Qaala’insa jireenyaa Itoophiyaa abba ijoollee lakkuu afurii abdii kutachiise

Obbo Nibraas Ahmad jiraataa magaala ciroo yoo ta’an waggaa sadiin dura eebba isaan hin eegnetu qe’ee isaanii seene. Haati warraa isaanii si’a tokkoon ijoollee afur dahan.

si’a tokkoon ilmaan afur dahuun kun hedduu hin baratamne waan ta’eef naannichatti waan raajii Rabbii jedhamee odeeffame. Ijoolleen dhiira lamaafi dubra lama Obbo Nibraas guyyaa tokkoon argatan kunneen amma waggaa sadii darbaniiru.

Nibraasis ta’e haati warraa isaa hojii dhaabbataa qabaachuu baatanillee waanuma guyyuu argataniifi deeggarsa namootni naannoo isaaniif taasisaniin gara jalqabaa haaluma gaariin jiraachuu jalqabanilleen booda wanti hundi itti cimuu dubbata.

“Jiruun haalan ulfaachaa dhufe. Wanti hundi qaala’eera. Ammoo daa’ima afur dhiisii nama tokko kan guddisuttuu jiruun amma ulfaateera,” jedha.

Harargeetti ammoo hawaasni irra caalaa waan jimaarraa argatuun battala gabaarraa bitatee of jiraachisa kan jedhu Nibiraas, gatiin jimaa gadi bu’ee gatiin jiruu ammoo olbahe jedha.

“Harargeen erga jimaan gatii dhabee rakkoo cimaa keessa jira. Wanni gabaarraa bitamu qaala’eera. Namni kadhaaf bahuutti jira, namnilleen kan sigargaaru yoo ofii qabaate. Namni fala dhabeera,” jedha.

Qaala’iinsi jireenyaa facaatii maatiitiif sababa natti ta’eera kan jedhu jiraataan kun, miidhama qaamaa qalbiitif saaxilamaa jiraachuullee eera.

“Jireenyi hedduu nutti ulfaatee maatiin kiyya faffacaanee jirra. Ijoollee kiyya kana waan barbaachisu guutuu dadhabeen lakkuun afran kunneen hanqina nyaataaf saaxilamanii jiru. Sababa jireenyi qaala’eef waan isaan barbaachisu guutuu dadhabeen jira.”

“Ijoolleen abdii boruu kunneen akkana tahanii yoon argu hamilee na caba. Haalli kun itti fufee jennaan ilmoon teenya hanqina nyaataatiin na jalaa miidhamti. Barumsalleen hin argattu jedheen yaaddoo keessa jira,” jedha.

Obbo Xiiqii Cuqqaalaa ammoo Godina shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaatti qonnaan bulaadha. Isaanis qaala’insi jireenyaa amma biyyattii keessa jiru jiruu qonnaan bulaa irrattis dhiibbaa fideera jedhu.

“Ani qonnaan bulaadha. Akka qonnaan bulaatti wanti gabaatti geessinuufi kan gabaarraa binnu walgituu dideera. Wanni gabaarraa binnu hunduu yeroo yeroodhaan dabala. Sababni doolaarri dabale jedhu.”

“Saammunaan dhihuma birrii 20 bitamu amma 60 ta’eera. Birriin duraan uffata ijoollee hundaaf ittiin bitamu amma kan daa’ima tokkootuu hin bitu. Kaan dhiisii gaarii ittiin geejjibamnuu ‘furushkaa’ dabale jedhanii guyyumaan gatii dabalu,” jedhan.

Qonnaan bulaan ijoolleessaa magaalatti barsiifachuu dadhabaa jira kan jedhan Obbo Xiiqiin, magaalaatti kiraa manaa fi kaffaltii barnootaa danda’anii barsiisuun haalan ulfaachaa jiraachuu himu.

“Namni naannoo keenyaa ijoollee Bishooftuutti barsiifata ture. Amma manni kiraa dabale. Gatiin meeshaa barnootaa, gatiin uffataa, baasiin hundi humnaa ol ta’eera. Hiyyeessi daa’imsaa barsiisuu dadhabeera. Sababa kanaan ijoolleen barnoota dhabuutti deemti,” jedhu.

Jiraattonni BBC’n dubbise kunneen haalli qaala’iinsa gatii kun yeroodhaa yerootti dabalaa waan deemef miidhaan isaa kana caalaa osoo hin hammaanne mootummaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qaba jedhu.

Hayyoonni dinagdee maal jedhu?

Dr. Ittaanaa Ayyeruu Barsiisaafi Hayyuu dinagdeeti. Akka isaan jedhaanitti Itoophiyaatti qaala’iinsi jireenyaa daran hammaachaa kan dhufe waggoota sadan darbanii asitti jedhu.

“Qaala’iinsa kanaaf ka’umsi waan hedduu ta’uu mala. Inni ijoon garuu rakkoo nageenyaafi waraana turedha. Yeroo waraanni biyya keessa jiraatu omishni akka barbaadameen hin omishamu. Kan omishame bakka tokkoo bakka gabaa hin deemu.”

“Sababni inni lammaffaan dandeettiin bittaa Birrii dolaara waliin gaafa sharafamu haalan gadi bu’uu isaati. Dolaarri waggaa muraasa dura birrii 37 ture amma 57 galeera. Kan gabaa gurraachaa hanga birrii 115 gaheera. Kun qaala’insa jiruutiif gumaachaa jira,” jedhu.

Itoophiyaan galteewwan hedduu biyya alaarraa kan galchitu waan ta’eef gatiin dolaaraa yeroo dabalu gatiin meeshaalee biyya alaatii galuun gabaaf dhihaatuu irratti daballii gatii qaala’e akka jiraatu kan godhu akka ta’es himu.

Waggoota dheeraaf indastirii baankii keessa hojjechaa turuu kan eeran ogeessi Dinagdee Obbo Asfaaw Mul’ataas haalli nagaaf tasgabbii gatii jireenyaa biyya tokkootiif shoora guddaa qaba jedhu.

“Qaala’iinsi amma biyya keessatti uumame kun irra caalaan kan meeshaaleefi Tajaajilaati. Hundarrammoo wantoota nyaataf oolanirratti haalan dabale. Kanaafimmoo ka’umsi nagaaf tasgabbiin dhabamuudha. Imammatoonni faayinaansiifi bulchiinsa maallaqaatin walqabatanii bahanis qaala’insa kanaaf sababa kan ta’an jiru,” jedhan.

Daballii gatii biyyattii keessaatiif sababoonni daldaltoonniifi hawaasni kaasu ‘Dolaaratu dabale’ fi ‘gatii boba’aatu dabale’ kan jedhan waan irra deddeebiin dhagahamudha.

Omishaalee doolaaraan biyya alaatii galan gatiin isaanii sababa Doolaaraatiin yeroo dabalu kanneen biyya keessatti omishamanirrattis daballiin gatii ni mudata. Kun hidhata qaba jedhu Obbo Asfaaw.

“Sababa Dolaaraatiin xaa’oon yoo dabale, xaa’oon ammoo galtee qonnaati. Kanaaf, omishaalee qonnaarratti gatiin ni dabala jechuudha. Gama biraatin ammoo Qonnaan bulaan shunkurtii omishee gurguru uffata alaa gale bitata. Gatiin uffataa yoo olka’u qonnaan bulaanis waan bitatu sana madaalchisuuf gatii omishasaa olkaasa,” jedhan.

Furmaanni maali?

Akka Dr. Ittaanaan jedhanitti, rakkoon qaala’insa jireenyaa kun adadaan kan dhufe waan ta’eef dhaabuufis yeroo fudhata.

“Hojii inni tokko maallaqa namoota harka gale gara baankiitti sassaabuufi maallaqa namni baasu daangessuun furmaata yeroo gabaabaa ta’uu mala. Garuu dhaabbataadhaan rakkoo kana hin fooyyessu,” jedhu.

Furmaanni waaraan rakkoo qaala’insaa kana furu omishtoota biyya keessaa jajjabeessuun waan alaa galuufi dolaaran sharafamu xiqqeessuu akka ta’e himu.

Imaammata baankiifi liqiin walqabatee jirulleen fooyyessuun akkaan barbaachisaa ta’uus akeeku ogeessi kun.

“Baankiin liqii kan laatu indastiriiwwan gurguddaa qofaafi. Warra maayikiroofi manufakchariingii xixiqqaa irratti hojjetan liqiin jajjabeessuu feesisa. Carraa hojii bal’aa kan uumus isaani. Omisha baayyee hawaasni barbaadu omishuu kan danda’u isaani,” jedhan.

Dhaabbata ‘Faana Milkaa’inaa’ jedhamu hundeessuun hojii gorsa dinagdee kan hojjetan Obbo Asfaw Mul’ataa ammoo furmaanni qaala’iinsa jireenyaa ittiin dhaabuun danda’amu carraawwan utubaa dinagdee ta’an heddummeesuudha jedhu.

“Dinagdeen biyya keenyaa irra caalaan qonna irratti kan hirkatedha. Omishni qonnaa sababa adda addaatin yerroo qoramu qaala’insa gatii nyaataa fida. Kanaaf falli utubaawwan dinagdee haaraa babal’isuudha”

“Fakkeenyaaf manufaakchariingii, tajaajila, albuuudota baasuu fi kaan madda dinagdee ta’anii qonna yoo utuban yeroo raafamni qonnaa uumamu dinagdeen tasgabbiin akka itti fufu gargaara.” Jedhan.

Qaala’iinsi jireenyaa amma biyyattii keessatti mul’achaa jiru hawaasa galii giddugaleessaa fi gadi aanaa qaban hedduu miidhaa akka jiru kan himan ogeessonni dinagdee lamaan, mootummaan hojii too’annoo cimsuu fi meeshaalee bu’uura hawaasaa ta’an maallaqaan tumsuu (Subsidy) gochuun yeroof nigargaara jedhu.

Muuxannoo biyyoota akka Arab Spring jedhaman keessatti mul’aterraa ka’uun qaala’iinsi jireenyaa haala jiraattota rakkoof saaxiluun yoo itti fufe gaaga’ama lammiilee fi biyyatti fiduu mala sodaa jedhus qabu ogeessonni BBCn haasofsiise.