’uu dhorkuutiin taasisuun heeraan ala waan ta’edha,” jechuun murteessaniiru.

Seerri bulchiinsa kolonii Biriitish jalatti hundeeffame, kooorniyaa wal fakkaataa waliin qunnamtii saalaa taasisuun “sirna uumamaa waan mormuuf” yakkadha, kanaaf adabbii hidhaa hanga waggaa 14’tti fiduu danda’a jedha.

Ta’us garuu murteen kun hawaasa LGBT’tiin gamachuu guutuun hin simatamne.

Caamsaa 2019 keessa, yaalii seerri kun akka haqamuuf taasisame manni murtii Keeniyaa dideera.

Murteen Jimaata gaggeeffame, falmii seeraa waggaa 10 kan bara 2013 keessa hogganaan duraanii NGLHRC, Eerik Gitaariin eegalame kan xumuredha.

Murtee kana irratti, hogganaan NGLHRC, Nijeri Gateeru “Murteen mana murtii olaanaa murtee manni murti gadaanaan dogoggora ta’uu isaa baruun haqaa fi mirga namoomaaf injifannoodha.

“Yeroo hawaasni LGBTIQ+ Keeniyaa xiyyeeffannaa fi haleellaa irra ga’uuf bo’aa jirutti, murteen kun lammilee Keeniyaa eeguu fi mirga isaanii mirkaneessuuf karoora heerri qabu kan mul’isudha,” jedhaniiru.

Guyyaa murteen kun darbe irratti, miseensi mana maree Joorji Piitar Kaluumaa wixinee namoota miseensa LGBT ta’uun ykn yaadicha beeksisuun himataman akka hidhaa umurii guutuun adabaman taasisu qopheessuuf akka yaadu beeksiseera.

Biyya ollaa Yugaandaa keessattis wal qunnamtii saalaa korniyaa wal fakkaataa gaggeessuun yakkadha.