MM Israa'el Netaaniyaahuun ministira ittisaa Yo'aav Gaalant hojiirraa ari'uu hordofee mormii guddaan ka'e

Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun gidduu isaaniitti ''rakkoon wal amantaa'' jira jechuudhaan kaleessa, Sadaasa 5 ministira ittisa biyyattii Yo'aav Gaalant hojiirraa ari'atan.

Ministiirri ittisaa hojiirraa hari'amuu hordofee biyyattii keessatti mormiin ka'aee jira. Namoonni heddu karaatti bahuun Netaaniyaahun akka aangorraa bu'aniif mormii gaggeessaa jiru.

Netaaniyaahuun ibsa kennaniin, ji'oota dhiheenya keessa amantaan Gaalant irratti qaban ''hir'ateera'' jechuun Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Kaatz bakka Gaalant akka bu'an beeksiisan.

Gaalaant miidiyaa hawaasaa irratti, ''nageenyi mootummaa Israa'el ergama jireenyakoo ture, yeroo hundumaas ni ta'a'' jechuun maxxanse.

Hojii irraa ari’amuun kanaan dura daandii Teel Aviiv irratti mormiin akka ka’u kan taasise yoo ta’u, hoggantoonni mormitoota siyaasaa hiriira ummataa bal’aan akka gaggeeffamu gaafachuu hordofee mormiin cimaan Netaaniyaahuu mudatee jira.

Netaaniyaahuu fi Gaalant jidduutti yeroo dheeraadhaaf hariiroo hojii qoodame uumameera.

Waraana Onkololeessa bara 2023 waraanni Gaazaa keessatti osoo hin jalqabin dura, Netaaniyaahuun baatii Guraandhala bara sanaa garaagarummaa siyaasaatiin Gaalant hojiirraa ari’ee ture. Booda mormii guddaan ummatarraa ka’uu hordofee hojiitti deebisame.

Israa’el Gaazaatti Hamaas irratti haleellaa waraanaa erga jalqabdee booda, Gaalant qondaala olaanaa duula kanaa ta’e.

Haata'u malee Kibxata darbe Netaaniyaahuun ibsa kenneen, “waraana gidduutti, yeroo kamiyyuu caalaa, ministira mummee fi ministira ittisaa gidduutti amantaan guutuun barbaachisaadha,” jedhan.

"Wanti nama dhibu ji'oota jalqabaa duula kanaa keessatti amantaan akkasii jiraachuu fi hojiin baayyee bu'a qabeessa ta'e jiraatus, ji'oota darban dhihoo keessatti amantaan kun anaa fi ministira ittisaa gidduutti qaawa ummateera."

Netaaniyaahuun, haala ''duulli kun itti gaggeeffamu keessatti anaa fi Gaalant gidduutti qaawwi guddaan argameera,'' jedhan.

Itti dabaluudhaanis, "Qaawwawwan kunneen ibsawwanii fi gochawwan murtii mootummaa fi murteewwan kaabinee waliin wal faallessan ture," jedhan.

Hojiirraa ari'amuu isaa hordofees, Gaalant ergaa gabaabaa fuula X irratti qofa maxxanseen, nageenyi Israa'el "ergama jireenyakoo turee, yeroo hundas kan itti fufu ta'e" jechuun ibseera.

Kaatz Gaalant bakka bu’uudhaan ministira ittisaa ta’uun kan hojjetan yoo ta’u, Gidiyoon Sa’ar kan kanaan dura miseensa kaabinee hin turree ammoo, ministira dhimma alaa haaraa ta’eera jedhan Netaaniyaahuun.

Gaalant hojiirraa kaasuun kunis sa'aatii itti aanu 48 booda hojiirra oola. Muudamni ministeerota haaraa kanneenitis mootummaan mirkanneeffamuu fi isaan booda ammoo paarlaamaa biyyatti (Knesset)dhaan mirkanneeffamu qaba.

Netaaniyaahuun jalqaba Guraandhala 2023 karoora falmisiisaa sirna haqaa sirreessuu irratti waliigaluu dhabuu isaanii hordofee hojiirraa ari’atan.

Haata'u malee, mormii ummataa guddaa magaalota Israa'el baayyee keessatti geggeeffame hordofuun hojiirraa aangootti deebisuuf dirqame. Taateen kun's Halkan Gaalant ( "Gallant Night") jedhamuun beekame.

Baruma kana baatii Caamsaa keessa, Gaalant mootummaan gaaffii karoora waraana Gaazaatiin boodaa irratti deebii kennuu dhabuu isaatiin mufannaasaa ifatti ibsee ture.

Gaalant Netaaniyaahuun Israa’el bulchiinsa siiviilii fi waraanaa Gaazaa fudhachuuf karoora akka hin qabne ifatti akka labsu barbaada ture.

Kallattii duula waraanaarratti kaabinee waraanaa Israa'el jidduutti qoqqoodinsi uumamuusaatti mallattoo ummataa baay'ee hin baramne ture.

''Onkololeessaa irraa eegalee dhimma kana kaabineerratti walitti fufiinsaanan kaasaa ture, garuu deebii tokkollee hin arganne,'' jedhan Gaalant.

Kibxata galgala Gaalant aangoorraa kaafamuu isaaniif deebii kennaniin, miseensonni paartilee mormitoota siyaasaa Israa’el mormii ummataatiif akka taasisan gaafatan.

Akkasumas gareen maatii namoota haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwateen jalaa booji'aman bakka bu'us, Netaaniyaahuun Gaalant aangoorraa ari'uusaa balaaleffachuun, kunis gochaa tattaaffii itti fufiinsaan waliigaltee boojii'amtoota gadhiisiisuuf taasifamu "kufiisuudhaaf" raawwatamedha jedhe.

Ministirri haaraa mudame Kaatz akka “waraannichatti xumura godhu ifatti kutannoosaa akka ibsu, akkasumas namoota butaman hunda akka deebi’aniif hatattamaan waliigaltee bal’aa akka raawwatu” gaafatan.