Shamarreen Bookoo Haraam bute turtiishee waggaa sadii maal himti?

Naahomii Adamuu

Tibbana Naayijeeriyaatti ijoollee hedduun hidhattootan butamuun ammas dubbii ijoo idila-addunyaa ta'eera.

Bara 2014 haleellaa mana barnootaa Chibokitti qaqqabeen kan butamtee turte Nehomii Adamuu, shamarraan ammas butamuu arguun itti ulfaatera.

Nehomii Adamuu callistuudha, wayita haasoftu ija namaa keessa ilaalte baayyee hin turtu. Taatullee sagalee gadi qabattee tasgabbiin haasofti.

Namoota muraasa qofaatu shamarreen kun haala hamtuu ishee mudatee keessa darbitee, irraa hafuu akka dandeesse tilmaama.

Nehomiin wayita butamtu umriin ishee ganna 24 yoo taatu, barattoota shamarran Mana Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Chibook irraa hidhattootni Bookoo Haraam bara 2014 butan hundasaanii umriin ni hangafti.

Barattoonni daree ishee haadhatti ishee fakkeessu 'haadha keenya' jedhanii ishee waamaa turan.

Ijoollummatti sababa dhukkubsatteen barnoota irraa dubaatti haftees turte Nehomiin.

Amma immoo kitaaba haaraa mata dureen isaa ''Shamarran Chibook''.

'Dhaamsa ayyaanaa Abbaa kootiif' jedhu keessatti akka taatoo ijootti maqaan ishee eerameera.

Kitaabni 'ijoollee durbaa keenya deebisaa' jedhu kun Gaazixeessitoota Joo Paarkisan fi Diriiw Hinshaw jedhamaniin kan barreeffame yoo ta'u, Ijoollee butaman dhibbaan lakka'aman, maatisaanii fi namoota seenaa isaanii wajjin hidhata qaban haasofsiisuun barreeffame.

Kitaabni kun shamarran butaman maal keessa akka darban bal'inaan hima.

Dabalataan, duulli miidiyaaleen hawaasa shamarran butaman akka beekaman gumaache iddoo itti ugguramanii gadhiisisuf rakkisaa taasisera jedha kitaabichi.

Beekamtii ijoolleen shamarranii kun argatan gatii qaalii akka qabaatan gochuun gadhiisurratti gufuu uumeera jedhe.

Ganna sadiif wayita Bookoo Haraam wajjin turanitti, Nehomiin loltuu Bookoo Haraam tokkotti akka heerumtu dhiibbaan irratti jabaatus, boquu otoo gadi hin qabanne jabaatte didde.

Amantii Islaamaa dirqiin amanu didde.

Barrulee dhimmaa amantaa irratti akka barreessaniif kennameef irratti barattuu daree ishee tokko wajjin haala keessa oolan iccitiin barruu kennameerratti barreessaa turan.

Nehomiin barreeffama ishee kana yeroof borsaa xiqqoo tokko keessa dhoksitee miilatti hidhataa turte.

''Seenaa keenya barreessina jennee murteeffanne,'' jette natti himte, ''Nu keessaa namni tokko yoo miliqe, maal akka taane namootatti himna jechaa turre.''

Guyyaa guyyaan haala oolmaa ishee kan barreessite keessa tokko natti agarsiifte Nehomiin, Xalayaa Abbaa isheef barreessite Dhaamsa Ayyaana bara haaraan walqabata.

''Abbaan koo jaalatamaa kan taate, yeroo amma kanatti sin dhabe,''

''Abbaayyeekoo si arguun barbaada, Amma waa'ee kee, haadhakoo fi maatii keenya manatti hafanii baay'ee yaadda'eera.

''Nan butama jedhee takkaa yaade hin beeku. Hundi keenya wayita Bookoo Haraamiin butamnu kana hin hubanne ture, Abbaakoo si argachuun dadhabe.''

''Seexana na dararuuf gara koo dhufu yeroo kamiyyuu akkan injifadhu waaqayyoon akka naaf kadhattun barbaada, Kanaafuu, barreeffama koos kanumaan goolabeera.''

Naahomii Adamuu shamarran 80 biroo waliin yeroo gadhiifatu pirezedaant Muhaammaduu Buhaarii waliin wal arganiiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Naahomii Adamuu shamarran 80 biroo waliin yeroo gadhiifamtu pirezidant Muhaammaduu Buhaarii waliin wal arganiiru

''Hedduun si yaade, Nagaatti naaf ooli,''

''Ana intalakee Nehomii Adamuudha, Ayyaana gaarii!'' xalayaa jedhu baarreessite ture.

Shamarran butaman maatiisaanirra adda bahu qofaa miti kan rakkatan, maatiin isaanii maal keessa akka turanillee quba hin qaban ykn du'uuf jiraachuu isaanillee hin beekan, dararaa hamtuu heddu keessaa turan.

Humna waraanaa Naajeeriyaa, loltoota biyyoota biroo isaan barbaacha garasitti ergamanii fi Diroonii Ameerikaa shamarran butaman iddoo jiran akka hin mul'anneef yeroo hunda iddoo tokkorra gara iddoo biraatti akka socho'an taasifamaa turan.

Yeroo yartuuf/gabaabduuf magaalaa Gozaa jedhamtu qofatti, xumura bara 2014 keessa Bookoo Haraamiin to'atamanii mul'achuurra kan darbe, harka caalaa dawoo bosona Sambisaa iddoo hidhattoonni kun dhokatan keessa turan.

''Bosona Sambisaa keessaatti rakkoo baay'ee hamtuu dabarsine,'' jette Nehomiin .

''Bishaan fi waanti soorannu hin jiru, sirumaayyuu laguun wayita nutti dhufe qaama keenya biyyeeedhaan hanga of qulqulleessinutti geenye,'' jette.

Bookoo Haraamiif faarfachuu

Ajajoonni Bookoo Haraam olaanoon Nehomiin loltoota isaanii keessaa tokkotti akka heerumtu gaafataa turan.

Nehomiin loltuu tokkkosaaniitti heerumuun, shamarraan quxisuu ishee wajjin butamaniif fakkeenyaa ta'uun isaan kaaniis akka heeruman amansiisuuf nu gargaara jedhanii amanu ture hidhattoonni kun.

Yeroo hundumaa akka jabdutti garafamte/ dhaanamte, si ajjeefna jedhamtee sodaachifamtus heeruma didde.

Nehomiin hidhattoota ishee butaniitti heerumuu diduun akka hin ajjeefamne akkamitti barte jedhamte wayita gaafatamtutti, heerumuuf qophii hin turre jette.

Ajajamuu diduun ishees, Nehomii fi shamarran ishee wajjin butaman biroos hogganaa hidhattoota Bookoo Haraam Abubakar Sheeku duratti akka dhiyaataniif sababa ture.

''Sheekuun nu fuudhuuf akka nun butne nutti hime, mootummaan garuu namootasaa jalaa qabee hidhe akka gadhiisu dhiibbaa irratti cimsuu akka barbaade hime.''

Kun akka tasgabbooftu gargaarullee, hidhattoonni kaanimmoo yaadicha mormaa turaniiru jetti.

Hidhattoonni kun Nehomii fi barattoota butan biroo hiriyootasaaniirra addattti baasuun soorata dhorkachuun akka itti heeruman dirqisiisaa turan.

Egdootasaanii fuulduratti faarfatu, jalqabarratti callisuun booda cimsani faarfatu ture.

Barattootni butaman harki caalaan isaanii Kiristaanota. Barruu oolma isaanii irratti galmeessaniirratti luqqisa kitaaba Qulqulluu fi kadhannaasaanii ni barreeffatu turan.

Suuta suutaan bara 2017 shamarran 81 wajjin Nehomiin gadhiifamte.

Yeroo sanatti isheen gartuun hidhattoota Bookoo Haraam heddu laafeera jettee yaaddi turte.

''Bookoo Haraam ammayyuu ni jira jedhee hin yaadu, sababni isaammoo wayita achii baanu gartuun hidhattota kanaa iddoo lamaatti qoodamaniiru.

Kanaaf, isaaniif dhumateera jennee yaadne. Muraasni isaanii Saambisaa keessa, kaan isaammoo yeroo sana Kangaruhaa keessa jiru ture.''

Giifti duree Ameerikaa duraanii Misheel Obaamaa dabalatee, namoonni hedduun miidiyaalee hawaasaarrattis otoo hafiin duula shamarraan butaman akka gadhiifaman gaafatu banuun isaanii beekamtiisaanii waan olkaaseef, ijoollee mana barnootaati butuun gatii hangamii akka qabu Bookoo Haraamitti agarsiise.

Butii ijoollee yaaddannoo namootatti kakaase

Nehomiin butamurraa bilisa baatee, waggaa tokko otoo hin guutin gartuun hidhattootaa shamarran 100 magaalaa Dapichi jedhamtu, Bulchiinsa Yobee keessaa butanii fudhatanii turan.

Ji'a tokko booda shamarree amantii Kiristaanummaa ganuu didde Liha Sharubuu jedhamturraan kan hafe shamarran butaman hundisaanii gadhiifamanii turan.

Tibbanas ijoolleen hedduun Naajeeriyaatti butamuun qalbii hawaasa addunyaa irraa deebiin harkiseera.

Ji'oota sadan darban keessa Kaaba Naayijeeriyaatti ijoolleen 800'tti dhiyaatan manneen barnootaati butamaniiru.

Tibbana Kaaba dhiha Naajeeriyaa iddoo hidhattoonni kun keessa socho'anitti ijoolleen butamaniiru.

Dambaliin butii ijoolleetti hammaate kanaaf qaamni ittigaafatamummaa ifatti fudhate hin argamne.

Kaaba Dhiha biyyattii keessatti yakkamtoonni namoota ugguranii gadhiisuuf maallaqa gaafatanis biroos ni jiru.

Xinxaltoonni akka jedhanitti, gartuuleen kun tarii hidhattoota Bookoo Haraam wajjin hidhata qabachuu malu . Haata'u malee, hariiroon gidduusaanii jiru hangam cimaa akka ta'e ifaa miti jedhu.

Dhugaan hin haalamne garuu, yakkamtoonni kunneen butii shamarraan Chibook ka'umsa godhachuun ijoollee biroo ammas butuusaaniiti.

Yeroo tokkicha shamarran 297 doormii magaalaa Jangibi, kutaa bulchiinsa Zamfaraa keessaa butamaniiru.

Nehomiidhaaf butiin haaraan akkasii yaadannoo hamtuu isheerra qaqqabe ishee yaadachisa.

''Wayitan Zamfaraarra shamarran butamuusaanii dhaga'e, halkan guutuu hirribni na qabuu dide. Sababnisaa rakkoon ani keessa darbe keessa akka darban hin barbaadu.

Yeroon sagalee qawwee dhuka'uu dhaga'e ammayyuu nan sodaadha. Yoo waraanni biyyattii dhukaasellee an nan sodaadha,'' jechuun himte.

Nehomiin jireenya ishee bade ture amma deebistee ijaarrachaa jirti. Amma heerumte daa'ima jalqabaa da'uuf eegurra jirti.

Shamarran Chibook 100 ol butaman garuu achii buuteen isaanii ammas dhabameera.