Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni-murtii Awustiraaliyaa namni siyaasaa tokko waahelasaa paarlaamaa keessatti gudeeduu mirkaneesse
Dhimmi waggaa sadiin dura ijoo dubbii ta’eefi paarlaamaa Awustiraaliyaa keessatti dubartiin tokko nama siyaasaa waliin hojjataa turteen gudeedamte jedhu dhugaa ta’u manni-murtii biyyattii mirkanneesse.
Namni siyaasaa Biruus Leermaan dubartii waliin hojjatu gudeedeera jedhamee himatamulleen haalee kan ture yoo ta’u, buufata TV Netwok-10 jedhamu dhimmicharratti isa dubbisee himate ture.
Buufatichi dogongora akka hin raawwanne kan ibse yoo ta’u, dhimmichi dheekkamsa kaasuunsaa ni yaadatama.
Manni-murtitiis namni siyaasa Leermaan dubatittii gudeeduufi ‘ta’e jedhe sobuu’ himuun buufata TV kanaaf murteesseera.
Yeroo TV Netwok-10 iraatti gaaffiifi deebii taasisetti bohaa kan turte dubartii miidhaan irra qaqqabee Higins jedhamtu, bara 2019tti ministirri kun yeroon of baru ofirrattin isa arge jechuun soofaa waajirasaa keessa jiru irrratti attamiin akka ishee gudeedee tokko tokkoon dubbatteetti.
Leermaan gamasaatiin, Kaarbeeraa keessatti halkan dhugaa turanii taaksiidhaan gara biiroo deebi’uufi boodarra lamaanuu gara kallatii barbaadanitti addaan bahanii deemuu dubbate.
Himannaan maqa-ballessii Leermaan dhiyeesse kufaa akka ta’u kan murteessan abbaan seeraa mana-murii federaalaa, Maayikil Lii, nama siyaasaa umuriinsaa waggaa 28 karaa kamiinuu Higins waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf fedhii akka qabaataa ture ibseera.
‘‘Kanaaf, fedhiisaa guutachuuf yaaduudhaan… osoo isheen hayyamamtuu ta’uufi dhiisuushee hubannoo keessa hin galchiin, quunnamtii saalaa waliin raawwachuu itti fufee’’ jedhan.
Dhimmi maqa-balleessii dhimma yakkaa caalaa raga gadaanaa barbaada. Kanaaf, himatamaan gaaffiiwwan isaa dhugaa ta’udhaaf carraa qabu mirkanneessuu barbaachisa.
Murteen kunis dhimma waggootaaf biyyattiitti ijoo dubbii ta’erratti murtaa’e murtee seeraa jalqabaati.
Gudeedamuun dubartii kanaas kan duudhaafi aadaa biyyattii faalleesse yoo ta’u, mormiin namoonni kuma kudhaniin lakka’aman irratti hirmaataniifi kan aadaa paarlaamaa irratti gaaffii cimaa kaasedha jedhameera.
Himannaan yakkaa kunis bara 2022tti dhiyaatulleen rakkoo naamusaa abbootii seeraatiin akka adda citu taasifame.
Boodas fayyaa sammuu miidhamtuutiif jecha himannichi irra deebiin ilaalamunsaa adda akka citu taasifame.
‘‘Leermaan dogongora raawwateera’’ kan jedhe abbaan seeraa Lii, murtee himannaa maqa-balleessii qopheessituu sagantaa Network-10 fi buufaticharratti dhiyaates himaniiru.