Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaa barataa barnoota 51 A+ fiduun medaaliyaa argatee haadha badhaase duuba jiru
Eebbi barnootaa barataaf boqonnaa, maatiif immoo gammachuu fida. Ilmi yookiin intalli ofii qabxii olaanaan eebbifamuun immoo gammachuu dachaa godha.
Waggaan xumuramee yunivarsiitiiwwan garagaraa yeroo barattoota eebbisiisanitti wantoota mul’achuu malan keessaa tokko abbaan qabxii olaanaa fide baramuudha.
Barataan amma seenaan isaa namoota hedduu garaa nyaate isinitti himuuf jennu yunivarsiitii ramadamees ta’e barnoota itti ramadame itti hin gammadne ture.
Hamma jaalatu argatuutti garuu waan argatee jaalatee milkaa’uun fagoodhaa mul’ate. Nutis seenaa isaa isa gaafanne.
Maqaan isaa barataa Daagim Tasfaaye jedhama. Maatii isaaf mucaa sadaffaafi kan xumuraati - quxisuudha.
Barattoota ALI Bara 2015 Yunivarsiitii Injibaaraatti eebbifaman keessaa tokkoofi namni waa’ee isaa haasa’aa jiru keessaati.
Barataan kuni qabxii baay’ee olaanaa galmeessuun medaaliyaa warqii fudhateera.
Medaaliyaa kanas 'siin hin caalu' jechuun galma eebbaa keessatti haadhaaf gumaache.
Akka dargaggoon kuni seenaa isaa BBC’tti himetti, maatii isaa keessa kan yunivarsiitii seenanii hin baranne harmee isaa qofa.
Kanaaf waan argate keessa isa guddicha harmee isaaf qoode.
‘’Harmeen kiyya ana barsiisuuf jecha barnoota kutaa 12ffaa addaan kutte,’’ jechuun BBC’tti dubbate.
‘’Barnoota yoon seene malee jedheen ishee rakkise. Yeroos isheen barnoota dhuunfaan barattu adda kuttee anaan na galchite.
‘’Medaaliyaan argadhe kan ishees waan ta’eefi kaniin ishee badhaase,’’ jechuun sababa medaaliyaa warqii harmee isaaf kenne hime.
Daagim dhalatee kan guddate Magaalaa Baahirdaaridha.
Yunivarsiitii Injibaaraatti barachuun filmaata isaa jalqabaa hin turre. Wanti baratuu fedhu fayyaa ture.
Qormaata kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fidee Yun. Finfinnee ykn Baahirdaar nan seena jedhee abdateyyuu ture.
Garuu filmaati isaa duraas, lammataas hin milkaa’in hafe.
Barnoota 51 A+
‘’Akkaataa ramadamne irratti rakkootu ture. Barattoota naannawa keenyaa asumatti nu ramadani,’’ jechuun hima.
Ramaddiin Yunivarsitii Injibaaraa Naannoo Amaaraa, Godina Bulchiinsa Aawwii keessatti hundaa’etti isa gahe.
Yunivarsitiin kuni kanneen dhihoo hundaa‘an keessaa waan ta‘ef muummee inni barbaadu hin arganne.
Sababa kanaaf ‘’gosa barnootaa turan keessaa kan wayyoo qabu jedhee kaniin yaade filadhe,’’ jechuun dubbata.
Barnoonni inni filate immoo muummee Saayinsii Biqilootaa qo’atu yookiin [Plant Science] dha.
Gosa barnoota kanaan digirii argachuuf waggaa afur itti fudhate.
Waggoota afran kana keessatti koorsiiwwan barate keessaa barnoota 51 A+ fide. Barnootni sadii immoo A dha.
Qabxiin A+ barattoota gosa barnoota tokkoon qabxiin guddicha ykn qabxii adda ta’e galmeessaniif kennama.
Icciitii milkaa'inaa
Daagim barnoota kana qabxii kanaan xumuruu isaatiin gammachuu guddaa qaba. Ammoo dhamaatii yeroo dheeraa ta'uu quba qaba.
‘’Bu’aa dhamaatiikooti,’’ jechuun dubbata.
Barataan kuni milkaa’ina isaaf sababoota lama kaasa.
Tokkoffaa ''of bituu'' jechuun ibsa. Bara dargagummaa keessumaa yunivarsitii keessa wantootni nama qoran danuudha.
Dhaabbileen barnoota olaanoo bakkatti qajeelanis, bakkatti hireen jireenya barataa maqus ta’uu mala.
Fedhiiwwan bara dargaggummaa ka'an to'achuun milkaauu isaa amana.
Sababi lammataa immoo maatii isaati. Waa'ee maatii isaa Daagim baay'iseema haasa'a.
‘’Bilisummaa maatiin kiyya naaf kennaniifi ofii koof akkan murteessu gochuun isaanii kaayyoo kiyya akka hin daganne godheera.’’
Milkaa’ina isaatti maatiin isaa gammaduun immoo ittuu gammachuu isaa guddise.
‘’Isaaniif jedhee akkan baradhetti hubadha,’’ jechuun hima. Dhamaatii maatiin isaa isaaf jedhanii arganiis gammachuun akka isaan kiise amana.
Magaalaa Baahirdaariifi Injibaaraa gidduu fageenyi jiru xiqqaadha. Inni garuu maatii dubbisuuf jecha gara magaalaa Baahirdaar yeroo baay’ee hin dhaqu.
Kanaan maatiin isaa mufii qabu. Garuu, ‘’sababa barnoota ta’ef obsaniiru. Kunis bilisummaan barnoota kiyyarra akka xiyyeeffadhu na gargaareera,’’ jedha.
Akka barataan kuni jedhutti, daree keessa waan gara caalu xumura. ‘’Wanta baay’ee kaniin xumuru daree keessattidha,‘‘ jedha.
Kaayyoo gara-fuulduraa
Barataan kuni waa’ee egeree isaa yoo dubbatu ‚‘‘Hojii qofa kaayyoo godhatanii warri baratan jiru.
''Ani garuu ofii kiyya iskolaarshippii barbaadee barachuu nan danda’a. Carraalee hedduutu jira,‘‘ jechuun ibsa.
Dhimma hojii qacaramuu yoo ibsuus‚‘‘Hojiileen dhuunfaan hojjetaman baay’een jiru,‘‘ jechuun dubbata.
Hanga yoonaa carraan hojiis ta’e carraan barnootaa akka isaaf hin dhihaanne BBC’tti himeera.
Damee barnoota barateen walqabatee qonna Itoophiyaa irratti jijjiirama fidu fedha.
‘‘Barumsi baradhe damee barnoota qonnaan jijjiirama guddaa akkan fidu kan dandeessisudha.
‘‘Sababa kanaan dhuunfaanis ta’e qonnaan bultootaaf hojii dhiibbaa uumuu danda’u hojjechuuf kaayyoon qaba,‘‘ jechuun hawwii isaa hime.