Hawaasa sababii nageenyaaf cidha raawwachuu fi du'aa awwaallachuu dadhabe

Ajjechaan hamaa, ukkaamsanii butuu fi dorsisuun jiraattota kibba-baha Naayjeriyaa, sodaa keessa akka jiraatan taasiseera.

Gartuun hidhattootaa walabummaa naannichaaf lolaa kan jiru ta’us, garuu hidhanni duula isaa fi yakka adda baasuu dadhabaa dhufera.

Waldhabdeen naannicha keessa jiru namoonni gandoota kanaan dura nagaan jiraachaa turan keessa akka baqatan dirqisiseera. 

“Essummi kiyya namoonni kunneen qawwee fi rasaasaa ittiin bitachuuf maallaqa nuuf kenni waan jedhaniif ollaasaa keessaa baqatee ba’eera. Amma Jollicha bulchaa kan jiran isaan waan ta'eef gandooti keenya onananiiru,” jedha jiraatan Chikee Anikwaa (maqaan isaa kan jijjiirame).

Hidhattoonni kunneen bosona keessa buufachuun olloota dhiheenyaatti argaman kan akka bulchiinsota Imo, Anambraa, Abiyaa, Ebonyii fi Innuguu bulchaa jiru.

Bulchiinsonni kunneen kibba-baha Naayijeeriyaatti kan argaman yoo ta'u, hidhatoonni kun ammoo walitti biyya walabaa Biyaafra akka ta’uuf fedhu.

Hidhatoonni kunneen qondaaltota mootummaa fi hoggantootaa aadaa naannolee kana keessa jiran aangoorraa kaasaniiru.

Eenyu iyyuu qophii cidhaa ykn awwaalchaa gaggeesuu barbaade isaanirra eeyyama argachuu qaba, akkasumas kaffaltii kaffaluu qaba.

Hoggantoonni gartuu yakkamtootaa itti gaafatamummaa waldhabdee jiraattootaa jiddutti uumamu, kan akka dhimma lafaa furuu fudhataniiru kun to’annoon isaanii hagam akka ta’e kan mul’isuudha.

Biyaafra uumuun uummata Igboo hedduu, kan naannoon kibba-bahaa fi gariin Nijeer Deltaa, biyya walabaa isaani akka ta’u fedhaniif hawwii yeroo dheeraaf turedha.

Igboon, Naayjeeriyaa keessatti saba gurguddoo jedhaman keessaa sadaffaaa fi uummata miiliyoona 217’tti lakka’aman kan of keessatti qabatu ta’uu, statista.com ni ibsa.

Duulli fottoquu jalqaba dhageetti kan argate bara 1960’n keessa, kaaba Naayjeriyaa keessatti dhalattoonni kibba- lixaa ajjeeffamuu hordofee yemmuu qondaalli waraanaa Igboo, Emeekaa Odumegwu Ojukwuu walabummaa Biyaafra labseedha.

Ta’us garuu yaaliin fottoquu kun kan dhaabbate, waraana hamaa wagga sadii, kan sababa lola, beelaa fi tajaajila fayyaa dhabuun du’a namoota miiliyoona tokkoo olii fideen boodadha. 

Duulli Lutenaant-Koloneel Ojukwuu kufus, yaadi fottoquu erga sanaatii utuu guutummaatti hin badiin boodarra gartuun Uummata Hortee Ganamaa Biyaafra (Ipob) uumameera.

Gartuun kun bara 2012 keessa dhalattoota Igboo lama UK jiraatan: Ninamdii Kaanuu fi Uchee Mefoor jedhamaniin, akka sochii nagaa qabeessatti uumame.

Sana booda bara 2020’tti, sababa uummata Igboo eeguuf jedhuun, kibba-baha Naayjeeriyaa kessatti damee hidhattootaa Netwookii Eegumsaa Bahaa (ESN) hundeeffate. Qeeqxonni garuu gartuun kun waldhabdee miidhaa hedduu geessiseeru uumeera jedhu.

Mootummaan Naayjeeriyaa gartuu kana balaaleffachuun, manni murti gartuun kun dhaabbata “shororkeessaadha” jechuun labseera.

Qeeqxoonni mootummaa akka jedhanitti, yaaliin gartuu kana karaa humnaan balleessuu, namoota nagaa gandooti isaanii loltootaan weeraramuu fi dargaggoota shakkii gartuu kana deeggaruu jechuun hiidhaman ykn ajjeeffamaniif miidhaa dabalataa uumaa jira. 

Haleellaan hidhattoota, kan dhaabileen nageenyaa Naayijeriyaa gartuu kanaa waliin hidhata qaba jedhaniin, naannicha keessatti gaggeeffamu, erga bara 2020 keessa waldhabdeen kun eegalee ajjeechaa lammilee nagaa dhibba hedduuf sababa ta’eera.

Dubartoonni, ijoollee fi maanguddootis ajjeechaa kana irraa hin oolle.

Caamsaa 2022 keessa loltuun tokko cidha isheef utuu imaltuu butamtee, gartuun ishee butan viidiyoo yemmuu mormashee kutuun ajjeesan gadhiisaniiru.

Kadhimaan ishee, loltuu soorama ba’e kan ta’ee fi durbiin isheen namoota fottoqtoota ofiin jedhaniin ajjeeffamaniiru. 

Namootni loltuu kana butan Hidhatoota Hin beekamne Biyaafraaf lolan jedhanii of waamuun gartuu Ipob waliin hidhata qabaachuu ni haalu.

Loltoonni mootummaa yeroo loltuu kanaafi kanneen ishee butan barbaachaa turanitti, gandoota keessatti manneen jireenyaa fi daldalaa gubaa akka turan, namootni ijaan argan BBC’tti himaniiru.

Tasgabbii uumuuf jecha gartuun haqaa mootummaan hundeeffames, yakka hamaa gaggeessuun himatameera.

Yakka ittiin himatame beekamaan tokko, bulchiinsa Imootti Adoolessa 2022 keessa, cidha ganda Awumamatti ture irraa, dargaggoota manatti deebi’aa turan shan ajjeessuunidha.

Waajjirri Nageenya Biyyaaleessa (DSS) boodarra ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhatus, namootni kunneen loltoota foxxoqtootaadha jedheera.

Yeroo ammaatti, waldhabdeen kun xumura waan qabu hin fakkaatu.