Lammiilee alaa dabalatee namoonni faayinaansii biyyaalessaa irratti 'shira hojjetan' 112 to'ataman- Tika

Madda suuraa, EBC
Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa karaa haaromsa dinagdee mootummaan hojiirra oolche faalleessuun namoota karaa qindaa'aa taheen sharafa alaa irratti shira hojjechaa turan jedhe to'annoo jala oolchuu hime.
Tiki biyyaalessaa karaa qindaa'aa fi icciitiin isaa eegameen odeeffannoo funaanuuf hojjechaa turuu ibsa miidiyaa biyya keessaa EBC'f ergeen beeksiseera.
Tajaajila Tikaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa, Tajaajila nageenya Faayinaansii, Poolisii Federaalaa, qaamolee nageenyaa naannolee fi eeruu uummataa fayyadamuun namoota faayinaansii biyyattii irratti shira hojjechaa turan hordofaa turre jedhe.
Tiki Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa 112 fi lammiilee biyyootaa alaa adda addaa to'annoo jala oolchuu hime.
''Gochaa seeraan alaa waliin hidhata kan qaban lakkoofsa herrega baankii namoota 519 uggurameera. Akkasumas qabsiifni ragaa tahu walumaan to'annoo jala ooleera'' jedhe ibsichi.
Daddabarsa Hawaalaa seeraan alaa, daddabarsa maallaqaa, sharafa biyya alaa, hojii gibiraa fi maallaqa seeraan alaa seera qabeessa fakkeessuu hojjechaa turan. Kanaanis dinagdee biyyaa irra miidhaa guddaa dhaqabsiisaniiru jedhe.
Akkasumas maallaqaan shororkeessitoota fi qaama hidate deeggaraa turaniiru jedhe.
Keessumaa dhaabbilee daddabarsa maallaqaa idil-addunyaa seeraan ala tahan, appilikeeshinoota daddabarsa maallaqaa seeraan ala tahan, appilikeeshinii kiriptoo kaarensii, daddabarsa Hawwaalaa seeraan alaa fi dallaalota dabalata jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas daldaltoota al-ergii fi gara biyya keessatti galchan baasii fi galii daldalaa irratti shira hojjechaa kan turan, akkasumas daldala seera qabeessaa tokkollee osoo hin qabaatiin daddabarsa hawwaalaa seeraan alaa irratti bobba'uun maallaqa gurguddaa kanneen sochoosan dinagdee biyyaa irra miidhaa guddaa geessisaniiru, jedhe ibsichi.
Namoota gochaawwan kanneen raawwachuun to'annoo jala oolan irratti tarkaanfii jabaa akka fudhtu ibse.
Sharafa alaa guddaa dhalattoonni Itoophiyaa gara biyyaatti ergan karaa seera baankii biyyaalessaa cabseen akka gara biyyaa hin galle godhaniiru.
Dhaabbilee daddabarsa maallaqaa idil-addunyaa eeyyamni isaanii baankii biyyaalessaan jalaa haqame warreen tarkaanfiin kun irratti fudhatame keessaati jedhe.
Akkasumas abbootiin qabenyya dhaabbilee adda addaa biyya keessatti appilikeeshinii daddabarsa maallaqaa seeraan alaa fayyadamuun qabeenya biyyaa baasaa jiran kanneen to'annoo jala oolfaman keessaati jedhan.
Seeraa baankii biyyaalessaa karaa cabsee fi eeyyama tokko malee, appilikeeshinii kiriptoo kaarensii fayyadamuun karaa seeraan alaa sharafa maallaqa alaa kanneen raawwataa turan irrattis tarkaanfiin fudhachuu tiki biyyaaleessaa ibseera.
Shirri faayidaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa ture pirojeektonni mootummaa gurguddaan akka gufatan, uummanni mootummaa irratti komii akka
Nageenya biyyaalessaa balaarra kan buusanii fi dinagdee biyyaa kan miidhan irratti tarkaanfii jabaa akka fudhatu ibseera.
Baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa kana duras qaama daddabarsa maallaqaa seeraan alaa irratti hirmaatu irratti tarkaanfii jabaa akka fudhatu dursee ibseera.















