Mootummaan Yugaandaa garee jaalattoota saala walfakkaataaf falmu uggure

Madda suuraa, Getty Images
Anga'oonni Yugaandaa garee mirga LGBT'f falmuun beekamu ugguran.
Dhaabbanni Sexual Minorities Uganda (Smug) jedhamu, sababa qondaaltota biratti galmee seera-qabeessa tahe hin gaggeessineefuu, ''ammumarraa eegalee'' akka ugguramu ajajni dabreera.
Gareen jaalattoota saala walfakkaataafi kaaniif (LGBT) falmu kun, ajajni kun mootummaan biyyattiin tahe jedhamee nurratti kan xiyyeeffatedha jechuun morme.
Yugaandaatti hawaasni bicuu jaalattoota saala walfakkaataafi kaan akka malee kan ari'ataman oggaa tahu, ilaalchi jibbiinsaa isaaniif jirus akkaan kan hammaatedha.
Qunnamtiin saala walfakkaataa (gay relationship) Yugaandaa keessa seeraan ala ennaa tahu, ''balleessaa uumamaa hin taane'' raawwachuun, hanga hidhaa umurii guutuu adabsiisa.
Ragaan poolisii akka mul'isutti, bara 2017 hanga 2020 gidduutti balleessaa kana jalatti, namoonni 194 himatamaniiru - isaan keessaa 25 itti murtaa'eera.
''Kuni ari'annaa ifa jiruufi sirna keessatti hidda fageeffatedha. Dhiibbaa sochiiwwan [farra-LGBTn] kan dhufedha,'' jedha daarektarri dhaabbata Smug kan ta'e Firaank Mugisha. Mugishaan rogeessa Yugaandaa jaalataa saala walfakkaataati.
Akka namni kun jedhutti, qondaaltonni miseensota hawaasa bicuu LGBT Yugaandaa keessa jiran akka lammii lammaffaatti fudhatu, akkasumas guutummaatti dhabamsiisuu fedhu jechuun himata.
Pireezidantiin Yugaandaa Yoweerii Museveenii amma dura dubbii jibbiinsaa jaalattoota saala walfakkaatuu (homophobic) irratti dubbataniiru.
Keessattuu 2016tti gaaffiifi deebii CNN wajjiin gaggeessaniin, namoota 'gay' tahaniin ''jibbisiisoo'' jechuun ibsan.















