Wal'aansa: Dheerina dabaluuf yaalii wal'aansa akkamiitu taasifama?

Wallaansa baqaqsanii yaalii 2015 taasiseen senti meetira 162 irraa gara seenti meetira 170tti ol gudate

Madda suuraa, Dr S. Robert Rozbruch

Saam Beek wayita barataa sadarkaa tokkoffaa turetti mucaa dheeraa kutaa isaa ture.

Wayita sadarkaa lammaffaa gaheetti ammoo hirriyoonni isaa hundi dhedheeroo yoo ta'an inn garuu badaa hindaballe.

"Kolleejjii ergan galeen dhiirootaafi dubartoota kaaniirra akka gabaabbadhu hubadhe. Dubartoonni dhiira isaan irra gabaabatu waliin jaalala hineegalan. Kanaafu haadha warraa hinargadhu jedheen yaadda'a ture,'' jedha.

Jiraataan Niiw Yoorkiifi dargaggoonn waggaa 30 Saam, nan dheeradha jedhee eegullee dabalu hindandeenye.

''Galma gahuumsaafi dheerina waliitti hidheen ilaala,'' kan jedhu Saam filmaata ittiin dheerina isaa dabaluu barbaachu eegale.

Kophee dheeraa kaawwachuu, sochii qaamaa taasisuufi kanneen kkf jedhan isa hinamansiifne.

Waa'een wallaansa baqaqsanii yaaluu dubbise xiyyeeffannoo isaa caalaa harkise.

''Dheeriina inchiin dabaluun alatti deemuufi kaachu danda'aa'' jedheen yaade.

Waggaa waggaadhaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman dheerina isaanii dabaluuf wallaansa baqaqsanii yaalamu taasisu.

Wallaansi kunis miidhaawwan hordofanii dhufu malan hedduu akka qabaatu oggeessonni ni dubbatu.

Saam garuu erga waa'ee kanaa haadha isaa waliin mari'ateen booda rakkina qabaatulleen yaalamuuf murtesse.

Wallaansa baqaqsanii yaalamu kanas waggaa shaniin dura raawwate. Kanaanis seenti meetira 162 irraa gara seenti meetira 170tti ol dheerachu danda'eera.

''Hakimichi jalqaba wayita na argeetti wallaansichi hangam cimaa akka ta'e natti himeera. Inchiiwwan muraasa dabaluun alatti deebi'ee deemuufi fiiguu danda'aa laata? jedhee yaadeen ture.''

Erga wallaansa baqaqsanii yaalamu xumureen boodas hospitaala keessatti wallaansi bayyanachuu taasifameefiira. Baatii jahaaf torbaniitti guyyaa afuriif wallaansa argataa akka ture hima.

''Akka haaraatti deemuu baruutu narra ture'' jedha.

Biyyoota hedduu keessatti miila dheereessuuf wallaansi baqaqsanii yaalu ni kennama. Kanaanis hanga inchii shanii ykn seenti meetira 13 dheerina dabaluun ni danda'ama.

Hospitaaloonni Ameerikaa, Jarman fi Kooriyaa Kibbaatti argaman waggaatti wallaansa baqaqsanii wallaanuu 100 hanga 200 ni hojjatu.

Ispeen, Hindii, Turkiifi Xaaliyaan keessatti ammoo waggaan wallansi baqaqsanii yaaluu 20 hanga 40 ni taasifama. UK keessattis waggaan hanga 15 ni hojjatama.

Lakkoofsi namoota wallaansicha taasisaniif yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufaa jira.

Baayyinni namoota wallaansa kana raawwatanii dabalaa jira

Madda suuraa, Dr S. Robert Rozbruch

Wallaansichi attamiin taasifamaa?

UK'tti wallaansa baqaqsanii yaalamu kana raawwachuuf gara paawundii kuma 50 gaafata. Ameerikaatti ammoo doolaara kuma 75 - kuma 280 baasisa.

Wallaansichi qaalii ta'usaatiin alattis sa'aa dheeraa kan fudhatuufi baayyee kan dhukkubuudha.

Wallaansa damee kanaatiin adda durummaan hakimiin beekamaa lammii Sooviyeet Gaaviil Liizirov jedhamu.

Wallaansa kanas kan eegalan tibba waraana addunyaatti wayita loltoota lubbuun hafan yaalaniitti.

Haa ta'u malee, wallaansi kunis waggoota 70n darban keessatti baayyee fooyya'eera.

Wallaansichis kan gaggeeffamu erga lafeen miilaa soqamuun bakka lamatti baafameen booda bakka qaawwaa sanatti sibiila galchuun.

Hanga dheerina namni sun barbaadu irra gahamuuttis sibilichi miili metira tokkoon akka ol ka'u taasifama.

Wallaanamaanis yaalii baqaqsuun sana booda ji'oota muraasaaf wallaansa bayyanachiisu argata.

Wallaansichis ribuu miidhu, sochii dhiigaa dhaabu danda'a. Lafeen miilaa deebiisanii walitti qadaaduun yeroo itti rakkisuus ni jira.

"Wallaansa baqaqsanii yaalamu kan raawwadhe waggaa 46tti ture"

Namni biraa Baarniin jedhamu wallaansa baqaqsanii yaaluu kan taasisee waggaa shan dura biyya xaaliyaaniitti ture. Kanaanis dheerina inchii sadii dabalu hima.

Wallaansicha akka taasisuu kan gorfamee hakiimootaan ture.

"Wallaansa baqaqsanii yaalamu kan taasise waggaa 46tti ture. Lafeen miila kiyyaa deebi'ee waliitti gahu hindandeenye. Qaawwa inchi sadii umee ture,'' jedha. Wallaansichi isa rakkisee akka ture hima.

Waggaa 46 jiruu walaansicha taasise

"Ribuun miila kiyyaa hundi akka dhiita'eetti natti dhagahama ture. Dhukkubbiinsaas salphaa hinturre.''

Pirofesarri Waldaa Wallaansa lafee Biritish Hamiish Siimsan akka jedhaniitti, waggoota digdaman darbaniitti wallaansi damee kanaa fooyyee agarsiisaa dhufeera jedhu.

''Adeemsisaa amansiisaa ta'aa dhufulleen lafeen alatti ribuun, maashaa, haalli sochii dhiigaa fi gogaas gabbisuun waan barbaachisuuf adeemsisaa walxaxaadha'' jedhu.

Hakimiin UK keessa hojjatan Dr Deeviid Godar, namoonni tokko tokko maallaqa qusachuuf jecha bakka wallaansaa nagummaansaa amansiisaa hin taanetti yaalii akka raawwatan himu.

Baarniin wallaansa erga taasisee waggoota shaniin boodadha yaalii sadarkaa dhumaasaa kan xumurate. Dhumarrattis sibiilli miilasaa keessaa akka bahu taasifameera.

''Wallaansi baqaqsanii yaalu tokko tokko haala gaariin fiixa bahu. Ana garuu bayyanachuuf yeroo natti fudhateera.

''Ta'us wallaansicha taasisuu kiyyaaf hingaabbu. Dhiibbaa namoota gabaaboo mudatu irraa bilisa ta'e jireenya kiyya akkan hoggannadhuuf carraa naaf kenneera,'' jedha.