Taphawwan Priimiiyer liigii torban kanaatiin Maanchistar, Arseenaal, Liivarpuul fa'i ni milkaa'u laata?

Maanchiistar Yunaayitid taphawwan priimiiyer liigii shan darbaniin mo'atameera. Guyyaa Wiixataa ammoo taphoota Awuurooppaa bara 2024 kan dhumaa Niiw Kaasiil waliin yoo taphatu akkam ta'a kan jedhu deggartootni qalbiin eegaa jiru.
Xinxalaan Ispoortii BBC Kiriis Suutan, ''Tapha kanaan maal ta'u akka malu tilmaamuun cimaa miti'' jedha.
''Niiwkaasiloonni cimina ajaa'ibsiisaarratti argamu. Dhimmi Maanchiistar Yunaayitid baayyee na yaaddeessaa jira. Leenjiisaa Ruuban Amooriim ammumaanu gammachuun fulasaarraa badeera.''jedhe
Taphoota pirimyeer liigii Ingiliiz toban 19ffaa Dilbata, Wiixata fi Roobii gaggeeffaman irratti akkasiin tilmaama isaa kaa'eera.

Dilbata
Leestar vs Siitii
Maanchiistar Siitiin yeroo baayyee cimaadha jedhame yaadama ture. Hanga barbaade qabxii dhaban illeen ammoo akka Leestar hin ta'an.
Leestar taphawwan darba sadii yoo xinnaate tapha tokkoon gooliiwwan sadii itti galeera. Tarii Peep Guwaardiiyoolaa kan rakkoo qabxii keessatti argamu amma kan isa barbaachisu garee akka Leestar waliin taphachuudha.
Leenjiisaan Leestar, Ruud Vaan Niistilirooy hojii cimaatu isaa eeggata. Leestariif kaayyoo olaanaa ta'u kan qabu Liigiicha keessa turuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Siitiin taphichaan qabxii gata jedhee hin eegu. Haata'u malee, Jeemii Vaardii yoo taphate goolii lakkoofsiisuu danda'a.
Tilmaama: 1-2
Paalaas Saawuuz Haamptan waliin
Paalaas yeroo dhiihoon as dadamaqina agarsiisaa kan jiru fakaata. Torban darbe keessaa Boornimuz waliin qixa yoo bahu, kana agarreerra.
Leenjiisaa haaraa kan muudate Saawuz Haamptan yoo ta'es, tapha jalqabaatiin mo'amuuf tattaaffii cimaa agarsiiseera.
Saawuz Haamptan kan haala taphasaanii jijjiraan fakkaatu. Kubbaa qabatanii taphachuurra kuphaa dheereessuun gara fuulduraatti qabatanii imaluu filataniiru.
Tapaha kanarratti falmii gaariin ni mul'ata. Kan qalbiinkoo natti himu garuu Paalaas akka injifatuudha.
Tilmaama: 1-0
Evertan vs Forast
Notiingihaam Forsati imalaasaa ittif fufeera. Evertan tapahawwan Arseenaal, Cheelsii fi Maanchiistar Siitii waliin taasiseen qixa baheera. Ani garuu taphawwan sadiin injifatama jedheen ture kanan tilamaame.
Forast tapha darbeen haala to'annoo kubbaatiin caalmaa agarsiisulleen, Totinhaam injifachuu danda'aniiru.
Tapha kanaan ammoo taphataan Evertan Shoon Daayiich, sarara duraa akka ittisuun amana.
Tilamaama: 1-1
Fulhaam vs Bornimawuz
Fulhaam tapha boromtaa guyyaa Qilleetti Cheelsii Istaanfoord Biriij'n mo'achuu danda'eera. Goolii daqiiqaawwan dhumaarratti lakkoofseen Fulhaam garee Cheelsii mo'aniif qabxichi ni mala.
Akkasumas Bornmawuzim ejjannoo gaariirra jiru. Haata'u malee, taphaawwan lama dirreesaa irratti taphateen qixa bahuudhaan tilmaamakoo balleesseera.
Ammas tapha kana tilmaamuun cimaadha. Ta'u ammoo keessoonkoo Fulhaamiif oogeera.
Tilmaama: 2-1
Totinhaam vs Woolvis
Tapha darbeen Totinhaam Forstiin injifatameera. Haalli taphasaan kan baayyee nama hawwatu turulleen garuu qabxii galmeessuu hin dandeenye.
Yeroo ammaatti sararri ittiisaasaanii haphateera. Taphi kunis salphaa ta'a tilmaama jedhu hin qabu.
Woolviis leenjiisaa haaraa, Viitor Peereraan durfamuun tapha lama injifataniiru. Tapha lamaaniin gooliin tokkoolleen irratti hin lakkoofsiifamne.
Haata'u malee tapha kanaan Totinhaam ni injifata tilamaama jedhuun qaba.
Tilmaama: 2-1

Weest haam vs Liivarpuul
Humni Liivarpuul dhaabuu danda'u jiraataa laataa? Weest Haamiif kun kan danda'amu natti hin fakkaatu.
Weest Haam gabatee sadarkaa irratti Yuunaayitiidii fi Siparsiin ol ta'ulleen garuu cimiinni durii sun irraa hin mullatu.
Liivarpuul taphattoota isaa jijjiruun hiriirsuu eegaleera. Garee Aran Siloot imalasaa kan isa dhaabu kan jiru hin fakaatu.
Tapaha dirree weest Haam irratti gaggeeffamuun olaantummaa Liivarpuuliin akka xumuramuun tilmaama.
Tilmaama: 0-2
Wiixata
AstonViilaa vs Biraayitan
Gareewwan lamaanu erga torban dhihootii as ejjannoon saanii gadi bu'aa dhufeera. Kun ammoo hojii tilmaamaakoo ni rakkiisa.
Biraayitan taphawwan jahan darbanii milkaa'ina tokkoolleen hin arganne. Haata'u malee, yeroo lama qofaadha kan injifatame.
Joon Duraan AstanViilaa sababii addabbiitiin tapaha kanarratti hirmaachu baatulleen, tilmaama ni milkaa'u jehuun qaba.
Olii Waatkiinsi Viilaaf goolii akka galmeesisuun tilmaama.
Tilmaama: 2-1
Ipisiiwiich vs Cheelsii
Cheelsiin taphawwan tibba ayaana Qileeetti taasiseen hin milkoofne. Evertan waliin goolii malee wal qixa bahuun, Fulhaamiin ammoo mo'atameera.
Leenjiisaan cuquliisootaa dorgommii waancaatiif hin qaqqabne jedhan dhugaa ta'unsaa hin oolu.
Haata'u malee, tapha kanaan kan gara injifanniitti deebii'an fakkaata. Ipisiiwochi Jimaata galagala Arseenaal waliin falmii taasisaan illeen 1-0n injifatamaniiru.
Tapaha kanaan Cheelsiitu injifata tilmaama jedhu qabaadhulleen, Ipswochi ammoo haala salaphaan mo'ama hin jedhu.
Tilmaama: 0-2

Man.Yunaayitid vs Niwkaasil
Niiwkaasiil torban darbe gara ejjannoo isaanii duriitti deebiisaanii agarsiisaniiru. Old Tiraafoordiitti erga Yunaayitid injifatanii booda taphawwan afur irratti mo'icha argatan.
Faallaa kanaatiin ammoo qabxiin Yunaayitid gadi bu'eera. Yunaayiti qabxiisaa gata jedhee yoon tilmaamu, deeggartoonni isaanii miidiyaa hawaasaa irratti na komataniiru.
Leenjiisaa haaraan Ruuban Amoriim kanaaf itti gaafatamaa hin ta'an. Sababiibsaas yoo taphatootasaa fidee hiriirsee agarree kan murteessuu dandeenyu.
Yunaayitid Niiwkaasiil waliin dirreesaa irratti tapha taasisuun tilmaama ni injifata jedhuun qaba.
Tilmaama: 1-2

Roobii
Bireentfoord vs Arseenaal
Taphataan Arseenaal Bukaayoo Saakaa miidhaadhaan dirree irraa fagaata. Kun ammoo garichaaf yaaddeessaadha.
Bireentfoord dirreesaarratti garee cimaadha. Keessattuu bara dorgommii keessa jiruutti kan danda'aman miti.
Ta'us Arseenaal tapha kana qabxii dhiphaadhaan akka injifatuun tilmaama qaba. Arseenaal tapha kana mo'achuun gara Liivarpuulitti siqa jedheen yaada.
Tilamaama: 0-1












