'Tiktokiin jireenyakoo jijjiirera, ta'us ammoo hojiikoo duraa hin dhiisne'

Maayils Laaflin lammii Ingiliz yoo ta'u, viidiyoo hojii isaa toora interneetii TikTok irratti qooduu osoo hin jalqabin waggoota 10'f bakka daakaa bishaanii ykn puulii qulqulleessaa ture.

Viidiyoowwaan hojii isaa idilee agarsiisan kara TikTok gadi dhiisun daawwattoota miliyoonaan lakkaa'amaniin ilaalame.

Qabiyyee TikTok viidiyoon isaa puulii qulqulleessu wayita gadhiisu kanas namoonni hedduun hojii qabiyyee gaarii ta'uu fi cimsee akka hojjatus isa jajjaabeessu turan

Miles Laflin, The Pool Guy online jedhamuun beekamuun, hordoftoota miiliyoona 22 horateera.

"Yeroo dheeraaf hojii puulii qulqulleessuu hojjadheera, hojii koo natti toleen hojjadha garuu dhuguma fedhiin namoota waanuma sasalphaa jaalachuu akka ta'e erga namootni hedduun hojii namatti tolu ta'uu naaf eeraniin hubadhe" jedhe.

"Miidiyaa hawaasaa irratti hordoftoota miiliyoona 22 qaba, garuu ammallee bahee hojii koo guyyaa guyyaa hojjtaan jira, deeggarsi namoota hojii koo kana qabadhee akkan turu na gargaaru natti dhaga'ama."

Ani dhugumatti akka nama dhiibbaa uumuutti of yaadee hin beekuun ture kan jedhu Maayils Laaflin namoonni wantoota qulqullaa'an ilaaluu jaalachuu irra kan ka'e sadarkaa kanarra ga'uu isaa hima.

Kana malees, namni biraa naannoo poolii daakaatti waan hawwataa hojjetu hin turre, kun ammoo carraa gudda akka isaaf uume ibsa.

Laflin badhaasa TikTok UK fi Irelandi jalqabaa irratti qabiyyee qulqullina olaanaa qabu bara 2024 injifateera.

Dargaggeessi ganna 34 kun addunyaa keessa naanna'ee puulii qulqulleessuun viidiyoo isaa kana toora interneetii irratti qooda.

"Waan ati hojjettu hundaa kan hordofu jira, namni hojii keefi akkamitti akka hojjettu ilaaluu barbaadu ni jiraatas,"

"Yoo hojii kee irratti qabiyyee hojjechuuf yaadaa jirta ta'e itti deemi. Harka 100% TikTokiin jireenya koo jijjiire, amma waliigaltee maqaa (brand deals) argadheera, addunyaa guutuu nan imala," jechuun dubbate.

Laflin gara waggoota 10'f maallaqa ittin argachuuf ture kan poolii qulqulleessaa ture. Erga qabiyyee TikTok hojjechuu jalqabee as garuu vidiyoo hojjachuuf malee hojii sanaan maallaqa argatuun of jiraachisuuf miti.

Ta'us amma daawwattoota miliyoonaan lakkaa'amaniifi badhaasa qabaatus, qabiyyee puulii qulqulleessuu isaa hojjachuu itti fufeera.

Miidiyaa hawaasaa irratti jaalala guddaa argachuun isaa irraa kan ka'e maamiltoota hedduu hawwachuun, hojiin isaa %90 namoota viidiyoo isaa ilaalan irraa akka argamu tilmaama.

Viidiyoon sekondii 40'f turu tokko kan inni tarkaanfiiwwan puulii tokko tokko qulqulleessu agarsiisu TikTok irratti daawwattoota miiliyoona 170 ol qaba.