Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Si ta'uu hin barreen ture harme'- hojjataa fayyaa akka tasaa reeffa haadhasaatti bahe
Abdalaaziz Al-boordiin Gaazaa keessatti hojjataa wallaansa fayyaati.
Guuyyaasaa akkuma barameetti hojii lubbuu baraarsaa hojjachuuf asiifi achi fiigaa ture.
Haata'u malee guyyaa san taatee hin eegneetu isa mudate.
Namoota haleellaa qilleensa Israa'eliin midhaman gargaaruuf osoo yaalaa jiru reeffa dubartii ajjeeffamte tokko bira gahe.
Kaasee galmeessuun gara mana reeffaatti dabarsuuf osoo hojjataa jiruu akka tasaa reeffii sun kan haadha isaa ta'u bare.
Jalqabarratti haadhaasaa ta'u hin barree ture. Boodara gaafa hubatu garuu itti dukkannaa'e.
Kunoo dowwadhaa.