'Miila dheereffachuuf yaaleen rakkoo guddaa keessa gale'

Ileeni Foo, wal'aansa baqaqsanii yaaluu miila dheereffachuuf taasifte booda baayyee dhukkubsatte

Madda suuraa, Elaine Foo/Supplied

Ibsa waa'ee suuraa, Ileen Foo, wal'aansa baqaqsanii yaaluu miila dheereffachuuf taasifte booda baayyee dhukkubsatte

Akeekkachiisa: Barreeffamni kun odeeffannoo dhimma fayyaa dubbistoota dhiphisuu malu of keessaa qaba.

Ileeni Foo jedhamti, nama ganna 49 yoo taatu, waldhaansa baqaqsanii yaaluutiin miilla dheereffachuuf Doolara 50,000 baastee, dogoggoruu ishee garuu waggootaan booda barte.

Miila isheerraa madaa fi godaannisa mul’atu qabdi. Godaannisi kun hundisaa wal'aansa miila dheereffannaa karaarra dabee ishee yaadachiisa.

Ileeni Foon bara 2016 irraa eegaluun yaala baqaqsanii wal'aanu si’a shan taasifte.

Akkasuma suphaan lafeewwan sadii taasifameeraf. Boodarra ogeessa baqaqsanii yaalerratti himata dhiyeessiteetti, hakiimtichi badii tokkollee raawwachuu otoo hin amaniin galmeen himannaa Adoolessa 2024 keessa cufame.

Yeroo tokko mismaarri sibilaa lafee miila Ileeni keessatti cabee, yeroo biraammoo miilli ishee keessaa dhukkubbiin cimaan akka itti dhaga'ame dubbatte.

"Imallikoo qorumsa guddaa kan qabuudha, garuu lubbuun hafeera," jetti.

Doktarri miilashee baqaqse yaalaa ture dhibaa’ummaan badii dalage akka hin jirre ni waakkate.

Dhukkubbiin ishee mudate kaan rakkoolee mudachuu akka danda’an itti himameerraa madde, kaan immoo gocha isheen raawwatteerra madde jedha.

Miila bakka yaalame

Madda suuraa, Elaine Foo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ileenin yeroo hunda dheerina ishee jibbiti turte. Jibba kanatu yaala kana barbaachaaf ka'uumsa ta'e.

"Yeroo umuriin koo waggaa 12 shamarran baayyeen nan caalaa ture," jetti.

"Umuriin koo waggaa 14 yeroo ta’u akka tasaa nama hunda caala gabaabduun ta'e. Adeemsa keessa deeddebi’ee dhimma kana yaaduun eegale. Dheerachuu jechuun nama fooyyee, nama kaan caala miidhagu jedheen yaade. Namoonni dhedheeroon namoota kaan caala carraa akka qabanittin yaade" jette.

Yeroon umriin ga’eettii ta’ummoo yaadichi ittuu qalbiikoo weerare jette.

Ileeniin rakkoo fayyaa sammuu waa’ee dhaabbii qaama ofiif garmalee dhiphachuu ‘body dysmorphia, jedhamu qabaachuu himti.

Namni ishee yoo ilaales yoo dhiises mudoo dhaabbiin qaama isheetti mul’ata.

Dhiibbaan haalli kun geessisu baayʼee hamaa taʼuu dandaʼa.

Ileenin umriin ishee waggaa 25tti wayita ta’u, barruu waa'ee kilinika Chaayinaa namoonni lafee miilasaanii baqaqsanii yaaluun ittii dheeressanii ibsu argite.

Barreeffamichi miidhaa baqaqsanii yaalu sana hordofee dhufu malu bal’inaan hin ibsine.

Waanti isheen dubbistu kun abjuu itti fakkaatera, garuu qalbii Ileeni booji’e.

"Namoonni dhimma waa'ee hin baafne ta'uu isaa akka yaadan nan beeka, garuu yeroo waa’ee dhaabbii qaama keeti yaaddoftu, maaliif akka muddamtu miira namatti dhahamu sirriitti ibsun ni cima," jetti.

Waggaa16 booda, Ileeniin kilinika dhuunfaa wal’aansa kana kennu Landanitti argatte.

Tajaajilichi ogeessa baqaqsanii wal’aanuu lafee Jiin-Maark Guyichet, jedhamuun laatama.

Hakiimni kun ispeeshalistii miila dheeressuu, kan meeshaa ''Guichet Nail'' jedhamu ofiisaatii tolfate.

"Yeroon sun yeroo gammachuu ture, sababiin isaas Landanitti miila dheereffachuun danda'a, Wal’aansa booda mana kootti bayyanachuun danda'a," jettee akka yaaddee turte haasofti.

"Dr Guyichet rakkoo mudachuu malanis ifatti dubbate." Madaa’uu narvii, dhiigni ittituu, lafeen walitti maxxanuu dhiisuu danda’a’’jedhee itti himeera.

"Garuu qorannoon gaggeesseen, gatiin isaa qaaliidha fi wala’aansa isaa gatii mada’aalawaa qaba jedheen eegee." Abjuun koo meetira 1.57 irraa gara meetira 1.65tti guddachuudha”jette.

Gaafa Waxabajjii 25 Paawundii 50,000tti dhiyaatuun baqaqsanii yaaluutti seentee, taateen kun garuu jireenya ishee geeddare.

Hojiin miila dheeressuu baay’ee kan hin baratamne ta’ullee, kilinika dhuunfaa biyyoota addunyaarratti garuu ni raawwatama.

Bakka itti raawwatame irratti hundaa'uun gatii Paawundii 15,000 hanga 150,000 oliitiin dalagama.

Ileeniin wal'aansa baqaqsanii yaaluti battala baatutti dhukkubbiin itti hin dhahamu ture

Madda suuraa, Elaine Foo/Supplied

Ibsa waa'ee suuraa, Ileeniin wal'aansa baqaqsanii yaaluti battala baatutti dhukkubbiin itti hin dhahamu ture

"Wayitan wal'aansarraa jalqaba dammaqu baayyeen gammade, sababiin isaas akka waan homtuu hin raawwaneetti fayyummaan natti dhaga'ama ture.

Dhukkubbiin hin jiru. Garuu daqiiqaa 90 booda, na dhukkubuu jalqabe. Garmalee miila kootti akka waan ibiddi itti qabateetti na dhukkube. Halkan jalqabaa sana hanga bari’utti watwaataaan ture, hangan rafuttis iyyaan ture"jette.

Wal’aansa kanaan walqabatee dhukkubbiin muraasni kanuma eegamudha. Yeroo baqaqsanii yaaluun gaggeefamu lafeen miila bakka lamatti cabee, sibiilli keessa galfama.

Sibiilli sun sududaan lafee lamaan addan dhiibe dheerina dabaluuf oola.

Qaawwa gidduutti uumamu guutuuf lafeen gargara cabe sududaan walitti deebi’ee fayyuu qaba. Oppireeshiniin kun walxaxaa waan ta'eef, adeemsa dheeraa qaba.

Adeemsi miila dheeressuu kun gara ji'a lamaa ykn sadii akka fudhatu kan eeran dura taa'aan wal ogeeyyi wal’aansa lafee Birtiish Pirofeesar Haamish Siimpsiin, yeroon bayyanannaas akkasuma dabalataa barbaada jedhan.

"Namoota baay'eedhaaf jireenya isaanii keessaa waggaa tokko fudhachuu danda’a’’ jedhu.

Baqaqsanii yaaluun sun erga erga xumuramee booda, adeemsi miila dheeressuu Ileeni jalqabame.

Guyyaatti yeroo hedduu tarkaanfii mijataa hin taane raawwatte, miila ishee naannessite.

Torban lama boodallee dhukkubbiin miilakoo bitaa ishee itti cime.

"Miila bitaa koo irratti dhukkubbiin guddaan natti dhaga'amaa ture." Achiis halkan tokko sireerra yeroon ka’u sagalee akka waan caccabuun dhagaʼe, itti aansee dhukkubbiin cimaatu natti natti dhagaʼame’’ jette.

Sibiilli miila ishee bitaa keessaa ni cabe

Madda suuraa, Elaine Foo/Supplied

Ileeniin Siitii Iskaaniin, yaaddoo ishee mirkaneeffatte. Mismaarri miila ishee isa bitaa keessa jiru ni cabe.

Isheenis jeeqamtee turte, garuu Dr Guyichet "Amma wanti ati gochuu qabdu yaadda'uu dhiisuu qofa naan jedhe" jette.

Miilli kee kun hanga fayyutti eeguu qabda, erga fayye booda adeemsicha deebifnee ''ittifufna'' jedhee hakiiimni kun itti dubbachuu himte.

Miila mirgaa Ileeni wayita yaalamtutti, miila ishee bitaaf baqaqsanii yaaluu biraaf beellama qabdi ture.

Ileeniin oppereshiniin dabalataaf, baasii dabalataa paawundii kumaatamaan lakkaa'amu akka baastu qabdutu itti himamee ture.

Fulbaana keessa miilli ishee mirgaa seentimeetira 7’n dheerateef. Garuu wanti jiru guutummaatti sirrii hin turre. Walcaalmaan miila ishee mirgaa fi bitaa gidduu jiru lafee dugdaa ishee jallisee, dhukkubbii addaan hin cinneef ishee saaxile.

Torban jaha booda, miila ishee mirgaa yeroo ilaalamtu haala rifaasisaa ta’een, lafee hin guddanne, jijjirama eegame hin agarsiisne.

Lafee naannoo tafa ishee sibiilaan walitti hidhame ture. Dubbiin akka isheen eegde hin taane.

Ileenin erga baqaqsanii yaaluu jalqabaa raawwatee waggaa saddeet ta’ullee amma madaa xiinsammuu fi qaamaa ishee mudateerra guutummaatti hin bayyananne.

Bakkaa bakkatti socho’uufillee rakkataa jirti. Kana malees dhibee sammuu taatee rifaasisa booda nama mudatu PTSD jedhamuun rakkaataa jirti.

‘’Bara 2017 hanga 2020tti nama duraa dhokataan ture, hin heerumne, hojii hin qabu, maallaqa hin qabu, Kana biraan qaama miidhamtu ta’een hafe’’ jette Ileeniin.