Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TikTokarri beekamaa Kaabii Laamee UStti erga hidhamee booda biyyaa baafame
Addunyaarratti gama miidiyaa hawaasummaa- TikTok jedhamuun akkaan kan beekamu Kaabii Laamee aanga'oota immigireeshiniin erga hidhamee booda Ameerikaa keessaa baafame.
Namni miidiyaa hawaasummaa yeroo ammaa addunyaa dhuunfatee jiru kanarratti dhiibbaa uumuun daran beekamu kun Jimaata darbe magaalaa Las Veegaas keessatti hidhame.
Sababni ammoo yeroo viizaa isaatu dhumate jedhan.
Erga hidhamee booda fedhii isaan Ameerikaa gadhiisee ba'e, aanga'oonni garuu guyyaa kam akkanni ba'e hin ibsine.
Kaabii Laamee namoota kumaan lakkaa'aman kanneen duula bulchiinsi Tiraamp godaantota irratti eegaleen hidhaman keessaa tokko ta'eera.
Duulli Tiraamp kun daangaarratti akkasumas daangaa darbeellee kan raawwatamaa jiru yoo ta'u godaantota eeyyama jireenyaa hin qabne US keessaa baasuun kaayyoo isaa ijoodha.
Tarkaanfiin godaantotarratti eegale kun guutummaa biyyattiitti mormii kaasiseera. Keessatti torban kana keessa dheekkamsi uummataa Kaalifoorniyaa magaalaa Loos Anjalasitti hammaateera.
Sababa mormii Loos Anjalasiin qabeenyi manca'eera, namoonni hedduun hidhamaniiru.
Kaabii Laamee waan isa mudate fi akkamiin akka US keessaa ba'e ykn baafame as ba'ee hawaasaaf hin ibsine.
Namoonni hedduun, keessattuu hordoftoonni isaa yoom akka US gadhiisee fi amma eessa akka jiru baruu fedhu.
Jaarmiyaan dhimma godaantotaa US- Immigration and Custom Enforcements (ICE) jedhamu Kaabii Leem Ebla 30, 2025 Ameerikaa kan seene yoo ta'u yeroo kennameef caalaa tureera jedhe.
Aanga'oonni jaarmiyaa kanaa akka jedhanitti namni kun guyyaama qabamee hidhame gadhiifame, isa booda biyyaa baafame.
Fedhii ofiitiin US gadhiisuun balaa biyyattii keessaa hari'amuu yeroo ammaa mootummaan raawwachaa jiru jalaa nama baraaruu danda'a.
Sababni isaa baqataan ajaja mootummaatiin US keessaa hari'ame deebi'ee seenuuf baayyee rakkata. Hanga waggaa kudhan eeguu qaba.
Yoo fedhaan gadhiisanii ba'an garuu balaa kana jalaa baraaramu.
Kaabii Laamee nama umrii waggaa 25 yoo ta'u lammummaa Senegaal fi Xaaliyaanii qaba.
TikTok irratti hordoftoota miiliyoona 162.3 qaba. Yeroo weerara koronaa vaayirasii sana viidiyoowwan hojjetuun baayyee beekame.
Viidiyoon isaa ammoo kan adda ta'eef sagalee tokko malee hojjeta. Mallattoo fi miira fuula isaa irra jiru qofaan agarsiisa. Callisaan waa agarsiisuu isaatu akka baayyee beekamu taasise.
''Fuula kiyyaa fi mallattoolee an agarsiisutu namoota kofalchiisa,'' jechuun bara 2021 Niwu York Taayimsitti himee ture.
Sochii fi mallattooleen inni agarsiisu afaan addunyaan hundi hubatu ta'uu hime. Kanaaf akka nama hedduu biratti beekamellee ibse.
Akka lammii Xaaliyaaniitti Kaabii Laamee akka tuursitiitti ykn akka nama biizinasiitti guyyaa 90f viizaa malee US daawwachuu danda'a.
Kaabii Laamee Caamsaa darbe sagantaa Met Gala jedhamurratti hirmaatee ture. Kanarraan kan hafe US keessatti maal hojjechuuf akka deeme ifa miti.
US keessaa baafamuunsaa addunyaarratti ijoo dubbii ta'e. Namoota addunyaarratti beekamtii qaban kanneen duula bulchiinsi Pirezidant Tiraamp godaantota irratti eegaleen hari'aman keessaa tokko ta'eera.
Jalqaba Waxabajjiirraa eegalee godaantota eeyyama jireenyaa hin qaban jedhaman kuma 51 ta'an ICE jalatti hidhamanii jiru.
Kun erga bara 2019 as lakkoofsa guddaadha.