Naayijeeriyaatti namichi amantoota gowwoomsee masjiida diigsise to'annoo jala oole

Naayijeeriyaa kutaa biyyaa Jigaawaa keessatti namichi tokko amantoota gowwoomsuun masjiidota isaanii akka diigan gochuu aanga'oonni himan.

Karaa dhaabbata miti-mootummaa (NGO) biyya alaatii qabuun masjiida gurguddaa akka ijaarsisuuf erga itti himee booda, masjiidota xixiqqoo jiran akka diigan godhe.

San booda baaxii, foddaa fi balbalawwan masjiidota xixiqqoo diigaman irraa bahan fudhatee bade.

Shakkamaan nama ganna 21 Abbaa Haruunaa jedhamu akka ta'e poolisiin adda baase, meeshaalee kannen gurguruu akka hin oolle himama.

Dubbi himaan mana murtii kutaa biyyaa Jigaawaa Abbaas Rufaa'ii Wangaaraa haala kanaan masjiidonni 14 diigamuu BBCtti hime.

Bulchiinsa Aadaan naannoo masjiidonni keessatti diigaman kan bulchu Usaayinii Waanzaam Iliyaauu BBCtti yoo dubbatu, shakkamaan kun hojjettoota humnaaf kaffalee masjiidota diigsise jedhe.

Gamoo masjiidaa ijaarsisuuf omishtoonni bilookeetii akka dhiyeessanis gaafatee akka ture hima.

Haata'u malee meeshaalee masjiidota diigaman irraa bahan erga fe'atee achii deemee booda hin deebine.

Bakka biraatti wanta wal-fakkaataa gochuuf imaamotni masjiida inni dubbise shakkiin poolisii erga beeksisanii booda to'annoo jala oolfameera.

Shakkamaan torbee darbe keessa himatni kan irratti baname ta'ullee, oduun waa'ee taatee kanaa reefu dhagaahamaa jira.

Kamisa mana murtii magaalaa Kiyaawaa jedhamtuutti dhiyaatee jecha amantii ykn waakkii akka kennu eegama.