Bulchiinsi Ameerikaa Misisippiin shamarran adda ta'an dorgommii shamarranirraa dhorke

Madda suuraa, Getty Images
Bulchaan bulchiinsa Misisippii seera atileetota dubartoota cimina dhiiraa qaban (transgender female athletes) waldorgommii shamarranii manneen barnootaatti taasifamurraa dhorku mallatteessaniiru.
Rogeessonni ‘Seerri haqaa Misiissiippii’ seera jalqabaa bara 2021tti farra namoota saala addaa qabani irratti bahedha jedhan.
Seerri kuni dhiirotaa fi dubartoonni ‘’dandeettii ispoortii garaagaraa qabu’’ kunis dhimmaafi danqaa seeraa fiduu mala jedha.
Bulchiinsi Baayidan warreen jaalattota saala wal-fakkaataa deeggaree jennaan kuni tarkaanfii kutaa biyyaa Rippaabilikaanota irraa akka deebiitti dhufe dha.
Seerichi maal jedha?
‘’Seerichi manneetii barnootaa sadarkaa lammataafi yunivarsiitiiwwan ‘’garee atileetiksii saala baayolojikaalaan,’’ akka gurmeessan gaafata.
Seerri Adoolessa keessa hojiirra oolu manneetii barnootaa garee saalaan addaan qoodame qaban himannaafi qorannoorraa akka oolchu hime.
Warri seera kana raggaasan ‘'dubartootni akka dhiiraa jabina qaamaa, saffisaa fi ga’umsa,’’ addaa waan qabaniif dubartoota kaan waliin dorgomuun loogii dha jedhan
Dubartoonni akka dhiiraa ta'an kunneen ''dubartoota akka isaanii akak mo'an'' fudhachuu dhiisuun saayinsii ganuu dha jechuun shaampiyoonaa teenisii Maartiinaa Naavraatioovaan waan barreessites eeru.
Maartiinaan garee mala saayinsii fi naamuusa irratti hundaa’uun dubartootaa fi ‘dubartoota akka dhiiraa’ ispoortii keessa jiran eegu hundeessitee turte.
Seerri kuni miseensota Rippaablikaanaa seeneetii fi bakka bu’oota uummataa harka jireeessaan ragga’e
Dhimma kana kan deeggaran seenaatarri Riippablikaanaa Anjeelaa Barkis rakkoo biyyattii keessa ka’aa jiru arguun seera kana baasne jedhan.













