Abbaa warraashee wagga 25 kan caaltu giifti dureen Faransaay mata-duree diraamaa TV ta’uuf

Jireenyi giifti duree Faransaay Biriigiit Maakroon mata-duree diraamaa TV haraa walitti fufinsaan dhiyaachuuf jiru ta’uuf.

Kampaniin diraamaafi fiilmii qopheessu Gaawumoont jedhamu akka dubbatetti, diraamaan mata-dureen isaa ‘Birigiit, Dubartii Walabaa’ [Brigitte a Free Woman] jedhu kutaa ja’aan qophaa’e, “imala kitaaba seenaa” hordofuun jireenya haadha warraa Maakroon dhiyeessa.

Diraamaan walitti fufinsaan dhiyaachuuf jiru kun guyyaa jalqaba haati warraafi abbaan warraa kun itti wal arganirraa ka’a jedha barreessitoota diraamaa kanaa keessaa tokko.

Biriigiit Maakroon abbaa warraashee ammaa kana waliin kan wal barte, mana-barumsaa sadarkaa lamaffaa inni itti baratetti barsiistuu wayita turtettidha.

Jarri kunneen lamaan mana-barumsaatti inni barataa, isheen ammoo barsiistuu ta’anii erga wal baranii booda bara 2007 keessa wal fuudhan ykn gaa’ela godhatan.

Yeroo gaa’ela dhaabbatanitti Aadde Biriigiit Maakroon umuriin ishee wagga 54 yoo taatu, Imaanu’eel Maakroon ammoo wagga 29 ture. Kana jechuun, wagga 25 angafti jechuudha.

Aadde Biriigiit Maakroon erga waliin bultoo ijaarratanii booda waggoota muraasaaf erga barsiiftee booda bara 2015 keessa wayita abbaan warraashee yeroo ammaa pirezidantii Faransaay ta’an kun siyaasa keessa galanitti hojii barsiisummaa dhaabde.

Imaanu’eel Maakroon bara 2017 pirezidantii Faransaay ta’uun filatame.

Miidiyaan Faransaay namoota ijoo muraasa pirezidaantichi dhimmoota biyyaa keessatti yeroo hunda murtee dabarsuuf gaafatu keessaa taateetti jechuun ishee ibsu.

Diraamaan TV haaraa walitti fufinsaan dhiyaatuuf jiru kun barreessitoota Faransaay Benediit Chaarlesiifi Oliiviyar Popuninee jedhamaniin barreeffaman jedhe kampaanichi.

"Biriigiit Maakroon taatoo (karaaktera) ajaa'ibaa waan taateef, isa kana sababa hiree jiraanyashee gama jaalalaatiin jiruun bifa jaalalaafi meloodiraamaatiin dhiyeessuu barbaadna," jetti Benediit Chaarles.

Maddi giifti duraatti dhiyeenya qabu tokko waa'ee diraamaa haaraa qophaa'aa jiruu kanaa gaafatamee akkas jechuun AFPtti hie: "Pirojektii har'a ibsa kenname kanaan dhageenye kana waliin hidhata hin qabnu."

Diraamaa walitti fufinsaan dhiyaatu kana keessatti taatoowwan qooda fudhatan ammallee hin baramiin jiru.

Kampaniin gaawunt jedhamu kun Faransaay keessatti diraamaawwan TV qopheessuun warra adda duree ta'an keesaa isa tokkodha.