Haatiifi ijoolleen ishee lama furdattan jedhamuun teessuma dhorkaman

Madda suuraa, Supplied
Reenel fi Teereen kan furdina isaanii wallaansa baqaqsuun yaalamuun hir'ifachuuf magaalaa Baankokitti imalanii wayita deebii'an, balaliinsa kutaa 'business' sa'aatii 11 booda gara biyyaatti deebii'uun isaaniif bohaarsaa ture.
Garuu obboolaa lamaaniifi haatiisaan Huhanaan hojjattoota daandii qilleensa Taayiin sababii ''bayyee furdoodha'' jedhuun teessuma kutaa 'business'f bitatatnirra taa'uu hindandeessan jedhamaniiru.
Erga haalli kun isaan mudatee kaasee Huhaanaan kan umuriin waggaa 59 ammalleen waan taatee sanaatti baayyee aaraa jirti.
''Hojjettoonni garmalee iyyaa turan ''baayyee gurguddoodha isiin'' jechaa turan irra deddeebiin. Wayita isaani nu safaraniif namoonni hiriira irra turan hundi nu ilaalaa turan. Haalli isaan ittiin nu keessummeessan kan baayyee haamlee namaa cabsuu waan tureef dandamachuu dadhabeen boo'uu egale,'' jetti Huhaanaa.
Hojjettoonni daandii qilleensichaa waan bakka isaan itti kanfalan kutaa 'business' akka hingalleef dhorkaniifu, dirqiin kutaa 'economy' teessifaman.
Hojjettuu hawaasaa kan taatee Hunaanaa kana boodas darara akkanaa kana irraa bilisa ta'uuf hanga ulfaatina qaama ishee hiristuutti lammata akka daandii qilleensaan hinimallee dubbatti.
''Gara fuula duraattis dararama nurra gahuurra kutaa 'business' balalii'u barbaadna,'' jetti.
Daandiiwwan qilleensaa kan biraa garuu namoota akka isaanii furdina qabaniif saqqii teessummaa dabalataa kennuuf.
Garuu daandiin qilleensaa Taayii teessoon kutaa 'business' isaan kan haala akkasiif hinmijannee ta'eef, saqqii dabalataa kennuuf akka hindandeenyee ta'u hima. Maatiin kun garuu ammas deebii kanaan baayyee bitaa itti galaa jira.
Maatiin kunis, erga dararama akkasii gannaa darbe isaan mudateen boodas kanfaltii isaanii daandii qilleensichaarraa akka deebiifamuuf hanga ammaatti gaafataa jiru. Daandiin qilleensichaa garuu garaa garummaa kanfaltii kutaa 'business' fi kan 'ecomony' jidduu jiru qofaan isiin deebiisa jechaanii jira.
Haati kunis ejantii bakka imala ishee itti kanfaltee gaafannaan kanfaltii balaliinsaa guutuun siif deebiifama jedhuun illeen maatiin kun baatii jahaaf eegataa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Dubbii himaan daandii qilleensa Taayi BBC'tti akka himeetti, kun akkeekachiisa gaarii akka ejantoonni kana booda sirna bakka qabachuu taasisan dhimma akkasii xiyyeeffannaa keessa akka galchan taasifna jedhan.
'Baayyee gaddine'
Maatiin kunis imala 'Destination Beauty' jedhamuufi kan maamiltoota isaa akka wallaansa baqaqsanii ulfina hir'isuu taasisanii gara biyya Taayilaandiitti ergan irra turan.
Maartiin Osleen, ogganaan dhaabbata 'Destination Beauty' akka jedheetti, haala daandiin qilleensichaa jara kan ittiin keessummeeseetti 'baayyee gaddees, baayyeen dinqisiifadhee' jedheera.
Kana malees gochi hojjattoota daandii qileesnsichaan raawwatames, 'akka namoonni furdoon hedduun kutaa /business'n imalu hindandeenyeetti dubbachuun isaanii bitaa natti galeera,'' jedheera.
Yoo imaltoota furdoon wal qabate ammoo, haalicha to'achuun itti gaafatummaa daandii qilleensaa, jedheera dubbii himaan Abbaa Taayitaa Sivil Ayiveshiin biyyatti.
Daandiin qilleensaa gatii kan tilammaamu ulfina imaltootaa, shaanxaa saaniifi bob'aa xiyyeefannaa keessa galchuun. ''Baayyeen imaltootaa ulfaatinuma kaa'ameen gadiidha,'' jedha.
Daandiin qilleensaa baayyeen ulfaatinni kan tessuma tokkoon ol ta'a jettee yaaddu yoo ta'e, wayita imala keetiif galmooftutti teessuma lammataa akka bitattuu ajaju. Garuu ammoo namoota 'ulfaatina guddaa qaban' ilaalchisee daandiiwwan qilleensaa hundi qajeelfama mataasaanii qabu.















