Mootummaan maallaqa gabaa sharafa seeraan alaa keessa socho'u dhaaluuf dhaadate

Madda suuraa, National Bank of Ethiopia/YouTube
Namoonni gabaa sharafa maallaqa seeraan alaa fayyadaman ''yoo of hin eegganne'' maallaqni isaanii akka dhaalamu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratu akeekkachiisan.
Obbo Maammoon Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) kan jiraniifi dhaabbilee gocha ''seeraan ala kana babal'isan'' irratti tarkaanfiin cimaa akka fudhatamuus akeekaniiru.
Obbo Maammoon kana kan jedhan sochii waqtawaa sharafa maallaqaa biyya alaa sababeeffachuun ibsa guyyaa Roobii kennan irrattidha.
Ibsi isaanii caal baasii sharafa alaa torban kana taasifameefi sochi sharafaarratti kan xiyyeeffatedha.
Obbo Maammoon caalbaasii taasifameen dolaarri miliyoona 150 baankota 28'f gurguramuu akkasumas giddugaleessaan gatiin dolaara tokko birrii 138 ta'u dubbataniiru.
''Baankonni hirmaatan hunduu [hamma] sharafa alaa barbaadan akka argatan,'' Obbo Maammoon dubbataniiru.
''Baankonni caalbaasii injifatanii sharafa alaa argatan caalbaasiin qofa osoo hin taane kan ofi isaanii itti dabalanii torbanoota itti aanan maamiltoota isaaniif haala gaha ta'en akka dhiheessan ni eegama,'' jedhaniiru.
Baankichi ''akka barbaachisaa isaatti'' caalbaasii sharafa alaa adeemsisuu isaa itti fufuu murteessuu isaa Bulchaan Baankii Biyyaalessaa himaniiru.
Sababi murtee kanaa ''sharafni alaa of eeggannoof kuufamu bajata waggaa darbe dachaa sadiin waan dabaleef akkasumas haalli jajjabeessaa kuni bajata waggaa baranaas itti fufuu'' isaa dubbataniiru.
Kanaan alas, Baankiin Biyyaalessaa hammi sharafa alaa argamu ''kan eegamu ol guddachuu'' akka sababa dabalataatti eeraniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Maammoon yeroo dheeraa fudhatanii kan dubbatan haala sharafni gabaa maallaqa alaa biyyattii itti jirudha.
Hammi sharafa maallaqa alaa baankonni biyyattii hawaasa daldalaaf dhiheessan ''dachaan dabaleera'' kan jedhan Obbo Maammoon, walumaa gala baankonni sharafa alaa dolaara biiliyoona walakkaa tilmaamamu ji'a ji'an akka kennan dubbatan.
Hawaasi daldalaa gara caalu sirna idilee baankiilee akka fayyadaman ibsuun, ''tokko tokko garuu adeemsa akkanaa hordofaa waan hin jirreef gabaa seeraan alaarraa gara sirna baankii idilee akka deebi'an cimsinee hubachiifna,'' jedhaniiru.
Hawaasi daldalaa sirna baankii hin fayyadamne ''atattamaan'' sirna baankiin akka fayyadaman cimsanii kan akeekkachiisan Obbo Maammoon, baankichi sirna ''maallaqa gabaa seeraan ala seenuufi sosso'u'' itti hordofu diriirsuu isaas himan.
Sirni kuni ''tekinolojii cimaan kan utubame'' ta'u ibsuun, ''lammiileen gabaa idilee hin taane fayyadaman gocha isaaniirraa yoo hin deebine hordoffii dhihoon tarkaanfiin maallaqa isaanii hanga dhaalutti geessu akka fudhatamu,'' hubachiisaniiru.
Kanaan ala amanamtummaa sirna faayinsaansii biyyattii ''beekaa laaffisuufi gatii gabaa faallessuuf yaaduun kanneen seeraan ala maallaqa ala ta'anii daddabarsan [irratti] tarkaanfiin dabalataa fudhatamu ammallee itti fufa,'' jechuun akeekkachiisan.
''Keessumaa eega yeroo dhihootii dhaabbileen buufata isaanii Dubaay, UAE godhataniifi gochawwan seeraan alaafi gabaa seeraan ala jajjabeessan akka jiran waan hubanneef kana hordofnee tarkaanfii cimaa ni fudhanna,'' jedhaniiru.
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa torban dura dhaabbilee afur buufata isaanii Ameerikaa godhataniifi ''maallaqa yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuufi gocha seeraan ala maallaqaan tumsuun'' himate ibsee ture.
Dhaabbileen kuni Daddabarsa Maallaqaa Shagay, Aduliis, Raamaadaa Peey fi Taaj dha.
Baankiin biyyaalessaa iddoowwan dhaabbileen kunniin jiranitti aanga'oonni dhimmichi ilaallatu qorannoo gaggeeffamuuf deeggarsa haa godhan jechuunis waamicha dhiyeesseera.
Hawaasni Itoophiyaa biyya alaa jiraatus ''hariiroo dhaabbilee kana waliin qabu haa dhaabu'' jechuun waamicha godheera.
Dabalataanis, qorannoo baankichi gochaa jiru itti fufuun ''akka barbaachisummaa isaatti tarkaanfii sirrii'' akka fudhatu akeekkachiseera.












