Dhaabbanni MIDROC 'humna daa'immanii qisaasuufi namoota butuun hojjachiisuusaaf' akkamiin otoo hin gaafatamiin hafe?

Daa'ima uffata diimaa keewwattee jirtu

Madda suuraa, unicef/worldbank

Qorattoonni Kominishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ALItti bara 2017 keessa qabeenya MIDROC Godiina Jimmaatti kan argamu qonna Horaayizan Pilaanteeshiin keessaa gara isa tokkoo yeroo deeman waan hin eegnetti bahan.

Hojjattoota giddu gala qonna dhaabbatichaa keessatti walitti qabaman eessaa akka dhufan yoo gaafatan, namoota daandiiwwan magaalaa Finfinneerraa qabamanii guyyootaaf erga hidhamanii booda hojii qonnaa akka hojjaniif kan geeffamaniidha.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa qonna Horaayizan Pilaanteeshiin keessatti haalli qacarrii "yaaddessaa ta'e" jiraachuu arguunsaa kun kan jalqabaa miti. Hojjattoonni Komishinichaa garas imaluunsaanii dhaabbatichi humna namaa akka hin malletti fayyadamaa turuu dhiisuufi itti fufuu adda baasuf ture.

Qorannoon KMNI gaggeesse[garuu kan ifa hin goone] kun akka agarsiisutti, barattoota umuriinsaanii waggaa saddeetifi isaa olii dhaabbata kana keessatti humni isaanii seeran ala nyaatamaa jira; dhaabbatichi maallaqa ijaarsa mana baruumsaaf oolu isaaniif liqeessee humnaan hojjatanii akka ofirraa baasaniif buna funaansisa.

Qisaasama humna daa'immanii irratti gaggeeffamu tasa bira gahame

Giddu galawwan qonna MIDROC keessatti humni daa'imman umuriinsaanii hin geenyee qisaasamaa akka jiru Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa yeroo jalqabaaf kan bira gahe ALItti bara 2016 ture.

Hojjattoonni KMNI bakkichatti kan argaman giddu galawwan qonnaa keessatti qabiinsa mirga daa'immaniifi dubartootaa irratti dhaabbatichi of eeggannoo maalii akka godhu hordoffii taasisuuf ture.

KMNItti qindeessaa mirgoota daa'immanii kan ta'an Yidiniqaachoo Kabbadaa akka jedhanitti, biyyattii keessatti hordoffii naannolee torba keessatti taasifameen naannolee sadi keessatti humni daa'immanii seeran ala qisaasamaa jira.

Naannolee sadan keessaa tokko Oromiyaa yoo ta'u, giddu galawwan qonnaa kam keessatti qisaasamni humna daa'immanii akka gaggeeffamu eeruu irraa of qusataniiru qondaalli KMNI kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta'u garuu KMNI gabaasa ifa hin goone kan BBCn argee mirkaneeffate keessatti, qisaasamni humna daa'immanii seeran ala kan raawwatu dhaabbata qonnaa MIDROC kan ta'e "Horaayizan Pilaanteeshiin" jedhamu keessatti ta'uu ifa ta'eera.

Gabaasa kanaaf hojjattoonni dhaabbatichaa duraan turaniifi kan amma hojiirra jiran 10 ol gaaffiin dhiyaatefi, giddu galliwwan qonna Horaayizan Pilaanteeshiin barattoota hojii buna funaanuu irratti akka bobbaasan ragaa bahan.

KMNI mirga namoomaa ilaalchisee gabaasa waggaa bara 2017 baase keessatti dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshiin kan eere yoo ta'u, dhaabbatichi "daa'imman buna akka funaanan bobbaasufi qisaasama humna daa'immanii dhaabuu" akka hojii gaaritti dhiyeessee ture. Haa ta'u garuu qorannoo gaggeesse waan irra gahe bal'ina isaa ifa hin goone.

Komishinichatti qindeessaa mirgoota daa'immanii kan ta'an Obbo Yidiniqaachoon, gabaasi hordoffii giddu galawwan qonna dhaabbata MIDROC irratti gaggeeffame ammayyuu "adeemsa gamaaggamaa keessa darbaa jira" jechuun BBCtti himan.

Qabxiilee ijoo gabaasa ifa hin taanee

MIDROC Investiment Group jalatti kan argamu Horaayizan Pilaanteeshiin giddu galawwan qonnaa babal'aa Godiina Jimmaatti argaman bulcha- giddugalliwwan qonnaa kunneen kanaan dura mootummaan kan hogganamu ture.

Qonna bunaa dhaabbanni MIDROC abbummaan hogganu kanarraa bunni argamu harki 80 al-ergiif kaan oolu ta'uusaa ragaan MIDROC ni ibsa.

KMNI qorannoo gaggeesseen humna daa'immanii qisaasuun akka jiru kan arge qonna bunaa Aanaa Godiina Jimmaa kanneen akka Limmuu Kossaa, Gumariifi Suunxuu keessatti argamanitti.

Hojjattoonni dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshiin shan amma hojiirra jiraniifi kanaan dura hojjataa turan akka jedhanitti, manneen barnootaa barattoonni buna [kan dhaabbata MIDROC] akka funaanan gochaa turuusaanii BBCtti himan.

Gabaasa Koomishiniin Mirgoota Namoomaa qopheessee BBCn argatee ilaale keessatti akka ibsametti, Godiina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa keessatti daa'ima waggaa 8-13 jiraanifi kutaa 1-4 baratan buna funaanuu irratti hirmaataniiru.

Barattoonni umuriinsaanii daa'ima ta'e kunneen hojii buna funaanuu irratti akka bobba'an kan godhaman waliigaltee manneen barnootaasaaniifi dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshiin gidduutti taasifameen ta'uu BBCn mirkaneeffateera.

Akkaataa waliigaltee Horaayizan Pilaanteeshiin fi manneen barnootaa gidduutti taasifameen, barattoonni torban keessatti guyyaa lamaaf buna akka funaanan akka godhaman gabaasi KMNI ni agarsiisa.

Manneen barnootaa kunneen dhaabbata qonnaa Horaayizan Pilaanteeshiin waliigaltee kan taasisan bifa lamaan yoo ta'u: galii dabalataa argachuufi idea irra jiru barattoonni dhaabbatichaaf buna funaanuun akka irraa bahu gochuudha.

Dirqiifi adabbiin hojjachiisuu

Barattoonni umuriin daa'ima ta'an qonna dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshiin jedhamutti bobba'anii buna akka funaanan kan godhaman "dirqiin" akka ta'e KMNI gabaasa isaa keessatti ibseera.

Hojjataan dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshiin tokko BBCn dubbises maatiin ijoolleesaanii "dirqiin gara qonna dhaabbatichaatti" akka ergan mirkaneesse.

"Barattoonni buna hin funaanne maatiinsaanii akka birrii kaffalan godhamu," jechuun barataan si'a tokko dhaqee buna hin funaanin hafe birria 250 qabatee mana baruumsaa deemuu akka qabu hima hojjataan dhaabbatichaa BBCn dubbise.

Daa'imman kunneen dirqiin sa'aatii dheeraaf haala rakkoo garaa garaaf isaan saaxilu keessatti buna akka funaanan gabaasa KMNI keessatti ibsameera.

Giddu gala qonnaa Gumar keessa "shamarran umuriinsaanii waggaa 14 gadii jiran yeroo buna funaanaan dhiirotaan haleellaan saalaa fa'aa akka irratti raawwatufi kana ammoo barsiisotas ta'ee maatiisaanitti himuu akka sodaatan" ibsuu isaanii gabaasichi ifa godheera.

Dabalataanis, shamarreen tokko giddu gala qonna bunaa dhaabbata MIDROC kana keessa osoo hojjattuu waraabessi bosona keessaa itti bahee osoo hari'uu kuftee miidhaan qaamaa irra gahuu hojjattoonni KMNI maatii barattuu kanaa dubbisuun mirkaneessaniiru.

Gabaasi KMNI akka agarsiisutti, hanga gabaasichi qindaa'etti, barattuu osoo buna funaantuu waraabessi hari'ee kuftee miidhamteef dhaabbanni qonnaa MIDROC Horaayizan Pilaanteeshin jedhamu deeggarsa homaatuu hin taasifneef.

Ijoolleen umuriin xixiqqoo ta'an kunneen buna funaanan kg 25-30 ta'u baatanii akka geessaniifi hanga galgala sa'aatii 12:30tti akka funaanan gabaasi komishinichaa ni eera.

Saa'aatii dheeraa hojjachuun humni isaanii kan qisaasamuun alatti, ijoolleen kunneen nyaatafi bishaanillee manasaanitii fidanii akka dhufan dirqamu.

"Ijoolleen mana baruumsaa irraa konkolaataa ISUZUdhaan fe'amanii kan deeman yoo ta'u, barattoonni hedduun bakka tokkotti walirratti fe'amanii waan deemaniif yaaddoo balaan irra gahuu akka qaban KMNItti himaniiru," jedha ganaasi komishinichaa.

Namoota ukkaamfamnii fudhatamanii hojii qonnaarratti bobbaafaman

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) humni daa'imman urmuriin hin geenyee seeran ala qisaasamaa jiraachuu bu'aa hordofii taasisee mootummaa federaalaafi qondaalota mootummaa naannoleef akkasumas dhabbata Horaayizan Pilaanteeshin jedhamuuf qoodee akka ture Obbo Yidiniqaachoon BBCtti himan.

Kuni ta'ee ji'a saddeet booda irra deebiin hordoffii taasisuuf komishinichi hojjattoota gara giddu galawwan qonna dhabbata Horaayizan Pilaanteeshinitti yoo bobbaasu, waan yaaddessaa kan biraa akka argan himu qondaalli KMNI kun.

Hojjattoonni KMNI gara giddu galawwan qonnaa dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshin Godiina Jimmaatti argamuu yoo deeman, daa'imman daandii magaalaa Finfinnee irraa humnaan ukkaamfamuun fuudhamanii dirqiin hojii qonna bunaa irratti akka bobbaafaman arguu himu.

Hojjattoonni dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshin shan BBCn dubbise akka jedhanitti, ALItti bara 2015 fi 2016 keessa namoonni daandii magaalaa Finfinneerraa humnaan fuudhamanii qonna Horaayizan Pilaanteeshin keessa akka hojjatan godhaman.

Bara 2016 ji'a Adoolessaa keessa namoonni sadi magaalaa Finfinnee keessaa poolisiin erga qabamanii naannoo Qaalittii erga tursiifamanii turan. Namoota sadan keessaa tokko daa'ima hojii ijaarsaa irratti bobba'ee ture yoo ta'u, magaalaa Finfinnee naannoo Markaatotti galgala hiriyootasaa wajjin irbaata osoo nyaachuuf jedhuu poolisiin qabame.

"Hojii ijaarsaa ovartaayimii osoo hojjannuu halkan keessaa naannoo sa'aatii jahaatti irbaataaf osoo deemnuu qabamne," kan jedhu Kaasahuun [maqaansaa kan jijjiirame].

Akka Kaasahuun daandii Finfinneerraa tasa poolisiin qabamanii gara Jimmaa kan geeffaman hedduudha. Namni biraa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataatti osoo taaksii irraa bu'aa jiruu poolisiin qabamuu dubbata.

Namoota poolisiin daandii magaalaa Finfinnee irratti to'ate keessaa "hojjattoonni mootummaa", "barsiisonnii" fi "konkolaachistoonni taaksii" fa'aa akka argaman himu namoonni kun.

KMNI gabaasa Amajjii darbe baasen namoonni daandirra jiraatan qabamanii Qaalittii naannoo "Giddu Gala leenjii konkolaachistummaa" kan jiru mankuusaa guddaa keessa akka tursiifaman ibsee ture.

Kaasahuunis qamabee Qaallittii torbee tokkoof osoo maatifi namuu isa hin argin akka tursiifameefi bilbilli isaanii irraa fuudhamee akka tures hima.

Guyyoota 15 kan ta'uuf Qaalittii erga tursiifamanii booda namoota muraasa "hojiif" jechuun filatanii fe'uun akka gara Jimmaa akka isaan geessan hima.

Yeroo gara Jimmaa geeffaman konkolaataan geejjiba namaa TATA jedhamuun beekamu "sagal" tokkoon tokkoonsaa namoota 64 kan fe'u namoota Finfinnee fuudhee akka deeme hima Kaasahuun.

Namoonni biroo lama ammoo yeroo Qaallittiidhaa fe'aman, hojii maaliif akka deeman itti himamuu dubbatu. Hojii qonnaarra hojjachuuf namoonni tokko tokko tole kan jedhaniif, hidhaa jalaa miliquuf akka ta'es himu.

Osoo imalarra jiraniis kanneen "miliqan" akka jiranis himu namni ijaan argan, konkolaatonni namoota ugguraman fe'anii deemaa turan magaalaa Walqixxee yeroo dhaabatan, namoonni miliqanii badan akka jiran namni ijaan arge himan.

Kaasahuun akka jedhutti, konkolaataan tokko magaalaa Sokorruutti kufuun ijoolleen muraasa ta'an akka miidhamanii turaniifi kanneen balaan konkolaataa isaan mudate keessaa gara Finfinneetti kan deebifaman akka turanis hima.

Namoonni ijaan argan BBCn dubbise akka jedhanitti, namoonni Finfinnee fe'aman kunneen erga magaalaa Jimmaa gahanii booda gara giddu galawwan qonna dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshin jedhamuu bakka garaa garaatti argamuutti bittimfaman.

Namoota Finfinnee qabamanii geeffaman keessaa hedduunsaanii hojii buna funaanuu irratti kan bobbaafaman yoo ta'an, namoonni muraasni garuu giddu gala qonna Calalaqii jedhamuutti kan argamu omisha boqqoolloo keessa hojjataa turan.

Deebii Horaayizan Pilaanteeshin

Dhaabbanni qabeenyummaansaa kan MIDROC ta'e, Horaayizan Pilaanteeshin humna daa'imman umuriin hin geenyee qisaasufi namoota humnaan ukkaamfaman fedhiisaaniin ala qacaree hojjachiisuu ilaalchisee himannaa irratti dhiyaatu hin fudhatu.

Hoji gaggeessaa dhabbatichaa kan ta'an Natsaannat Gaashayee, "seerota idiladdunyaa biyyi keenya mallatteessite hordofnee dhaabbata guddaa Ameerikaafi Awurooppatti omisha erguudha nuti," jechuun himannaa irratti dhiyaatu haalu.

Gabaasa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhaabbatasaanirratti dhiyeesse ilaalchisee "wantoonni nuti hin fudhanneefi garaagarummaa qabannee gargar baane jiru," jechuunis dubbatu. Natsaannat, waliigalteen kun kan godhame manneen barnootaa naannichatti argaman jajjabeessufi barattoonni akka of jabeessaniifi karaa ittiin mana baruumsa isaanii fayyaduuf galtee akka argatan gochuuf akka ta'es ibsu.

Barattoonni giddu galawwan qonnaa keessa kan hojjatan dirqamaan osoo hin taane fedhiifi akkaataa umuriinsaanii hayyamuun adda baafamanii ta'uus dubbatu.

Namoota daandii magaalaa Finfinneerraa ukkaamfamanii dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshin keessa akka hojjatan godhaman ilaalchisee ammoo dhaabbannisaanii waktii sassaabbii omishaatti, hojjattoota humnaa kumaatamaan lakkaa'aman kutaalee biyyattii garaa garaa keessaa akka fudhachuuf waajjiraalee mootummaa federaalaafi kan naannolee waliin waliigaltee akka mallatteessu himu Obbo Natsaannat.

Inumaayyuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dargaggoota daandii magaalaa Finfinneerra jiraatan 2,000 ol ta'aniifi rakkoof saaxilamoo ta'aniif "carraa hojii yeroo waan uumefiif galata qaba" kan jedhu xalayaa galateeffannaa dhaabbata Horaayizan Pilaanteeshiniif barreessuu isaa BBCn hoji gaggeessicharraa mirkaneeffateera.

Obbo Natsaannat akka jedhanitti, namoonni kunneen sassaabbii omishaa ji'a sadiif kan dhufan akka ta'eefi yeroo sassaabiin dhume bakka dhufanitti kaan deebi'anii kaan ammoo achuma akka jiran himuun, kan turuu barbaadu turuu akka danda'u himu.

Seera: saamicha humna daa'imaa fi hojii dirqii jechiisiisuu maali?

Daa'imman umuriinsaanii waggaa 15 gadii ''bosona keessa,'' ''eegumsa nageenyaa malee'' akkasumas ''barnoonni isaanii dhaabate'' akka hojjatan taasifamu kan eere Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, gochiichi saamicha humna daa'immanii akka ta'e ibseera.

BBCn argannoo kanarratti kan dubbise hayyoonni seeraa lama gamasaanitiin dhimmicha sadarkaa kanaan ol ta'eera kaa'u.

Dhimmoota seera hojjattootaan wal qabateen qorannoo taasisuun kan beekaman barsiisaan Seeraa Yunivarsitii Finfinnee, Dr Mahaarii Radaa'ii, barattoonni yoo guuruu irratti hin hirmaanneetti adabbiin maalaqaa kan isaan irra kaa'amu yoo ta'e, dhimmichi ''saamicha humna daa'immanii qofaa osoo hin taane amala hojjataa dirqii (forced labour) ni qabaata'' jedhu.

Abokaatoo mirga namoomaa fi Yunivarsitii Awustiraaliyaatti argamu, 'Yunivarsitii Of Nortardaam'tti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr Hiruuy Wubeetis, adabbii barattoota irra kaa'amurratti cimsanii dubbataniiru.

Gochiichi kan dirqii fi adabbii qabu ta'unsaa sadarkaa idil-addunyaatti 'saamicha humna daa'immanii sukkaneessa (worest forms of child labour) jedhamun kan waamamu keessatti ramadamuuf akka galchu ibsan.

Yunivarsitiin Awustiraaliyaatti waa'ee ''garbummaa hamayyaa'' kan barsiisan Dr Hiruuy, dhimmi namoota daandiiwwan Finfinnee irraa walitti qabamanis ramaddii ''hojjattoota dirqii'' keessa kan galu ta'u kaasan.

Namoonni ''hidhaa akka barbaadee fi seeraan alaatiif'' saaxilaman kunneen haala waan isaan barbaachisu bilisummaan filachuu irra akka turre kaasu.

''Namoonni kunneen hidhamtoota. Jecha ifa ta'een saaxilamummaa sarbamu danda'u (abuse of vulnerability) qabu. Sababiinsaas namni hidhaarra jiru waan barbaade jedhamus ni raawwata'' jedhu.

DHaabbanni hojjattoota Addunyaa qabxiilee ''agarsiiftuuwwan hojjattoota dirqii'' jechuun kaa'e keessaa tokko, dhimma saaxilamummaa miidhamuu (abuse of vulnerability) kan ta'u ibsu.

Dhaabbatichi bakka jiraatanii gar abiraatti akka dabarfam taasifamun isaanii kanneen akka agarsiiftuutti kaa'an keessaa tokko kan ta'e, ''daangeeffamu sochii'' (restriction of movement) kan guutuu ta'u dabaluun eereera.

Ittigaafatamummaan yoom dhufa?

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa saamichi humna daa'immanii raawwatmaa jiraachu yoo irra qaqabuu ''atattamaan dhaabbachu qabaata'' jechuun argannoosaa waajiraalee mootummaa garaa garaa fi buufataalee qonnaa kanneeniitti dhiyeessuu Obbo Yidinaqaachoon ni dubbatu.

Isaan booda ammoo daa'imman kanneen buna guuruu irratti hirmaachisuun ''gutummaa guutuutti akka dhaabbate mirkanneessus'' himeera.

''Waliigaltee manneen barnootaa fi buufataaleen qonnaa qaban akka diigamu ta'era'' kan jedhan Obbo Yidiniaqaachoon, Biiroon Barnoota Oromiyaa daareektaroota manneen barnootaa barattoota isaanii bobbaasan irratti ''tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu'' akka ibse kaasaniiru.

Gochaa kana dhaabuudhaaf buufataalee qonnaa tarkaanfiiwwan yeroo ''dheeraa, jidduugalaa fi atattamaa'' fudhatan adda baasuun Komishinichaaf akka dhiyeessan gaafataman keessaa ''baayyeensaanii'' erguusaanii ibsaniiru.

Obbo Yidinaqaachoon akka jedhaniitti, komishinicha saamicha humna daa'immanii ilaalchisee yaada gorsaa akka hojiirra oolfamaniif dhiyeessee keessaa tokko, itti gaafatamummaan seeraa tokkoodha.

''Saamichi humna daa'immanii yakkadha. Seerri yekkaa keenya yakka godhe kaa'a. Gaaffii omaatu hin qabu'' kan jedhan Qindeessaan Mirgoota Daa'immanii kun, Komishinichi itti fufee hordoffii taasisuun akka raawwii yaada gorsaa kana ilaalu dubbatan.

BBCn Ministeera Haqaa fi Biiroo Haqa Naannoo Oromiyaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne. Itti Gaafatamtoonni Abbaa Alangaa Godina Jimmaa fi Liimmuu Kossaa gama saanitiin, saamicha humna daa'immanii ilaalchisee argannoo komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa akka beekan BBCf mirkaneessaniiru.

Itti gaafatamoon biiroo abbaa alangaa Godina Jimmaa, Zahaaraa Mahaammad, gabaasni komishinichaa waajjira isana hoggananiif akka hin dhiyaannee, haata'u malee ''walgahii irratti'' waa;e dhimmichaa akka dhagahan dubbataniiru.

Kana ka'umsa taasifachuunis biiroon isaanii itti gaafatamtoota aanaarratti argamaniif biiroonsaanii dhimma saamicha humna daa'immanii irratti leenjii kennu kaasan.

Ittigaafatamoon biiroo Abbaa alnagaa Aaanaa Liimmuu Kossaa, Obbo Dachaasaa Abdulsalaam gamasaanitiin, gabaasichi waajjirasaanitiif hiyaachu ibsaniiru.

''Aanicha waliin ta'udhaan'' barattoonni buna guuruun akka dhaabbatu taasifamu kan dubbatan Obbo Dachaasaan, Aanaa Limmuu Kossaatti kan argaman buufataaleen qonnaa Horaayizan sadi waliin haasaan taasifamun ''waliigalteerra gahamu'' ibsaniiru.

Itti gaafatamtoonni Godina Jimmaas ta'e kan Aanaa Limmuu Kossaa, itti gaafatamummaan seeraa dhimma kanaan wal qabatee adeemsarra jiru ykn kan raawwatme akka hin jirre dubbatan. Dhimmicha ilaalchisee kallattiin ''iyyannii hin dhiyaannee'' jedhan.

Barsiisaan seeraa Dr Hiruuy, haalli kun ''qaawa'' sirni seera biyyattii qabu kan calaqasiisuu ta'u dubbatu. Seera yekka Itoophiyaa keessatti dirqiidhaan hojjachuun ''ifatti yakka ta'e'' kaa'amu dhabusaa kan kaasan oggeessi kun, seerichi gochaawwan kanaan walitti dhiyaatan ilaaluuf ''iyyannii dhiyaachu'' akka qabaatu akka labsu kaasan.

Keessattu oggeessi seeraa kun, dhimmi namoota daandii irraa walitti qabaman waliin wal qabtee kallattii mirga namoomaatiin ilaaluutu baasa ejjannoo jedhu qabu.

''Dhimmi namoota kanneenii yakkaan osoo hin taane sarbama mirga namoomaatiin kan ilaalamu. Sababiinsaa kan gahee dhunfaa hin qabne, motummaa mataasaati. Maal jettee mootummaa yakkaan gaafata? Sarbama mirga namoomaa jettaan'' jechuun yaada saanii ibsan.