Qorataan Seenaa Itoophiyaa tibbana boqotan Prof. Laaphisoon akkamiin yaadatamu?

Pirofeesar Laaphisoo Ge Deleeboo

Madda suuraa, FMC

Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisummaan waggoota dheeraaf kan tajaajilanii fi seenaa Itoophiyaa irratti qorannoowwanii fi Kitaabota hedduu barreessuudhaan hayyuu maqaa gaarii horatani.

Seenaa Hayyuu kanaa gaaffiif deebii isaan yeroo Lubbuun turan kennaniifi yaada hayyoota isaan beekan dubbisnee qixeessineerra, dhiyaadhaa.

Piroofeesar Laaphisoo Ge Deleboo Hadiyyaa bakka Kufanaa jedhamtutti bara 1930 dhalatan. Abbaan isaanii Hadiyyaa yoo ta'an karaa haadha isaaniimmoo Kambaataadha.

Maqaan maatiin isaanii Moggaasaniif 'Laaphisoo' jedhu Afaan Hadiyyaatiin 'Nagaa buusaa, waliigalchaa' akka jechuuti jechuun waa'ee maqaa isaanii himanii ture.

Abbaafi haati isaanii gara jalqabaatti dubartoota qofa waan godhataniif dhiira argachuuf mucaa wareegan dhalatan akka ta'anii fi obbolaa isaanii kaanirraa addatti kunuunsaan guddachuus himanii ture.

Piroofeesar Laaphisoon Abbaa fi haati isaanii dhibee lasheetiin yeroo isaan ganna 11 turan du'aan. Eegasii jireenyi qananii ittiin guddatan kallatii duraatiin itti fufuus hin dandeenye.

Erga haatii fi abbaan irraa du'anii deggarsa eessuma isaanii fi warra mishinariitiin umrii isaanii waggaa 16tti barnoota kutaa 1ffaa seenan.

"Umriikoo waggaa 16tti yeroon mana barumsaa naannoo Hosaa'inaa jiru seenu afaan Amaaraa hin beeku. Jarri 'sodaateti malee nidubbata' yoo naan jedhan nan yaadadha. Barnootni afaanuma Amaaraatiin ture. Barumsatti cimaan ture" jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maqaa isaanii Laaphisoo jedhuu fi maatiin isaanii moggaasaniifis erga mana barumsaa Mishinarii kana seenanii amantaa kiristaanaa fudhatanii gara 'Geetahun' jedhutti jijjiirameef.

Waggoota dheeraaf Maqaa haaraa moggaafameef kanaan waamamaa turanis boodarra gara maqaa ganamaa isaanii 'Laaphisoo' jedhutti deebisan. Ta'us maqaa haaraa mogga'eef kanas dhiisuu waan hin barbaanneef maqaa abbaa isaanii duratti dabaluun hanga guyyaa lubbuun darbaniitti 'Laaphisoo Ge Delebo' jedhamanii waamamu.

Barnoota sadarkaa duraa kutaa 1 hanga 8tii Hosaa'inaatti erga barataniin booda kutaa 9ffaa ammoo Magaala Adaamaa Mana barumsaa Atsee Galaadiwoositti baratan.

Erga Adaamaatti barumsa jalqabanii Wanjiitti deddeebi'uun barsiisa wangeelaa barsiisaa turuus afgaaffii yeroo lubbuun turan kennan irratti dubbataniiru.

Waggoota sadiif ammoo hanga kutaa 12ffaatti mana barnootaa ijoolleen dureessotaa fi mishinarootaa itti baranii fi 'Bible Academy' jedhamutti baratan.

Eegasii carraa barnootaa Ameerikaatti barachuu argataniin Seenaa fi Falaasamaan digirii jalqabaa lamaan eebbifaman.

"Ergan digirii jalqabataiin eebbifameen achumaanan carraa barnootaa yunvariitiiwwan Ameerikaa birootti iyyadhe. Si'a tokkoon yunvarsiitii torbatu nafudhachuuf tole jedhe. Ani Yunvarsiitii Washington DC keessa jiru tokko filadhee achitti digirii Lammaffaa Baradhe" jedhan.

Imala Gara Itoophiyaa…

Piroofeesar Laaphisoon deeggarsa warra mishinarootaan barnoota ammayyaa biyya keessaa fi Ameerikaatti carraa gaarii argatanis fedhiin isaanii garuu biyya isaaniitti deebi'anii hojii barsiisuu hojjechuu ture.

Kanaafis erga yunvarsiitii Ameerikaa irraa eebbifamanii kallattiin gara biyyaatti deebi'anii Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisuuf iyyatan. Deebiin isaanii kenname garuu abdii kan nama kutachiisu ture.

"Gaafan Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisuuf iyyadhe 'kuni waan hin baratamne' naan jedhan. Laaphisoo jedhamee kibbarraa dhufee, barachuunsaa hanqatee sirumaa barsiisuufii jedhanii hin hojjettu naan jedhan"

"Dhiifama naaf godhi malee yeroo sana yunvarsiitiin Finfinnee kuni hamma mana barumsa sadarkaa lammaffaa Ameerikaatuu hin gahu. Biyya kabaja qabutti baradhee dhufeen asitti hin taatu naan jedhan. Hoji dhabaan ta'e" jedhan.

Erga carraa barsiisuu dhorkamanii booda xiyyeeffannaa isaanii Kitaabota seenaa barreessuu irratti fuulleffatan.

Waggaa tokko keessatti barreeffamoota 53 barreessan. Eegasii Ministeera Aadaa keessatti kutaa qorannoo aadaa Itoophiyaa keessa hojjechaa turan.

"Kitaabni Jalqabaa 'simpooziyeemii Mitsiwwaa' jedhu baanaan maqaan kiyya haalan beekame. Eegasii kitaabota hedduu walitti aanseen barreesse" jedhan.

Itoophiyaa keessa barreessaan seenaa hin jiru

Piroofeesar Laaphisoon gaaffiif deebii yeroo lubbuun turan miidiyaa irratti dubbatan keessaa falmisiisaa kan ta'e yaada isaanii 'Itoophiyaa keessa barreessaan seenaa hin jiru" jedhudha.

Akka isaan jedhanitti, hayyuun Itoophiyaa keessatti barreessaa seenaati jedhamu' Waa'ee gosa wayii barreessa, kan kiristaanaa kan barreessu kan islaamaa itti hin dabalu' jedhu.

Seenaa jedhamuudhaaf sabni hundi keessatti kan qooda qabu, namni hundi walqixa akka ta'e kan agarsiisu ani seenaa saba biyya kana keessa jiru hundaan barreesse jedhanii ofibsu ture.

Hayyuun seenaa kuni hojiiwwan qorannoo, barsiisummaa fi barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti gurra guddaa horatanis waa'een hojiiwwan isaanii garuu falmii qaba.

Hojiileen isaanii seenaa Itoophiyaa gara kaabaatti jal'ate sirreessuu irratti kan xiyyeeffate kanneen jedhan kan jiran yoo ta'u waa'ee saboota biyyatti ija walqixaan hin barreessine jechuun kanneen qeeqanis jiru.

Yunvarsiitii Wallaggaatti Hayyuu seenaa Kan ta'an Dr. Tesfaayee Tolasaa Hayyuu seenaa kana yaada isaan seenaa itoophiyaa irratti barreessaniin akka beekan himu.

"Seenaa Itoophiyaa yeroo dheeraadhaaf kaabarratti xiyyeeffate isaan jaatamoota keessa dhufanii adeemsi kuni sirrii akka hin taanee fi saboonni hundumtuu seenaa mataasaanii akka qaban kaa'u. seenaan kuni walqixa ilaalamuu fi kabajamuu qaba jedhanii nama dursee hojii kana jalqabani" jedhu.

Hojiin isaan jalqaban kuni qorattoonni seenaa hedduun isaan booda dhufan yaadama haaraa fi akkaataa seenaan itoophiyaa itti ilaalamu irratti warraaqsa nama uumani jechuunis ibsu.

"Ejjennoo isaanii seenaan biyya kanaa hunda hammachuu akka qabu jedhu kanarratti kitaabota 11 ta'an barreessaniiru. Kitaabota kana yoo walitti qabnee ilaallu seenaan gara kibbaa kunis akka dabalamuuf hojjetaniiru" jedhan.

Piroofeesar Laaphisoon seenaa Oromoo kan ilaaleenis seenessa Oromoon biyya biraarraa dhufe jedhu jabeessanii nama falmanii fi gumaacha Oromoon qaroomina biyya kanaa keessumaa ijaarsa siidaa Aksumiin walqabatu irratti barreessuus himu.

Hayyuun seenaa kuni fuulleffannaan isaanii seenaa saboota biyyattii hunda hammate barreessuu irratti waan ta'eef waa'ee saba Oromoo addatti matadureedhaan barreessuu baatanis kitaabota isaanii hedduu keessattis waa'ee Oromoo barreessaniiru jedhan.

Hayyuun seenaa Piroofeesar Tasammaa Taa'aa ammoo yaada kanarraan adda ta'e qabu. Piroofeesar Laaphisoon seenaa Itoophiyaa irratti waan baayyee barreessanis Seenaa Oromoo himuu keessatti qoodni isaan gumaachan garuu xiqqaadha jedhu.

"Qorannoo isaanii PhD keessatti waa'ee Oromoo 'Conquest' jedhanii barreessaniiru. Kan biraan 'Gaaffii Oromoo jaarraa 16ffaa dura' kan jedhu caqasaniiru. Isumayyuu gaafa Afaan Amaariffaatiin barreessan isa dura barreessan sana hin tuqne" jedhanii qeequ.

Piroofeesar Laaphisoon waggoota hedduuf Yunvarsiitii keessatti barnoota seenaa barsiisaa kan turan yoo ta'u boodarra soorama bahanii hojii qorannoo fi barreessuu dhuunfaan hojjechaa turan.

Onkololeessa bara 2018 dhukkubsatanii yaalarra osoo jiran umrii isaanii waggaa 87tti du'aan boqotan.

Piroofeesar Laaphisoon abbaa ijoollee sadii yoo ta'an ijoolleen isaanis yeroo ammaa Biyya Ameerikaa jiraatu.