Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bilbilli harkatti baannu akkamitti jireenya keenya geeddare?
Moobayiliin harkaa qabnu dhaamsa daddabarsuurra darbanii akka hiriiyaa dhiyootti hanga ilaalamuutti qaqqabaniiru. Namoonni kaan araada nama qabsiisa jedhanii komatu.
Namoonni bilbilasaanii otoo hin tuttuqiin sa'aatii muraasaaf turuun itti jabaatu baayyeen jiru.
Ofii bilbilli borsaatti baannu jireenya keenyarratti gumaacha akkamii qabu?
Bilbilli borsaatti baannu ’’heloo’’ jedhanii dhaamsa dabarsuu bira taree fayidaa biroo hedduu ooluu danda'eera.
Bilibiloonni moobaayilaa ismaart qabiyyee sukkaara dhiiga keenya keessa jiru baruu, fayyummaa onnee keenyaa hordofuu fi kirkira lafaa akeekuu hanga danda’uutti gahaniiru.
Bilbiloonni baankiidha, GPS''n bilbila keenya karaa qajeelchituudha, kaameeraan bilbilaa suur- sagalee ittiin waraabuurra hanga kuusaa odeeffannoo keenyaa ijoo ta’aa jiru.
Bilbilli moobaayilii 'sinimaa xiqqaa borsaatti baatamu' maqaa jedhu argateera - Fiilmii irraa ilaalullee dandeenya.
Tajaajila meeshaalee akka raadiyoo, TV, koompiyuutaraa fi kaameera fa'aarraa adda addatti argamu bakka tokkotti bilbila keenyarraa argachuun danda'ameera.
Saffisaan odeeffannoo argachuufi namoota biroof dhaamsa karaa intarneetii qooduuf bilbiloonni keenya fayidaa gita hin qabne gumaachaa jiru.
Aappiiwwan haaraa kalaqaman tajaajila bilbilarraa argannu daneessaniiru.
Bilbila moobaayilii erga ittiin bilbiluun danda’amee waggoota 50 guute.
Kalaqa bilbila moobaayilii dursuun seenaa kan dalage Injinara lammii Ameerikaa Maartiin Kuuper jedhamu. Ergasii teeknoloojiin bilbilaa sududaan jijjiramatu adeemaa jira.
Amma bilbilli sirna kirkira lafaa akeeku danda’u isa addunyaarratti guddaa ta’e uumuuf gargaareera.
Mobaayilii akka hakiimaatti
Moobaayiliin dhaamsa dabarsuuf erga oole walakkaa jaarraa tokko ta’eera.
Amma haala fayyaa keenyaa hordofuuf meeshaa ijoo ta'utti deemaa jira.
Waggaa lamaa dura qorattoonni Yuunvarsiitii Waashingiten copha dhiigaa xiqqoo keessatti itituu dhigaa bilbila Aayifooniidhaan adda baasuu danda’aniiru.
Qorattoonni kaan ammoo kaameeraa bilbilaatiin gargaaramuun haala fayyaa onnee- keessattuu dhiibbaa dhiigaa hordofuun danda’amu hojjataa jiru.
Saayintistoonni Chaayinaa algorizimii suuraalee bilbiloota ismaartii ta’aniin gargaaramuun kaafaman dhibeewwan onnee namni tokko qabamuu adda baasan kalaqaniiru.
Ogeeyyiin itituu dhiigaa dhibee onnee tasaaf nama saaxilu qorachuuf samuda dhiigaa fudhanii qoratu. Amma namoonni ofuma isaaniifu yeroo qorannoo kana bilbilasaaniitiin manatti raawwatan dhiyaatera.
Gara fuulduraatti bilbilli moobaayilii keenya haala fayyaa keenyaa hordofuuf meeshaa baayyee murteessaa ta’a jedhamee abdatamaa jira.
Mallattooleen kana akeeekan ammas hojiirra oolaniiru.
Iddoowwan teeknolojiitti sirnaan gargaaramuun baratameetti, qonnaan bultoonni appilikeeshinii gargaaramuun aramaa fi dhibee midhaan addaa baasuu danda'aniiru.
Jireenyi guyyuu keenya bilbiloota ismaartii ta'an kanaan osoo hin tuqamne hafan muraasa ta'eera.
Bilbilli moobaayilii maaliin qeeqama?
Yuunvarsiitii Kolombiyaatti Dippaartimentiin Saayikaatarii hariiroo fayyaan sammuu fi bilbilli qaban wayita ibsu, garmalee bilbiloota kanatti gargaaramuun hirriba akka nama dhorku, dhiphinaa akka namatti buusu barreesse.
Bilibiloonni ismaartii akkaataa namoota biroo waliin itti haasofnu, waan haaraa barruufi ittii bohaarru bifa gaariin geeddaruu ibse.
Dhaamsi bilbilarraa deddeebi'ame ilaalamu garuu muddama keessa akka nama galchu ibse.
Biliboonni ismaartii kunneen namoonni deddeebi'anii akka tuttuqan akka nama dirqisiisaniifi namoonni akka irratti hirkatan jajjabeessuu Dippaartimentiin Saayikaatarii Yuunvarsiitii Kolombiyaa barreesseera.
Bilbiloonni moobaayilaa daree mana barnootaa keessatti barattoota xiyyeeffannoo dhabsiisa jedhamuun qeeqama.
Biyyoonni kaan barattoonni mana barnootaa qabatanii hin dhaqne daangeessanillee jiru.
Moobaayiliin ismaartii xiyyeeffannoo barattoota dhorka, iccitii barattootaa balaaf saaxiluufi barattoota qoccollaa karaa saayibariif saaxila jedhe jaarmiyaan Barnootaa, Saayiinsii fi Aadaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNESCO'n yaada kana cimse.
Kana malees, araada nama qabsiisu jedhamanillee hanga komatamauutti gahaniiru.
Bilibiloonni ismaart miidyaalee hawaasaa akka Feesbukii,X fi Inistaagiraamitti salphaatti gargaaramuuf mijatoo ta’uun kanaaf haala mijeesseera jedhamellee komatama.
Bilbiloonni moobayilii biliyoona 16tti tilmaamaman addunyaa keenyarratti tajaajilaaf oolaa jiru. Namoonni biliyoonaan lakkaa'aman bilbila moobayilitti gargaaramaa jiru.