Maanguddoo magaalaa Hawaasaa nama ilmasaanii ajjeese miila dhiqan

Ummanni Hawaasaa bareechee isaan beeka Obbo Maatiiyoo Dastaa. Siriiyyuu ‘injinar’ jechuun isaan waama.

‘Injinarummaa’ baratanii osoo hin taane muxannoodhuma hojii isaanitiin maqaa kennameefiidha.

Waggoota 30f kutaalee biyyattii garaa garaa keessa socha’uun hojii ijaarsa manaa hojjataa turan.

Hawaasaattis hayyama ijaarsaa baafachuun manneen hedduu ijaaruun galateefamaniiru.

‘Injinar’ kana qofaan miti kan beekaman. Manasaanii keessatti biiroo xiqqoo saaqqachuun ‘tajaajila araaraa‘ kennu.

‘Tajaajila araaraa?’ tarii bitaa namatti galuu danda’a ta’a. Hawaasni Hawaasaa garuu sirriitti beeka.

Kana malees maanguddoon waggaa 85 Obbo Maatiyoos Dastaa waan hanga har’aatti haasa’amuuf raawwataniiru.

Nama ilmasaanii jalaa ajjeessee mana hidhaa dhaquun ‚''siif dhiiseera jedheeniira'' jedhan.

Dhiifama gochuuf qofa seetanii? Miilasaa dhiqaniiru. Mee dubbicha walduubaa duraan haa ilaallu.

‘Injinar’ Maatiyoosii fi ilmasaanii

Obbo Maatiiyoos amma Hawaasaa haa jiraatan malee bakki dhalootaafi guddinnisaanii Walaayitaadha.

Tibba umurii dargaggummaa saaniitti hojii sibiilaa, ittaansee ammoo hojiiwwan ijaarsaa irratti mindeeffamuun hojjataa turan.

Booda keessa ogummaa hojii ijaarsaatiin qabatan cimsuun, hayyama baafatanii hojii ijaarsaa cimsanii hojjachu itti fufan. Hojii isaanii kanaanis kutaan biyyaa Itoophiyaa Obbo Maatiyoos hin deemiin hin jiru.

ALI bara 1960tti gaa’ila dhaabbatan, waggaa 54 dura jechuudha. ‘‘Gaa’ila koo keessattis ijoollee darzanii tokko argadheera‘‘ kann jedhan Obbo Maatiyoos, ijoolleesaanii 12 irraas akkaakkayyuu 12 akka argan dubbatu.

Ijoollee ijoollee isaanii keessaa tokko intala ilmasaanii kann lubbuun hinjirree, kann Israa’el Maatiyoosiidha. Amma barnoota kutaa 11 barataa jirti.

Israa’el ‘‘mucaa oggummaa qabu kanan baayyee jaaladhu ture'’ jechuun ture du’a mucaasaanii shanaffaa kann ta’e du’a Israa’eeliitti akka baayyee gaddan kan dubbatan.

ALI bara 1998 keessa guyyaa tokko galgala keessa naannoo sa’aatii shanii naannawa Israa’el jiraatuutti walitti bu’iinsi umama. Mucaasaanii irras miidhaa qaqabu Obbo Maatiyoosiifi maatiitti himama.

‘‘Yeroo sana haati warraakoo lubbuun jirti turte. Namoonni turan kaanis fiiganii dhaqan. Ani garuu jilbiinfadheen kadhachu eegale. Kadhannaa koo xumuree yoon qaqabu namoonni walitti qabamanii turan. Mucaan ajjeefameera. Isaan booda poolisoonnis qorannoo reeffaa xumuranii nuuf fidan‘‘ jechuun walitti bu’iinsa umamee keessatti mucaansaanii meeshaa qabuun waraanamee akka itti ajjeefame dubbatu.

“Mucaakoo kan ajjeefte si'i, ani garuu sin jaaladha''

“Namni mucaakoo ajjeeses itti murtaa’uun karchallee gale. Mana sirreessaa dhaqeen namoonni halaallaarra kan mucaakee ajjeesse kuunnoo sana jedhanii natti agarsiisan.

Anis osoo inni na hin argiinan duubaan dhaqe.

Achiin malasaa qabadhe. Achiin ‘Maaliif na qabattee?’ naan jedhe. ‘Lakkii miila kee dhiquufan dhufee’ jedheen.

‘Maaliif? ’ naan jedhe. ‘Mucaakoo kann ajjeesse siyi ani garuu sin jaaladha jedheen. Ati mucaakoo Israa’el ajjeeffe jirta, amma mucaakoo naaf taata jedheen.’

Kana yoo dhaga’u kufee biyyoo irra gangalate. Lakkii ka’i jedheen. Harka kootti hayilaandii qabadheen ture, isaan miilasaa dhiqeef... Achinsi sanada qopheesseen dhimmichi akka gara boordii dhiifamaa deeme. Achiin itti mallattaa’ee’’ kan yeroo sana ta’e yaadatu.

‘‘Namni kan mucaasaa jalaa ajjeessee hafee isa jalaa arrabseef dhiifama gochuuf akka rakkatu nan beeka’’ kan jedhan maanguddoon kun, waan namoonni amanuuf rakkatan kana raawwataniiru.

Kanaaf namoonni dhugaa itti fakkaachu diduun, kan dinqisiifatan. ‘‘Ati yoo dhiifama gootuuf maatiin, obbolaafi kaan sitti hin gaddanii?’ kan naan jedhan turan.

Ani garuu sammuukoo keessa kan guute dhiifama godhiif kan jedhu malee, dhimma sana kan beeku Waaqa qofaadha’ jedheen.’’ Ijoolleekoo waan Waaqatti amanniifi warri kaanis waa’ee koo waan beekaniifu natti hin dubbanne ture’’ jedhu.

Nama dhiifama taasisaniif sana maaliif miila dhiqxan jechuun gaaffii BBCn dhiyeesseef deebii yoo kennan, ‘‘Gooftaa Iyyasuus miila dhiqeera. Kana nu barsiisuuf ture kan ofiisaa akkasiin gadi qabe.’’

Kanaafuu haaluma amanta hordofanitiin dhiifama dhugaa taasisuu ibsuuf kana raawwachu himan.

Maatiiwwan nama ilmsaanii ajjeesseef Obbo Maatiyoos dhiifama taasisuu wayita dhagahaniittis, ‘‘Ati erga kana gootee nuti maal haa goonu?’’ jechuun gaaffii dhiyeessannii akka turan yaadatu.

Obbo Maatiiyoos garuu, ‘‘Ani gatii Samiirraan argadha’’ jechuun isaan irraa olmaa omaatu akka hin barbaadne deebiisaniif.

Isaan boodas nama ilmasaanii ajjeessees ta’e maatii isaa walin wal arganii akka hin beekne dubbatu. Osoo mana dhiifama taasisaniif ijaan arganii gaafatanis akka gammadan himu. Haata’u malee guyyaa sana booda wal arganii hin beekan.

‘‘Tarii dhiifama kan naaf taasise waan biraa yaadeeti ta’e jechuun shakkee ta’u danda’a kan bade’’ jedhu.

Kana gochuutti gammachu sammuu akka argatan kan dubbatan Obbo Maatiyoos, murteessaanii kunis jireenyasaanii keessatti ‘‘baayyee akka gammadan’’ kan isaan taasise ta’u ibsu.

‘‘Biyyarratti waan oddeeffamuuf, sagaleen Waaqaas ‘dhiifama godhaa’ waan jedhuf, kana raawwachukootti baayyeen gammada’’ jedhu.

Tajaajila dhiifamaa ‘injinarichaa’

Obbo Maatiyoos naannoo Kibbaatti jaarsa biyyaatis. Biiroo manasaaniitti saaqa xiqqoo keessatti, tajaajila araaraa bilisaa kennu.

Tajaajila kanas kan eegalan osoo mucaansaanii hin ajjeefamiin dura ture, naannawa ALI bara 1995tti.

Tajaajillisaanii kunis maqaasaanii waliin Hawaasaa keessatti baayye kan beekamtii argate garuu erga taatee kanaatiin booda ture.

‘Dhiifama taasisaa’ ‘dhiifamas gaafadhaa’ ‘walitti araaramaa’ ‘maaloo haaloo hin qabatiinaa’ jechuun gorsu. Kunis dhugaa bahumsa gochaan deegarame ture! Seensa manasaaniirratti tajaajila araaraan kenna jechuun beeksiisa maxxansaniiru.

Mannisaaniis nama araara barbaadu kamufuu banaadha. Tajaajila kanas haala lamaan raawwatu.

Tokkooffaan, namoonni wal dhaban lama garasaanii deemuun ‘walii nugalchaa’ ‘nuuf murteessaa’’ jedhuun. Obbo Maatiyoosis haala danda’ameen walitti araarsuu yaalu. Namoonni garasaanii dhaqanis yoo xinnaate wal amananiifi walii galaniiti achi bahu.

Karaa lammaffaan ammo, namoonni wal dhaban jiraachu wayita dhagahaniitti, nama miidhameera jedhu bira deemuun miilasaarratti kufuun, miila dhiiqanii dhiifama akka taasisaniif kadhatu.

‘‘Himataafi himatamaan biiroo koo erga dhufanii booda, himataa miilarratti kufeen jilbiifadhee miilasaa dhiqa. Innis, ‘Nama umurii akkanaa taatee, nama oggummaa akkasii qabu taatee, abbaa ijoollee akkasii ta’un miilakoo dhiqxaa jechuun tole’ jedha’’ jechuun haala ture himu.

Lakoofsa namootaa sirriitti beeku baatanilleen, abbaa waarrafi haadha warraa dabalate, namoota hedduu haala kanaatiin araarsanii deebiisu dubbatu.

Hojiikoo kanaaf miindaa kan argadhu ‘‘samiirraayi’’ kan jedhan Obbo Maatiyoos, ‘hojii ittiin hojjachuuf’ ijoolleensaanii deeggarsa akka taasisaniif ibsu.

Tajaajila kanaaf yoomiyyuu taanaan kanfaltii akka hin fudhan ibsuun, ‘‘fakkeenyaaf biirookeen siif haaromsa kan jedhu osoo argadhe garuu hin diduu’’ jedhu.

Hawaasaatti maqaa gaariin kan beekaman ‘Injinarichi’ Obboo Maatiyoos, umuriin itti cimaa deemus ammalleen namoota araarsuuf ni hojjatu. Jechuuta ‘waldhaban’ ‘walitti mufatan’ ‘waliin oodu’ ‘adda bahan’ jedhan gonkumaa dhagahu hinbarbaadan.

Yoo dahagan ammo nama sana beekanis beekuu baatanis, miilarratti kufanii miila dhiquun ‘dhiifama godhi’ jechuuf maanguddoon waggaa 85 kun har’as hin nuffan.