Intalli Kiim Joongi yeroo jalqabaaf ummatatti mul’atte

Madda suuraa, KCNA VIA REUTERS
Pirezidantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim yeroo jalqabaaf mucaa isaanii ifatti agarsiisan.
Kiim Joongi mucaasaanii shamarree taate waliin yeroo jalqabaatiif ummata fuulduratti mul’ataniiru, kunis hamii yeroo dheeraaf mucattiin jiraachuu himan mirkaneesseera.
Mucaan maqaa ‘Kim Chu-ae’ jedhu qabdi jedhamtee yaadamtu kun, bakka yaalii misaayela baalistiikii guddicha fageenya dheeraa deeman wayita abbaanshee daawwachaa turanitti ture kan waliin mul’atte.
Lameen bakka kanatti harka wal-qabatanii yoo mul’atan, US gocha kana balaaleffattee jirti.
Abba Kiim biyya akka malee dhokattuufi odeeffannoon keessaa hin baane kan dursan yoo ta’u, waa’een jireenya dhuunfaa isaanii hagas hin beekamu.
Suuraawwan hedduu eejansii oduu Kooriyaa Kaabaa (KCNA) irratti kan maxxanffaman yoo ta’u, lameen harka wal-qabatanii yoo anga’oota dubbisaniifi misaayelli yoo dhukaafamu bakka daawwannaarra ta’uun ilaalaa turani.
Chu-ae akkasitti argamuun ishee faayidaa qabeessahda jedha Maayikil Maadan, ogeessi Washington DC irra dhimma Kooriyaa Kaabaa xinxaalu.
Namni dhaloota sadaffaa maatii isaanii keessaa ta’aniifi biyyattii bulchaa jiran Abba Kiim, ammallee angoon kan isaanii ta’uu abbootiin taayitaa biyyattii akka hubatan gochuu barbaadeetu jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Dhaloonni 4ffaa angoo qabatu qaccee sanyii koorraa dhufa,” isa jedhu agarsiifachuu fedheetu jedha, Maayikil.
Kuni kan ta’es erga “2021 keessa anga’oota olaanoo biyyattii waliin wal-dhabaniiru” oduun jedhu erga ba’ee boodadha.
“Yoo naqorte baduu keeti” ergaa jedhu dabarfachuu barbaadeetu, akka Maayikil jedhutti.
Akka Maayikil Maadan jedhutti, Chu-ae ganna 12-13’tti kan tilmaamamtu yoo ta’u, wagga afur yookaan shan keessatti yunivarsiitii yookaan humna waraanaatti makatti.
Fulbaana darbe kabaja Ayyaana Biyyaalessaa irratti argamtee akka turte viidiyoon agarsiisu mul’attee turte jechuun ogeessonni Kooriyaa Kaabaa irratti xinxaalan himanii ture.
Suni garuu haasaa ta’uurra darbee anga’oota biyyattiitiin hi`n mirkanoofne.
Chu-ae’n jiraachuun ishee yeroo jalqabaaf kan odeeffame wayita taphataan kubbaa kaachoo Ameerikaa beekamaan Deeniis Roodmaan imala falmisiisaa gara Kooriyaa Kaabaatti erga taasisee boodadha.
Deeniis Roodmaan, maatii Kiim waliin qarqara galaanaatti yeroo gaarii akka dabarsaniifi, “Chu-ae harkatti baachuu” himee ture.
Akka ogeessonni jedhanitti, Abba Kiim ijoollee sadii qabu. Dubara lamaafi dhiira tokko, Chu-ae ammo ishee angafaati.
Namni kun jireenya dhuunfaa isaanii akka malee dhoksuu jaalatu, haati warraa isaanii ‘Ri Sol’ju’ erga dhoksaa keessa turtee booda yeroo jalqabaaf kan mul’atte, erga gaa’ela dhaabanii yeroo murtaa’aa booda ture.

Madda suuraa, KCNA VIA REUTERS















