Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirojektiin guddichi 'LAPSSET' MM Abiy Keeniyaatti daawwatan maaliidha?
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Roobii har'aa irraa kaasee guyyoota lamaaf dowwaanna hojiif Keeniyaa seenaniiru. Pirezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaattaas isaan simatamaniiru.
Kaaba biyyattii, Tigraayitti, lolli erga taasifame as MM Abiy yeroo duraaf daawwannaa kan taasisan yoo ta'u imala isaanii kanaanis bufataalee Moyyaaleefi Laamuu akka daawwatan himameera.
Dowwannaa isaanii kanaanis pirezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa waliin ta'uun daandii qaxxaamura daangaa Moyaalee eebbisuun kan banan yoo ta'u, pirojaktiiwwan gurguddaa bulchiinsa Laamuus waliin dowwatu.
Pirojaktiin Laapseet (LAPSSET) maaliidha?
Pirojaktiin buufata Laamuu LAPSSET jedhamuun beekamu qaxxaamura geejjibaa Sudaan Kibbaa, Keeniyaa fi Itoophiyaa kan walitti fidudha. Dabalataan, biyyoota Baha Afrikaa biraa waliin illee wal quunnamsiisuudha.
Pirojaktiin LAPSSET kunis pirojaktoota biraa torba kan hammatuudha. Isaanis pirojaktii ijaarsa buufataa, ijaarsa daandii, daandii baabura dirisiisuu, ujjummoo boba'aa lama diriirsuu, ijaarsa buufata xiyyaaraa fi magaaloota riizortii kan hammateedha.
1. ijaarsa daandiilee
Pirojaktiin kunis magaalaa buufata Keeniyaa Laamuu biyyoota Afriikaa kanneen buufata hinqabne kan akka Itoophiyaafi Sudaan waliin kan wal qunnamsisuudha.
Daandiin pirojaktichaan ijaaramus Buufata Laamuu Keeniyaa ka'uun hanga Isii'oolo (Keeniyaa) kan qaqabu yoo ta'u, achiinis hanga Finfinnee akkasumas Sudaan Kibbaa hanga Jubaatti kan wal quunnamsiisuudha.
Daandiiwwan pirojaktii kana keessatti ijaaramanis kanneen itti aananiidha:
• Buufata Laamuu - Wiituu Gaariisa (Keeniyaa) km 113 kan dheeratu
• Buufata Laamuu- Gaariisaa- Isi'oloo (Keeniyaa) km 530 dheerata
• Isii'oloo- Moyaalee- Hawaasaa (Keeniyaa- Itoophiyaa) km 505 dheerata
• Isii'oloo- Lokiichaar- Naadaapool- Toriit- Jubaa (Keeniyaa- Sudaan Kibbaa) km 700 dheerata
Ijaarsi daandii buufata Laamuu hanga Wiirtuu Gaariisan parsantii 60 xumurameera. Ijaarsi daandii Isii'oloo- Moyaale- Hawaasaa xumurameera.
Akkasumas dizaayinni daandii buufata Laamuu hanga Gaariisaa- Isii'oloo geessu baasii Baankii Misooma Afriikaatiin kan ijaarame yoo ta'u, daandiin Isii'oloo kaasee Lokiichaar- Naadaapool- Toriit- Jubaa qaxxamuru ammo motummoota Keeniyaafi kan Sudaan Kibbaatiin akkasumas wal ta'insa Baankii Addunyaatiin dhiheenya qorannoo gaggeeffameera.
Daandii Lokiichaar- Naadaapool jiru ijaaruuf ammo Baankiin Addunyaa dolaara miliyoona 500 hayyameera.
2. Daandii baaburaa diriirsuu
Daandii baaburaa kana diriirsuun magaaloota gurguddoo biyyoota sadanii kan wal qunnamsiisuudha.
Daandii baabuuraa kunis Buufata Laamuutii Isii'oloo, achinis Finifinnee gama biraatiinis Isii'oloo irraa Jubaa fi Isii'oloo irraa Naayirootti kan diriiruudha.
Baasiin daandii baabura kanaa dolaara biiliyoona torbaa ol akka ta'u tilmaama.
Sararri baaburaa Itoophiyaafi Keeniyaa jidduutti diriirfamuuf dizaayinni duraa xumurameera. Motummoonni biyyoota lamaaniitis pirojaktiiwwan LAPSSET keessatti hammataman waliin misoomsuuf waliigaltee dachaa irra gahaniiru.
3. Ujummoo boba'aa diriirsuu
Ujummoo boba'aan ittin dabarfamu gosa lamaatu ijaaramaa jira. Kunis kan boba'aa qullaa'eefi kan hinqulloofneeti.
Ujumoonni boba'aan hin qulqulloofne ittiin yaa'uus kan boba'aa gara lafa itti qullaa'uutti geessuu yoo ta'u, ujummoon boba'aa qulqullaa'e ammo kan omishicha gara gabaatti dabarsuudha.
Ujummoon boba'aa hinqulqulloofnees Lokiichaar irraa gara Buufata Lumuu (Keeniyaatti) kan diriirfamuudha.
Gama biraatiin, ujummoon boba'aa qullaa'ee ammo pirojaktoota pirojaktii isa guddaa, LAPSSET keessatti hammataman torba keessaa isa tokkoofi mummeedha.
Pirojaktiin kunis Buufata Laamu- Isii'oloo- Moyaalee-Hawaasaa- Finfinnee kan qaxxaamuruudha. Innis dheerina km 790 qaba.
Pirojaktiin kun wayita xumuramuttis fedhii boba'aa gama kibba Itoophiyaatiin jiru guutuuf kan hojjatu ta'a.
Pirojaktii ujumoon qulqullaa'e Buufata Laamu- Isii'oloo- Moyaalee-Hawaasaa- Finfinnee akka diriifamuuf kan ragaasifame motummaa Keeniyaatiin bara 2016'tti ture.
Isaan boodas erga motummaa Itoophiyaa waliin mariiwwan gaggeeffamaniin booda waliigalteen hoggantoota biyyoota lamaanii jidduutti mallataa'e.
4. Buufata Laamuu
Buufanni kunis kan ijaaramu Bulchiinsa Laamuu- Keeniyaa keessatti yoo ta'u, innis kan dooniiwwan 32 al tokkichatti keessummeessuu dandeessisu jedhameera.
Baasii ijaarsa buufata kanaa waliigalaas doolaara biiliyoona shan akka ta'u tilmaamama. Baasii ijaarsa buufata dooniiwwan sadii kan jalqabaa motummaan Keeniyaa kan danda'u ta'a.
Buufanni doniiwwan jalqabaa dhaabbachiisuus kan xumurame yoo ta'u, ijaarsi isa marsaa lammaaffaafi sadaffaas baatiiwwan itti aanan keessa xumurama jedhamee eegama.
Kana hordofees buufata Laamuu gara hojiitti galchuuf sochileen garaagaraa taasifamuun eegaleera.
5. Ijaarsa buufata xiyaaraa
Pirojaktiiwwan LAPSSET keessatti hammataman keessaa ijaarsi buufataalee xiyaaraa sadii ni argamu.
Bufataaleen sadanuu Keeniyaa Laamuu, bulchiinsa Turkaanaa fi Magaalaa Isii'olootti kan ijaaramaniidha.
Ijaarsa tokko tokkoo buufata xiyyaara kanneenis doolaara miiliyoona 143- 188 akka baasisan ta'u.
6. Ijaarsa magaalota riizoortii
Qaamni pirojaktii guddicha LAPSSET kan biraa ammo ijaarsa magaalaa bashanannaa sadii of keessaa qabata.
Magaalota bashannaa kunneenis Keeniyaa Laamuu, Isii'oloo fi haroo Turkaanaa irratti kan ijaaramaniidha.
Baasiin ijaarsa magaaloota kanneenis haaluma tartiiba walduraa duubaa isaanitiin dolaara miiliyoona miliyoona 970, 200 fi 42 ol akka ta'u eegama jedhameera.
Motummaan Keeniyaas erga ijaarsa bu'uraalee misoomaa eddoowwan magaaloonni kunneen itti ijaaraman xumureen booda, ijaarsi magaalotaa kan abbootii qabeenyaa dhunfaatiin raawwatamu ta'a jedhameera.
Ammaan tanattis qophiin maastar piilaaniin magaalaa riizortii Laamuu hojjatamaa jira.