Ajjeechaawwan Godina Arsii ilaalchisee koreen dhimmicha qorachuuf garas imale maal hima?

Madda suuraa, Addis Standard
Ajjeechaawwan Godina Arsii keessa torbeewwan darban raawwataman ilaalchisee koreen Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaatiin hundaa'e gabaasa sadarkaa jalqabaa baase.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa haleellaa Godina Arsiitti baatii Onkololeessa keessatti raawwataman qofaan ''namoonni 25 ol'' ajjeefamuu torbee tokko dura beeksistee turte.
Dureewwan bataskaanaa BBC Afaan Amaaraa dubbises namoonni haleellaan irratti raawwatame ''sababa amantii isaaniin irratti xiyyeeffatameera'' jechuun himanii turan.
Haleellaawwan godinicha keessatti raawwataman hordofuunis Yaa'iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa koree hundeessuun aanaalee Godina Arsii afur: Gunaa, Martii, Shirkaa fi Honqoloo Waabee keessatti guyyoota shaniif dhimmicha qulqulleessuun ibsa kaleessa ALI Sadaasa 1, 2017 miidiyaaleef kenneen himeera.
"Uumamuun rakkinichaa amala jijjiire hinqabu" kan jedhe korichi, "walumaagalatti dhimmoonni siyaasa fakkaatan akka jiran hawaasarraa deebii arganneerra" jedheera.
Kana malees ajjeechaawwan raawwataman sabas ta'e amantaa kan bu'ureeffatan akka hintaane korichi himeera.
"Rakkinichi Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee akkasumas Musliimas ta'e hordoftoota amantaa Ortodoksii fi hordoftoota amantaa Kiristaanaa kanneen biroo kan miidhe akka ta'e nuuf ibsameera" jedheera.
Gareen qorannoo kun eenyummaa namoota lubbuun darbee, haala du'aa, baay'inaafi amantaa isaanii ilaalchisee qorannoowwan itti aananii adeemsifamaniin adda akka bahan himeera.
Kana malees qorannoosaa aanaalee godinichaa birootti babal'isuun akka adeemsisu kan himame yemmuu ta'u, "gareen qorannoo aanaalee hafan yeroo gabaabaa keessatti hordofuun yaada dimshaashaa kan dhiyeessu ta'a" jedhameera.
Waa'ee haleellaawwan torbanoota darbanii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'a Onkololeessaa darbe keessa aanaalee Godina Arsii garagaraa keessatti haleellaawwan lubbuu namaa galaafatan raawwatamuu gabaafamaa tureera.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa torbee tokko dura baasteen godinicha keessa ji'a Onkololeessaa keessa qofa ''namoonni 25 ol'' ajjeefamuu ibsa ALI Onkololeessa 20, 2018 baasteen himteerti.
Haaluma kanaan haleellaa aanaalee Martii fi Gunaa keessatti raawwatamaniin hordoftoonni amantichaa 17, aanaa Shirkaatti namoonni sadii, Honqoloo Waabeetti immoo namoonni shan ajjeefamuu himte.
Haleellichi "hidhattoota eenyummaansaanii hin beekamneen" raawwatame kan jette manni amantichaa, mootummaan mirga jiraachuu lammiilee akka eegsisu gaafattee turte.
Yaa'iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaas haleellichi caalmaatti hammaachuusaan dura mootummaan hojii seera kabachiisuu akka hojjetu gaafachuunsaa ni yaadatama.
Gama biraatiin haleellaawwan aanaalee Godina Arsii garagaraa keessatti raawwataman ilaalchisee BBC'n maddeen garagaraa haasofsiisuun gabaasee ture.
Haleellaawwan keessaa aanaa Gunaatti kan raawwatameen "miseensa maatii tokko" kan ta'an namoonni saddeet ajjeefamuu maddi BBC'n haasofsiise himee ture.
Dhimma ajjeechaa Godina Arsii BBC'n kan gaafataman bulchaan godinichaa Obbo Ibraahim Kadir ''sobadha'' jechuun haleellaa raawwatan jedhaman waakkachuunsaanii ni yaadatama.
Waggoota muraasaa as Godina Arsii keessa haleellaawwan hidhattootaan raawwatamaniin lubbuun jiraattotaa darbuu yeroo garagaraatti gabaafamaa tureera.















