Garmalee gabaabbachuu yookaan dheerachuun jaalallee nama dhabsiisaa?

Madda suuraa, Feeyisil Mohaammad (Dheeraa Galamsoo)
Dargaggoo Feeyisil Mohaammad maqaa masoo 'Dheeraa Galamsoo' jedhuun naannoo jireenyaasaatti beekama.
Haata'u malee, Feeyisil akka maqaasaa nama dheeraa miti. Dargaggoo ojjaansaa meetira tokko dheeratudha.
Dargaggoo Feeyisil maqaa masoo kanas jalqaba ofumaaf akka ofii moggaafate dubbata.
''Hawaasa keessatti gabaabaan akka gadaanaa fi tuffatamaatti waan ilaalamuuf dheeraa ofiin jedhe of waame,’’ jedha.
Feeyisil gabaabbachuu isaatiin qocollaan miseensa hawaasa naannoosaa irraa akka irraa qaqqabe hin dhoksine.
Hiriyaan dubartii akka jaalallee taatuuf gaaffii dhiyeesseefilleen ''ani nama akka keetitti hin heerumu’’ jechuun gaaffii inni dhiyeesseef fudhatama dhabee yaadatee dubbate.
Gara boodaa keessa bultii ijaarrachuu qaqqabullee sababiidhama gabaabbachuu isaan wal qabateen bultiinsaa akka diigame hima.
Hawaasa naannoo isaa keessatti ilaalchi namoonni warra ojjaadhaan gabaabaa ta'niif qaban ''gadaanaadha'' jedhe.

Madda suuraa, Feeyisil Mohaammad (Dheeraa Galamsoo)
Feeyisil umurii ijoollummaa isarraa kaasee gabaabbina isaatiin walqabatee mudannoo hedduu akka qabu dubbata.
Fakkenyaaf, yeroo barataa turetti, ‘‘osoo ogeessa fayyaa taate qaqqabdee lilmoo nama hin waraantu,’’ jedhamuun hamileesaa buusuuf itti qoosamaa turuu yaadata.
Kanarraa kan ka'es yeroo barataa turtetti, daree keessatti namni natti kolfa jedhee sodachuurraa kan ka'e, dubbachurraa of qusataa akka ture kaase.
Feeyisil ''namni tokko namummaasaatiin malee, dheerinaa ykn gabaabbina isaatiin madalamee kabajamuu ykn ilaalcha gadaanaan irratti qabaachun sirrii miti,'' jedha.
Ilaalchi hawaasa keessatti mul’atullee geeddaramuu waan qabaatuuf dhimma kanarratti hojjatamuu qaba jedhe akka amanu dubbata.
Gama kaaniin, Itoophiyaatti dubartoota keessaa dheerinaan sadarkaa tokkoffaa qabachuun dhaabbata Galmee Dinqisiisoo Afrikaa jedhamuun beekamtii kan argatte Yaneenash Araarsoo, ''dheerina koo irraa kan ka'e gaa’ela dhaabbachuu irratti dhiibbaa natti uumeera,'' jechuun BBCtti himtee turte.
Yaneenash meetiratokko fi seentimeetira 95 dheeratti. Waa'ee dheerinashee yeroo dubbatteettis, "yeroo baayyee namoonni dheerinni dubartii dhiiraa gadi ta’uu qaba waan jedhaniif dhiibbaa natti uumeera jedheen yaada," jette.
Nama dheeraa isheedhaan qiixxatu ta'een wal baranilleen amalli isaa akka isheen barbaaddu waan hin taaneef osoo gara gaa'elaatti hin ce'iin hafuu kaaftee turte.

Madda suuraa, Feeyisil Mohaammad(Dheeraa Galamsoo)
''Daa'imman ojjaansaanii baayyee gabaabaa ta'an irra caalaan hawaasa keessa jiraatanilleen manneen barnootaafi amantaallee hin geeffamiin hafu'' jedhu Feeyisil.
Innis dhimma kanarratti mana manarra imaluun hubannoo hawaasaa uumurratti dhuunfaasaatiin hojjataa akka jiru hime.
Ammaan tanattis waldaa namoota gaggabaaboo hundeessuuf adeemsarra jiraachuu dubbata.
Magaalaa Galamsootti hojii mootummaa irratti bobba’ee hojjataa jiraachuu kan dubbatu Feeyisil, maatiin isaa akka inni baratuuf waan isaa jajjabeessaniif digirii isaa jalqabaa argachuuf carraa argateera.
’Gabaabbachuukootiin waan baayyeen dhabe’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijjigaayyoo Fiqaaduu jedhamti. Godina Wallagaa Bahaa aanaa Waamaa Galootti dhalattee guddatte.
Ijjigaayyoon nama gannaa 28 yoo taatu, dheerinni ishee seentimeetira 60 qofaadha. Isheenis ''gabaabbachuu kootiin waan baayyeen dhabe,’’ jetti.
Hariiroon dhiiraa isheen waliin jalaala jalqabdee turtes sababiidhuma gabaabina ojjaashee kanaatiif jecha osoo hin milkaa’iin hafuu akka amantu dubbatti.
Namni isheen waliin hiriyyummaa eegaltee turte kan isheerra baayyee dheeratu ta'uu himti.
Namni kunis sababa gabaabbina isheetiin kan ka'e ishee dhiisuu akka hin oolle shakkiiti. Daa’ima tokko nama kana waliin godhatulleen, akka carraa ta'ee jalaa du'uu himti.
Ijjigaayoon maatiin isheellee gabaabbattee dhalachuutti akka gaddaniifi wayita ammaa kanattis maatiirraa fagaattee akka jiraattu dubbatti.
Ijjigaayoon yeroo barattuu turterraa kaastee mudannoo hedduu hin dagatamne akka qabdu kaafti.
Yeroo mana barnotaa sadarkaa tokkoffaa barataa turteetti, barattoonni waa'ee ojjaashee akka raajeffataniif sodaadhaan bahaa fi gala dhabaa akka turte yaadatti.
Yeroo tokko tokkos kanumaaf jecha ''barattoonni na gaggeessanii manaan na gahanii deebi’u ture,'' jetti. Mana barnootaattis barattoonni daree bakka isheen barattuutti ishee barbaacha dhaqaa akka turan.
Ijjigaayyoon sababaan gabaabbadheef ijoolleen ammas akka gitasaaniitti na ilaalu, na waliin haasa’u, na faana taphachuu barbaadu jetti.
Maatiishee keessaa daa'ima 10ffaa akka taate kan dubbattu Ijjigaayyoon, garuu maatii keessaa ishee qofti gabaabduu ta’uu BBCtti himte.
Ogeessi Saayikoloojii hawaasummaa dhimma kanarratti maal gorsu?
Salamoon Maashoo (Dr.) ogeessa Saayikoolojii hawaasummaa yoo ta’an, amma Yuunvarsiitii Ambootti Pirezedantii ittaanaa ta'uun tajaajilaa jiru.
Baayyee gabaabbachuun ykn dheerachuun hawaasa keessatti akka dheekkamsaa ykn abaarsaatti akka ilaalamu quba akka qaban kaasu.
Haata'u malee, baayyee gabaabbachuu ykn dheerachuun addatti rakkoo miti jedhan.
Gochii ykn qeeqi hawaasa keessatti namoonni kun dhaga’an, namarra fagaachutti yoo isaan geesse garuu rakkoo xiinsammuuf isaan saaxiluu mala jedhan.
Namoonni ojjaansaanii gabaabaa ta'an kunneen walitti dhufeenya hawaasummaa kan akka hiriyaa qabaachuu ykn warroomuurratti darbee darbee akkuma namoota dheerina giddugaleessaa qaban birootti rakkoon isaan mudachuu akka malu eeran. Garuu itti qophaa'uun keessa darbuu akka qabaatan gorsu.
Hiriyaa baafachuuf ykn gaa'ela dhaabbachuuf dheerachuu ykn gabaabbachuu qofti akka sababa ijootti ilaalamuu akka hin qabne kaasuu ogeessi kun.
Namoonni dheeroo ykn gabaaboon dheerina isaanii akkuma jirutti fudhachuu akka qaban gorsan.
''Sa'a abbaan gaafa cabse ollaatu ija jaamsa'' akkuma jedhamu sana, ilaalichi abbaan ofiisaatiif qabu murteessaa ta'uu himu.
Sababaan dheerataniif ykn gabaabbataniif namoonni biroo ''na sodaatu ykn na tuffatu’’ jedhanii yaaduurra of qusachuu akka qabanillee gorsan ogeessi Saayikoolojii hawaasummaa Dr Solamoon.












