Naayijeeriyaatti namoota nagaa hidhachiisuun hidhattootatti bobbaasuun seera-maleessummaa uume

Naayijeeriyaatti ammiilee nagaa hidhachiisun seer-maleessummaa uumaa jira jedhame

Aangawoonni Naayijeeriyaan lammiilen hidhattoota, hattoota fi namoota nama butanii qarshii gaafatan ofirraa ittisuuf hidhachuu qabu jechuun waamicha dhiyeessaa turan.

Ministeerri odeeffannoo biyyattii garuu adeemsi kun biyyattii balaa keessa buusa jechuun morme.

Dhuma ji’a kanaa keessa naannoo kaaba baha Naayijeeriyaa Bulchiinsa Zamfaaratti lammiilee nagaan hidhatanii hattoota ofirraa ittisuu qabu jechuun itti himaa turan.

“Namoota hidhannoo barbaadaniif mootummaan naannoo keenyaa isaan hidhachiisuf qophiidha. Keessumaa qotee bultoota keenya mootummaan hidhachiisuf qophiidha,” jechuun mootummaan bulchiinsa Zaamfaaraa ibsa baase.

Haa ta’u garuu mootummaan federaalaa yaada kana mormee jira.

Ministeera Odeeffannoo Naayijeeriyaa Laa’ii Mohammad, "Lammiilen nagaan akka hidhatan waamicha gochuun wal-ajjeessaa jedhanii affeerraa gochuudha,” jechuun BBC tti hime.

“Furmaanni isaa mootummaan naannoo mootummaa federaalatiif humna ta’ee nageenya kabachiisuu qaba,” jechuun dubbata.

Pirezidaantini Naayijeeriyaa Mohaammdu Buhaariin barri bulchiinsa isaa barana xumurata.

Waggaa saddeetif yeroo inni biyya bulchaa turetti ajjeechaan, humnaan nama butanii dhoksuun maallaqa gaafachuu, haalan hammataa dhufe jedhama.

Kaaba lixa Naayijeeriyaa iddoo dhaloota Pireezidant Buhaarii kan taate bulchiinsa Katsina keessatti ergamtoonni isaanii hidhattootaa haleelamaniiru.

Gareewwan eegdota pireezidantii, pirotokoolii fi hooggantoota miidiyaa pireezidanticha dabaalaa turan keessaa namoonni lama akkaan miidhaman jedha ibsi dubbi himaa pireezidantii Garba Shehu.

Haleellaan kun osoo pireezidantichi garee isaa kunneen qabatanii magaalaa dhaloota isaanii Daawuraa keessatti ayyaana Arafaa dhuma torbee kanaa kabajamu irratti hirmaachuuf deemanii mudate.

Erga bara 2015 lammiileen Naayijeeriyaa hedduun ajjeefamaniiru, kumaan kan lakkaa'aman ammoo ukkaamfamanii butamaniiru.

Muhaammaduu Boharin rakkoo nageenyaa Naayijeeriyaa kokkee hudhe kana osoo furmaata itti hin godhin aangoo bara bulchiinsa isaa xumurachuuf heda.