Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obboloonni 'tolcha rasaasa fashalsu gonfanne' jedhan dhukaasa walirratti shaakaluun inni hangafaa isa quxisuu ajjeese
Naayijeeriyaa keessatti humna rasaasa ittisu/toshata/sihrii gonfachuun baratamaadha, garuu lubbuun lammiile haala kanaa baayyee gaaga'ama.
Obboloonni lameen humna kana gonfanne jedhan erga manatti galanii booda inni hangafaa isa quxisuu (maandhaa) irratti dhukaasa shaakaluun ajjeese jechuun poolisiin biyyatii ibseera.
Namoonni kunneen ''gaachana rasaasa ittisuun qaamni isaanii akka aangometti,'' amanaa turan, jedha Poolisiin bulchiinsa Kuwaaraa.
Poolisiin akka jedhutti dargaggeessi Abuubakara jedhamu meeshaa abbaasaa fudhachuun jalqaba obboleessa isaa quxisuu Yusuf jedhamu irratti shaakale.
Poolisiin yeroo ammaa ajjeechaa haala kanaan mudatu qorachaa jiraachuu himeera.
Naayijeeriyaa keessatti toshata/sihrii godhachuun haala rakkisaa fi carraa badaa nama mudate namarraa qolata jedhamee amanama, amante ekanaaf garuu ragaa qabatamaan hin jiru.
Namoonni hedduun erga humna kana gonfanne jedhanii booda dhukaasa walirratti shaakaluun rasaasaan walfixu.
Obboloonni lameen maaliif rasaasa irraa golgaa barbaacha dhimma kana keessa akka seenan ifa miti.
Abuubakara battaluma dhukaasetti erga obboleessa isaa ajjeesee booda miliqee bosonatti bade jedha poolisiin. Obboloonni kunneen ijoollee adamsituuti.
Maatiin hojii guyya aguyyaa ijoolleesaanii hordofuu akka qaban, daa'imman gocha hin taane keessa akka hin seenne akka adaban poolisiin akeekkachiiseera.
Naayijeeriyaa keessatti gaachana rasaasa qolatu gonfanneerra jechuun rasaasaan wayita wal ajjeesan kun haaraa miti.
Inumaa kanaan dura namni humna kana kennuu himatu maamilasaan erga dhukaasni irratti shaakalamee booda battalumatti du'eera.
Mala aadaatiin humna rasaasa ofirraa qolachuun danda'amurratti kan hojjetu Chinaka Adoezuwe, maamiloota isaa keessaa nama tokkoon dhukaasa narratti shaakali erga jedhee ajajee booda battalumatti du'e.
Kana qofaas miti, Amajjii darbe keessa namni Naayijeeriyaa tokko dhangala'aa rasaasa kashafsiisa jedhame erga dhugee booda rasaasaan rukutamee du'e.
Namni dawaa kana maamila ajjeefame kanatti gurgure, dawaa kana dhugnaan rasaasni gosa kamuu yoo sitti dhuka'e si hin ajjeesu jedheetu itti hime.
Poolisiin biyyattii namoota haala kanaan lubbuu lammiilee gaaga'an sakatta'ee seeraan to'achuutti jiraachuu hima.