Saahaar Taabaar: Aartistiin tun arrabsoodhaan 'to'annaa jala oolte'

Madda suuraa, Instagram
Aartistiin lammii Iraan fakkii 'Afuura du'aa Anjaliinaa Joliin' fayyadamuun Insitaagiraam irratti hordoftoota heddu qabdu to'annoo jala olfamte.
Saahaar kan hidhamte maxxansa ishee Anjeeliinaa Joolii fakkachuu goote to'annaa jala oolteetti jedha gabaasni.
Saahaar Taabaar arrabsoodhaafi walitti bu'insa kaasuun to'annaa jala oolte jedha gabaasni eejensii oduu Tasniim.
Taabaaraan waggaa darbe sababa suuraa maxxansiteen walqabatee mata duree oduu idil addunyaa turte.
Ta'us garuu wallaansa baqaqsaanii yaaluu kan bareedinnaaf namoonni godhatan yeroo 50 gootee turtus, suuraawwan ishee hedduun isaanii kan eediiti ta'aniidha.
Saahaar Taabaar Eenyu?
Intalli ganna 22 Saahaar Taabaar jedhamuun beekamtu miidiyaalee addunyaa irratti suurraawwanii fi viidiyoo isheetiin. Isheenis hordoftootan kan hawataa turteen, afuura du'aa Anjeeliinaa Joolii fakkaattu jechuun namoonni ishee ibsaa akka turan xiinxalli BBC biyyoota baha giddu galeessaa ibseera.
Boqoo keessatti gale, kolfa dirqiidhaan kolfamuufi funyaan fakkii kaartoonii beekamti.
Kana malees, wallaansa baqaqsanii yaalamuu bareedinnaa heddu kan taasiftees, aartistii beekamtuu Ameerikaa Anjeeliinaa Joolii fakkaachuuf yaadee akka turte barameera.

Madda suuraa, Instagram
Waa'ee to'annaashee maaltu beekna?
Qaamoonni nageenyaa qeequmsa hawaasni isheerratti godhe booda to'annaa jala akka oolfamte gabaasni Tasniim ni ibsa.
Arrabsoo, madda walitti bu'iinsaa ta'uun, qabeenya seeraan ala dhunfachuun, haala uffannaa biyyaa arrabsiisuunii fi dargaggoonni malaanmaltumaadhaaf affeeruun himatamteeti.
Taate kana boodas Insitaagiraam ishees cufameera.
Isheenis tarree lammiilee Iraan kanneen faashinii ilaalchisee intarneetiirratti barreessaniifi namoota beekamoo waan ta'aniif seera akka cabsaanitti fudhataman heeddu keessaa tokkodha.












