Maakroon marii niwukilaraaf Iraanirratti dhibbaa gochaa jira

French President Emmanuel Macron and Iranian President Hassan Rohani

Madda suuraa, Reuters and AFP

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon giti isaanii Iraan akka marii niwukileeraa jalqabaniif gaafachuu dubbatan.

Pirezidant Hasan Ruhaanii bilbilaan akka dubbatanitti waliigalteen biyyooota torbaniin kanaan dura irra ga'ame waan mariif dhiyaatu miti jechuun ejjennoo qaban ibsaniiruuf.

Kanaan dura biyyoonni Awurooppaa sadii: Faransaay, UKfi Jarman waliigaltee dhimma niwukilera Iraan kan amma jiru kana hordofuun akka biyyattiin misoomsitu dhaabuuf fala hunda caalaa filatamu akka ta'e waliif galanii turan.

Garuu yaaddoon Pirezedaantiin Ameerika Doonaaldi Tiraampi kaasan hangi tokko ilaalcha keessa galuu akka qabus kaasanii turan.

Tirampis waliigaltee bara 2015 irrra ga'ame sana fudhachuufi dhiisuu torban dhufu murteessu jedhamee eegama. Pirezedaantiin Ameerikaa kun waliigalticha addunyaan dhimma niwukilara Iraaniin walqabatee irra ga'ame kana "maraatummaadha" jechuun qeeqaa turan.

Bilbila saatii tokko fudhate Pirezedaanti Ruhaanii waliin taasisaniin Makroon, mareen dhimmicharratti taasifame dhimmoota ijaa "sadii dabalataa walirraa adda hin baane" dabalachuu qaba ture jedhan. Dhimmoonni kunis, waligalteen amma irra ga'ame kun bara 2025 tti yoo xumurame maaltu ta'uu akka qabu, dhimma walitti bu'insa Baha Giddu-galeessaa keessa arka galfattuufi sagantaa misaayela balaastikii kan jedhan.

Pirezedaanti Ruhaaniin akka Makronitti himanitti, Iraan, "Waliigaltee amma fudhatte kanaan ala bara 2025niin booda waan biraa hin fudhattu," jedhan.

Akka Pirezedaantii Iraanitti Ameerikaan waliigaltee sana keessa turuullee akka hin qabnedha. Sababiin isaas waanta yeroo ammaa Bulchiisni Tiraampi agarsiisaa jiru ejjennoo Iraan sadarkaa addunyaatti qabduufi agarsiisaa jirtu kan haarsu waan ta'eef "fudhatama hin qabu," jedhan.

Ruhaaniin hariiraa faransaay "gama hundaan" waliin qaban garuu cimsuuf akka hojjetan ifa godhaniiru.

Theresa May, Emmanuel Macron and Angela Merkel

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Imaanu'eel Makroon, Tereezaa Meyfi Angeellaa Merkel waliigaltee amma jiru kun akka itti fufu ni barbaadu

Torbanuma darbe kana keessa Imaanu'el Makroon, TerrEmmanuel Macron, Tereezaa Meyfi Angellaa Merkel waliigaltee dghimma niwulilera Iraan amma hojiirra jiru itti fufsiisuun akka barbaachisu bilbilaan waliin dubbataniiru.

Qabxiileen barbaachisoo waliigaltee sana keessa galuun male garuu hin galiin hafes kaasanii akka irratti hojjetanis kaasaniiru.