Dooniin daldalaa Itoophiyaa xaa'oo fe'e yeroo duraaf buufata doonii Laamuu qubate

Dooniin daldalaa Itoophiyaa moggaasa ''Abbaay II'' jedhamu qabdu xaa'oo toonii 60,000 feetee yeroo duraaf buufata doonii Laamuu qaqqabuu Abbaan Taayitaa buufata Doonii Keeniyaa beeksise.

Buufatni doonii Laamuu qaama piroojektii misooma kooridarii Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Keeniyaan irraa akka fayyadaman qaamolee sadaniin misoomaa jiruudha.

Dooniin shaqaxaa Itoophiyaa buufata doonii kana yeroo qubatu kan jalqabaa yoo ta'u, buufatichis dooniisaa jalqaba qubsiisuun meeshaalee ammayyaa qabuun fe'isa geejibuu eegaluusaa abbaan Taayitichaa beeksiseera.

Dooniin Itoophiyaa kun buufata Laamuu yeroo qubattu Ministirri Qonnaa Itoophiyaa Dr Girmaa Amantee, Deetaan Ministira Geejibaa Obbo Dheengee Boruu akkasumas Hoji-gaggeessaan geejiba galanarraa fi Loojistikii Dr. Bariisoo Amaloofi aanga'oota Keeniyaan simatame.

Gama mootummaa Keeniyana bulchaan Laamuu Isaa Timaamy, Daayireektarri Abbaa Taayitaa buufataalee Doonii Kaappiteen Wiiliyaam Ruutoo fi kaanis argamaniiru.

Ministirri Qonnaa Dr Girma filannoo buufataalee dooniirratti qaban bal'isuun feedhii xaa'oo fi calla guddiftuu biyya keessaa dabalaa jiru guutuuf akka hojjechaa turan himan.

Geejibni amma yeroo duraaf buufata Laamuurraa eegalamu walitti hidhamiinsa dinagdee biyyoota naannichaa gidduu jiru akka jabeessu dubbatan.

Obbo Dheengee Boruu gaam isaaniin misoomni kooridarii kun al-ergiifi al-galchii Itoophiyaaf gahee olaanaa bahaa jedhaniiru.

Xaa'oon alaa dhufe kun buufata doonii kanatti erga karacitiitti galee saamsamee booda daandii aspaaltii buufatichaa qabee hanga maagaalaa daangaa biyyoota lamaanii, Moyyaaletti hojjetameen geejibsiifama.

Itoophiyaan ganna darbe omisha qonnaaf xaa'oo qonnaan bultootni eegan yeroon qaqqabsiisuu hanqachuun muddama guddoo keessa turte. Buufata doonii Jabuutiitti xaa'oo buufame gara gidduugala biyyaa geejibsiisuunis duula guddaan gaggeefamaa bahe.

Barruun Keeniyaa The Staandard hoji gaggeessaa Olaanaa buufataalee doonii Keeniyaa Kaappiteen Wiiliyaam Ruutoo dooniin kun Laamuu qubachuun Keeniyaan buufata kana gidduugala naannichaa gochuuf murannoo qabduuf agarsiiftuudha jechuu gabaase.

''Yeroon kun hariiroo daldalaa milkaahaa yeroo itti eegalle qofa kan agarsiisu osoo hin taane, tokkummaa qaxanaa kanaa jabeessuuf tarkaanfii guddaa, biyyoota lamaan gidduus walta'iinsa diinagdee ni si'eessa'' jedhan.

Hogganaan buufataalee doonii kun Itoophiyaan dooniin ishee buufata kanatti akka buufatu filachuusheef galata qabdii jedhaniiru.

Dooniin kun dooniiwwan fe'isaa hedduu ammaa booda meeshaalee Itoophiyaatti galana qabatan keessaa isa jalqabaa ta'a, amma booda nutis isaan ni simanna.'' jedhan.

Misooma Laamuutti hojjetamuun biyyoota ollaa walitti hidhuun abjuu waggoota 54 dura eegalee mootummoota dhufaa darbaa Keeniyaan irratti dubbatamaa turedha.

Sagantaan Misooma kooridarii kun biyyoota Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa kan walitti hidhuudha.

Buufata Dooonii Laamuurraa qabee hanga Itoophiyaatti daandii baaburaa fi daandii konkolaataadhaan walitti hidhuun darbees daandii konkolaataa hanga magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa fulla'uun walitti hidhuudha.

Biyyooti handaara galaanaa hin qabne Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa hanga bu'uura misoomaa Laamuutti hidhatanii akka fayyadaman yaadame.

Daandiin baabuuraa hojjetamu buufata Laamuutii Isii'oloo, achiinis Finifinnee gama biraatiinis Isii'oloo irraa Jubaa fi Isii'oloo irraa Naayirootti kan diriiruudha.

Piroojektichi ujummoo boba'aa lama diriirsuu, ijaarsa buufata xiyyaaraa fi magaaloota riizortii kan hammateedha.

Piroojektiin kun hojii marsaa jalqabaasaa dhiyoo raawwatee hojiitti galaa jira.

Bara 2020 keessa Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi pireezidantiin yeroo sanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatti haala misoomni Laamuu irra jiru daawwatanii ture.