Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kanneen intarneetiin galiin dabalataa akka argamu gorsan hangam amanamoodha?
Miidiyaaleen hawaasaa, keessattuu akkaTikTok fi Instagram irratti namoonni gorsa mala galii dabalataa itti argatan heddudha.
Garuu maloota kanneenitti fayyadamuun galii dabalataa argachuu fi jireenya jijjiiruun ni danda’amaa kan jedhu gaaffiidha.
Dargaggeessi ganna 38 Devshi yeroo jalqabaaf beeksisa interneetii fayyadamuun karaalee galii dabalataa itti argachuun danda'amu kan dhaga'e yeroo weerarri Covid addunyaa rukute san ture.
Yeroo sana hojiin waan hin turreef namuu mana oola. Devshii fuula Feesbuukiifi TikTok isaatiin beeksisa viidiyoo karaa maallaqa itti argamu ilaalchisee hojjataman baay'ee arge.
Viidiyoonni irra caalaan isaanii 'carraaqqii xiqqaadhaan maallaqa dabalataa argachuu' kan jedhu fa'i.
Maallaqa kirpitoo irraa kaasee hanga taa'anii viidiyoo ilaaluutti mala namoonni addunyaa guutuu maallaqa dabalataa argachuuf itti fayyadamaa jiraniidha.
UK kan jiraatu Devshiin yeroo boqonnaa isaa kanatti maallaqa xiqqooos taatu argachuuf oliifi gadi jechuu jalqabe.
Dur yaadni ''galii dabalataa'' jedhu namoota maallaqa qabaniin fayyadamaa ture. Dureeyyootni appartimentii bitatanii kireeffatu, Aksiyoona bituu... Kan biras kan biraa.
Amma garuu namuu galii dabalataa akka argatuuf haalonni jijjiramaniiru. Namoonni baay'een kessumaa ammoo dargaggootni interneetii fayyadamuun galii dabalataa argachuuf yaalu.
Keessattuu beeksisoonni dargaggoonni maallaqa argachuu fi jireenyasaanii foyyeeffachuu barbaadan salphaatti galii dabalataa argachuu akka danda'an ibsan irra deddeebi'an Tiktok fi Instagramii irratti gadhiifamu.
Viidiyoon TikTok bara darbe gadhiifame kan daawwattoota miliyoonaan lakkaa'amaniin ilaalame tokko karaa giddugala daldalaa interneetii Amaazoon mana keessaan teessanii "doolaara maxxansituu" jedha.
Akkasumas dargageettiin miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumtu tokko miidiyaa hawaasaa irratti hordoftoota isheef, "Ji'atti doolaara 5,000 hanga 10,000 argachuu akka dandeessan beektu?" jettee viidiyoo hojjatteetti.
Dhaabbata 'Generation Money' jedhamu kan qabu Aleeks Kiing, karaaleen galii dabalataa itti argannu kan miidiyaa hawaasaa irratti arginu salphaa qofa osoo hin taane, ergaa akkaataa kiisa keenya itti guddifnu fi of dandeenyu taasisu kan dabarsuudha jedha.
Viidiyoon akkanaa addunyaa guutuutti babal’achuu fi TikTok fi Instagram irratti bal’inaan akka qoodaman kan taasisan keessaa tokko dhimma dinagdeeti.
Dargaggoonni qaala'iinsa jireenyaa fi daballii gatii jireenyatiin qormaata keessa galan sa'aatii dheeraa yoo hojjettaniillee galii dabalataa argachuuf qophaa'oo fakkaatu.
Gorsitoonni TikTok hoo hangam amanamoodhaa?
Akka biiroon Odeeffannoo Ameerikaa jedhutti, lammiileen Ameerikaa dhibbeentaan 20 madda galii dabalataa fayyadamuun giddu galeessan waggaatti doolaara 4,000 argatu.
Garuu namoonni hedduun karaaleen galii dabalataa itti argatan akka viidiyoo TikTok irratti arginu salphaa miti jedhu.
Yeroo boqonnaa isaa keessatti Devshiin marsariitii barattoonni qormaata darbe argachuu danda'an hundeesse. Garuu daldalli inni akka galii dabalataatti jalqabe kun akka inni yaade salphaa hin turre. Ji'atti hanga doolaara 244 yoo argatus hojii kanaaf yoo xiqqaate guyyaatti sa'aatii lama irratti dabarsa.
Lammiin Kaanaadaa Toomaas Bileeyk barnoota isaa cinatti filannoo adda addaa fayyadamuun galii dabalataa argachuuf erga oliif gadi jechuu jalqabee bubbuleera. Yeroo sanatti yaada "ji'atti doolaara dhibba muraasa" jedhu miidiyaa hawaasaa irratti arge. Haa ta'u malee ji'atti gara doolaara 25-40 qofa argata.
Namoonni karaa miidiyaa hawaasaatiin maallaqa dabalataa itti argatan gosa lamatu jira. Walakkaan isaanii yaada faayidaa qabu qooddachaa jiru, kanneen hafan ammoo bu'aa ofii isaaniif argachaa osoo jiranii hordoftoota isaanii gowwoomsaa jiru.
Galii dabalataa argachuun ni danda'amaa?
Hedduun isaanii odeeffannoo fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa Google fi Facebookitti gurguruun fayyadamu. Dhaabbileen gurguddoon akka Meta fi Google waggaa waggaan doolaara biliyoonaan lakkaa'amu beeksisaaf baasu.
Akka qorannoon tokko ragaan nama Awurooppaa tokkoo giddu galeessaan guyyaatti si’a 376 gara dhaabbilee adda addaatti dabarfamuu danda’a. Lakkoofsi kun Ameerikaatti ammo dachaa lama ta'a.
Dhaabbanni Kaanaadaa Surf jedhamu fayyadamtoota interneetii marsariitii daawwatan irratti hundaa'uun kaffaltii kaffala.
Dhaabbatichi kana kan godhu hayyama isaaniitiin fayyadamtoota irraa odeeffannoo fudhachuun, odeeffannoo kanas dhaabbilee gurguddootti gurguree fayyadamtootaaf 'komishinii' kuta.
Surf odeeffannoo akka email fi lakkoofsa bilbilaa akka hin qoodne dubbata; Maqaa kee dhowwachuu dandeessa. Garuu umurii, saala fi teessoo gaafata.
Dhaabbatichi maallaqa meeqa akka fayyadamtoota isaaf kennu hin ibsine, garuu bara darbe hanga ammaatti Awurooppaatti doolaara miiliyoona 1.2 baasuu isaa dubbata.
Barattuun Yunivarsiitii Toroontoo kan taate Aminah Alnuur namoota Surf, 'Google Chrome extension' fayyadaman keessaa tokko.Maallaqni eksteenshinii kana fayyadamuun argattu bittaa toora interneetii isheef itti fayyadamti.
Gaaffilee [survey] guutuudhaan,Viidiyoo ilaaluudhan, maallaqa kirpitoo, Tookiin fi kanneen biroo karaa maallaqa dabalataa itti argatanidha.
Warri damee kanaan maallaqa argachuu irratti muuxannoo qaban, yeroo galii haaraan dhufu, kanneen dafanii galmaa’an caalaatti fayyadamoo ta’u jedhu.
Haa ta'u malee ogeeyyiin indaastirichaa fayyadamtoonni odeeffannoo dhuunfaa isaanii fi ibsa herrega baankii isaanii eenyuufuu qooduu akka hin qabne akeekkachiisu.
Kanaaf beeksisa marsariitiiwwanii fi miidiyaa hawaasaa irratti gadi lakkifaman galii argachuuf salphaatti hojjetamuu danda’an of eeggannoodhaan madaaluun barbaachisaadha.
Ta’uu baannaan, waan dhugaa hin taane irratti yeroo qisaasuu irraa kan hafe, odeeffannoo dhuunfaa namoota gowwoomsitootaaf dabarsinee kennuudhaan galii dabalataa argachuun hafee kan qabnullee dhabuu dandeenya. Of eeggannoodhaan ta'uu qaba.