Lubni Balaay 'sobaan irratti qindaa'ee' akka to'ataman mana murtiitti himan

Yakka malaammaltummaa gowwomsuu cimaan kan himataman Luba Balaay Mokonnin ''sobaan irratti qindaa'ee'' akka to'aman guyyaa har’aa jecha ragaa ittisaa yeroo dhiheeffatan dubbatan.

Ragaalee ittisaa Luba Balaay waammatan shan keessaa lama dhaddacha har’aa irratti jecha kennaniiru.

Yakka malaammaltummaa gowwomsuu cimaan kan himataman Luba Balaay Mokonnin Uffata keelloo hidhamtoota yeroo beellamaa uffachuun abukaatoowwan lama waliin dhaddacharratti argaman.

Luba Balaay, sanadoota sobaa waliigalatti doolaarri miliyoona 6 fi kuma 50 lakkoofsa herreega baankii Gamtaa Afrikaa keessaa bahii ta’ee namoota afuriif akka kaffalamu gaafatan Baankii Daldalaa Itoophiyaa Damee Gamtaa Afrikaaf dhiyeessaniiru jechuun himataman.

Dhimma isaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti Dhaddacha Farra Malaammaltummaatti ilaalamaa tureera.

Galmee himataa Luba Balaay ittiin himataman keessatti himatamtoonni biroon lamas dhimmi isaanii ilaalamaa kan jiru yemmuu ta’u, himatamtoonni lamaanis maqaa fi lakkoofsi herreega baankii isaanii sanada sobaa baankiif dhiyaaterratti kan argamudha.

Haaluma kanaan himatamaa 2ffaa kan ta’e Iyyaasuu Indaala fi himatamaan 3ffaa Barakat Mulaatuus ragaalee ittisaa dhiyeeffachuun jecha akka laatan taasisaniiru.

'Sobaan narratti qindaa'e'

Gochaa ittiin shakkamanii to’annoo jala oolan “sobaan narratti qindaa’e” jechuun kan ibsan Luba Balaay Mokonnin, ragaaleen ittisaa isaanii jecha kennuu isaaniitiin dura jecha ittisaa dhiyeeffataniiru.

Haaluma kanaan dhimmi isaan ittiin himataman “na himachiisuuf miti gaaffiif kan na dhiyeessu miti” kan jedhan himatamaan, yakka ittiin himataman akka hinrawwanne mana murtiitti irra deddeebiin himan.

Kana malees haala guyyaa yakkichi itti raawwatameera jedhameefi to’annoo jala itti oolan kan himan himatamaan kun, guyyichatti gara qe’ee Gamtaa Afrikaa kan deeman dhimma amantaan walqabatuun akka ta’e dubbatan.

Haaluma kanaan guyyichatti ALI Ebla 7, 2016 eebba tsabalaafii tsadiqiif nama isaan beekaniifi Salamoon jedhamuun waamamuu kan himan Luba Balaay, Magaalaa Finfinnee Hoteela Hiltanitti erga wal arganii booda Luba Balaay nama Tsaggaayee jedhamu waliin akka gara manasaa deeman itti himuu dubbatu.

Sana boodas namni Tsagaayee jedhamu qe’ee Gamtaa Afrikaatti goranii xalayaa erga kenneen booda achumaan akka deeman itti himuun damee Baankii Daldalaa Itoophiyaa qe’ee Gamtaa Afrikaa keessatti argamu akka isaan geesse himu.

Sana boodas isaan barcuma keessummoonni baankichaa irra taa’an erga taa’anii booda namni Tsagaayee jedhamu bilbila haasa’aa mana baankichaa keessaa bahuu dubbatan.

Itti aansunis manaajarri baankichaa isaan ofitti waamuun nama sanada sobaa dhiyeesse akka waaman fi sanadni baankichaaf dhiyaate sirrii akka hintaane itti himuu dubbatan.

Sana boodas qaamolee nageenyaan akka to’ataman himan.

'Diinan qaba'

Sanada sobaa kaffaltiin akka ittiin raawwatamu dhiyaaterratti maqaanis ta’e lakkoofsi herreega baankii isaanii akka hinjirre kan himan Luba Balaay Mokonnin, sanadicha harkaanuu akka hin tuqne dubbatan.

Namoonni afran maqaan fi lakkoofsi herreega baankii isaanii sanadicharratti kaa’ames bakka bu’ummaa kan hin laanneef ta’uu himan.

''Ani nama diina qabu'' kan jedhan himatamaan, yakkichi irratti kan qindaa’e ta’uu himaniiru.

Gama biraatiin ragaaleen ittisaa Luba Balaay wammatan shanan keessaa lama galmee isaanii keessatti kan himataman yemmuu ta’u, himatamtoota 2ffaa fi 3ffaa kan ta’an Iyyaasuu Indaala fi Barakat Mulaatuu jecha ragummaa isaanii laataniiru.

Ragaaleen ittisaa lamaanuu dadhacharratti waliin dhaabbachuu isaaniin ala Luba Balaay waliin hariiroo akka hinqabne mana murtiitti kan himan yemmuu ta’u, sanada kaffaltiis Luba Balaayiif kan hin kennine ta’uu himaniiru.

Gama biraatiin hojii investimentii qonnaarratti akka bobba’e kan hime himatamaan 2ffaa Iyyaasuu Indaala fi hojii komishinii akka hojjetu kan hime himatamaan 3ffaa Barakat Mulaatuu ragaalee ittisaa waammachuun jecha akka laatan kan taasisan yemmuu ta’u, lachuu yakka ittiin himataman keessaa harka akka hinqabne himaniiru.

Kana malees himatamtoonni lachuu lakkoofsi herreega baankii isaanii akkamiin sanadicharratti galmaa’uu akka danda’e kan hinbeekne ta’uu Abbootii Seeraatti himaniiru.

Manni Murtichaas ragaalee ittisaa Luba Balaay hafan sadeen dhaggeefachuuf ALI Mudde 2, 2017’tti beellama qabateera.

Gama biraatiin Abbaan Alangaa kanaan dura ogeeyyii Baankii Daldalaa Itoophiyaa Damee Gamtaa Afrikaa sadi jecha ragummaa isaanii akka kennan gochuunsaa ni yaadatama.

Galmee Luba Balaay Mokonnin ittiin himataman keessatti himatamtoota 4ffaa fi 5ffaa kan turan Alamganaa Saamu’el fi Abarraa Margaa teessoo isaaniin argamuu waan hindandeenye fi guuyyoota beellamaatti argamuu dhabuu isaaniitiin himanni isaanii akka adda cituunsaa gabaafameera.