Keeniyaan filmiin dokumantarii waa’ee jaalala saala walfakkaataa akka hin gadhiifamneef dhorkite
![Saamu'eel seenaa jireenya gey [jaallattoota saala wal fakkaataa] kan hime](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/8E39/production/_120690463_gaybbc.jpg.webp)
Madda suuraa, Saamu'eel
Fiilmiin dokumantarii jireenya lammii Keeniyaa geeyi (nama saala wal fakkaataa jaallatu) ta'e himuu fi akka maatii fi biyya isaa eenyummaa isaa fudhattuuf waan keessa darbe himu akka hin dabarreef Keeniyaan dhorkite.
Fiilmiin dokimentarii qabiyyee akkanaa qabu kun cubbuu fi heera biyyattii kan falleessudha jechuun Keeniyaan dhorkite.
Boordiin Gulaala Fiilmii Keeniyaa (KFCB) dookumenteriin ‘I am Samu’eel’ jedhamu akka hin raabsamne, hin agarsiifamneefi hin dhuunfatamneef dhorkuu isaa Kamisa beeksise.
“Akka hin danda’amne beekna ture…garuu waan gaarii abdatta. Yeroon filmii kana hojjedhe, maamiltoota lammii Afrikaa yaadaadha,” jechuun daariketeerri fiilmiicha Piitar Muriimii Reutersitti himeera.
“Iyyata galfachuuf ni yaalla garuu bayyeen gaddee sababiin isaa dhimma LGBTQ irratti lammilee Keeniyaa biroo waliin haasa’uu bayyee abdachaan ture,” jedha.
Gartuun Murimii, namni amantaa fi geeyii ta’e Samu’eel hordofuun, biyyaa jalalli saala wal fakkaata yakka ta’e keessatti hariiro fi eenyummaan isaa kun maal akka fakkaatu waraabaniiru.
“Abbaankoo akka na hubatun barbaada, eenyummaa fi jireenyakoo akka baruun barbaada,” jedha Saamu’eel. Abbaan isaa akka inni geeyii ta’e yeroo bare, ilmakoo miti jedhe ganeeni, maatiin isaa ‘isa sirreessuuf ‘ jechuun namoota natti qacaraniiru jechuun akka yaadoo qabus ibsa.
Dhuma fiilmii kanaa irratti, Samuu’eel jaalallee isaa Aleeksi waliin sagantaa wal kaadhimmachuu yeroo gaggeeffatan agarsiisa.
“Boordiin kun fiilmiin kun cubbuu qofa osoo hin taane amantaa fayyadamuun jaalala saala wal fakkaataa beeksisuuf yaaluu isaani arganneerra,” jechuun KFCB ibsa baasee irratti ibseera. Dabalataanis heera mootummaa gaa’eela saala wal fakkaataa dhorku kan faallessudha jedha.
Akka seera yeroo kolonii ba’eetti, Keeniyaa keessatti hariiroon jaalaa saala wal fakkaataa gidduutti gaggeefamuu addabbii hidhaa wagga 14 qaba.














