Godaantonni Itoophiyaafi Ertiraa 50 ol humnoota Sudaaniin 'booji'aman'

Dargaggoonni Itoophiyaafi Ertiraa karaa Sudaaniin Liibiyaatti qaxxamuruuf turan humnoota Sudaan kanneen waraana waggaa tokko lakkoofsiisee kessatti argamaniin akka boji'amtootaatti qabamu maatiinsaanii himan.

Dhiheenya kana viidiyoon dargaggoonni hedduun wayita konkolaataa fe’umsaa irraa bu’aa jiran yoo reebamaniifi dararaman agarsiisuu miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta’e tureera.

Irra caalaansaanii lammiilee Ertiraafi muraasni isaanii lammiilee Itoophiyaa kan ta’an dargaggoonni kunneen wayita gara Liibiyaatti ce’uf yaalaniitti Sudaanitti kan qabaman ta’u maatiiwwan BBCn dubbisee ibsaniiru.

Humna waraana Sudaan kan Janaraal Abdul fattaah Al Burhaaniin durfamuu fi Humna dafee qaqqabaa (RSF) kan Janaraal Mahaammad Hamdaan Dagaaloo (Himeetii)n durfamu jidduutti Ebla 15, 2023 waraanni erga eegalee asi haalli nageenyaa biyyattii hammaataa ta'eera.

Humnootiin lamaanuu kutaa biyyattii irra caalaa to'achuudhaan olaantummaa qabachuuf yaalii taasisaniin waraanni cimaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, namoonni kumaatamaan lakka'aman du'aaf saaxilamuun, kanneen miliyoonotaan lakkaa'aman ammoo buqqa'aniiru.

Kana jidduutti, lammiileen Ertiraa fi Itoophiyaa kunneen Humna dafee qaqqabaa (RSF)n qabamuun akka boji’amtoota waraana Sudaaniitti ibsamaa jiraachu odeeffannoon kan bahe.

Waraabbii viidiyoo dhimma kanarratti miidiyaa hawaasaarratti qodamu irratti dargaggoonni godaantoota ta'an kunneen mul'achusaanii maatiin BBCtti hime.

Haata’u malee, kanneen maatiinsaanii viidiyoorratti adda baasuu danda’an booji’amtoota osoo hin taane godaantoota ta’u mirkaneessu.

Eddoosaa fi haalaa godaantoonni kanneen ittiin to'ataman BBC madda walabaarra mirkanneeffachu hin dandeenye.

Maatiiyoos hiriyyaa isaa waliin karaa Sudaan gara Liibiyaatti qaxxaamuruuf Sadaasa 9, 2023 Finfinnee irraa ka’usaa haati warraasaa Timniit BBC'tti himteeti.

Sagaleensaanii torban sadiif erga badee tureen booda Maatiyoos Muddee 2, 2023 haadha warraasaatiif bilbiluudhaan loltoota Sudaaniin to'atamu fi akka hin dhiphannee itti himu yaadatti.

Haata'u malee, kan bilbileef hospitaala keessaayi waan jedheeniif, maaliif hospitaala akka seenan gaafatte. Innis namoota 57 waliin imalaa turan keessaa tokko ajjeeffamuufi kaan lama ammoo akka madaa'an itti hime.

Loltoonni isaan to'atanis ''obboloota keessan dhiiftanii eessa deemtu?'' jechuun kanneen miidhaman hanga wayyaa'anitti fi Sudaan rakkoo keessa waan jirtuuf nageenyasaaniif jecha akka isaan qaban itti himuun hin yaadda'iin jedhaan.

Haata'u malee Maatiyoosiifi hiriyaansaa baatii sadiif sagaleensaanii badee ture.

Baatiiwwaniif osoo maatiif hin bilbiliin kan ture Maatiiyoos, akka tasaa gara maatiitti bilbiluun ''haala baayyee garii hin taane keessa jirra. Yoo gadi nu dhiisan jennee eegaa turre. Har'a boru nun jechaa haala rakkisaa keessa jirra.

''Bakka Gaaririiskeerii jedhamuutti namoota 56 taanee to'atamne sagalee nuuf ta'aa. Bilbila argachuun baayyee rakkiisaa waan ta'eef bilbiluu hin dandeenyu'' jechuun ittimu BBCtti himte..

Isaan booda Timniit osoo nama barbaadaa jirtuu akka tasaa miidiyaan hawaasaa Sudaan irratti waraabbii viidiyoo namoonni wal harkaa fudhan tokko agarte.

Viidiyicharratti wayita loltoonni Sudaan lammiilee Itoophiyaafi Eriraa kanneen reebaniifi dararan mul'ata.

Kanneen reebamaa turan keessaayis muraasa isaanii Timniitiin dabalate, maatiin muraasni forootasaanii adda baasu danda'aniiru.

Akkasumas lammii Ertiraa biyya Kaanaadaa jiraattu Haawaa Mahaammad obboleessaafi hiriyaashee adda baasu akka dandeesse dubbatti.

''Obbooleessi kiyya Abdulaah Mahammad Ahimad jedhama. Jalqaba Sadaasaa ture gara Liibiyaa imaluuf kan ka'e. Finfinnee ka'e Matammaa wayita gaheetti dubbiseen ture. Isaan booda Sudaan seenan jedhama malee wal hin agarre.

''Boodarra bilbiluudhaan ammoo namni tokko akka jalaa rukutameefi hanga wallaansa xumuraniitti loltootaan qabamanii akka jiran nutti hime.''

Isaan boodas kanneen firri jalaa to'atame Hawaa fi Timniiti, karaa miidiyaa hawaasaatiin wal arguudhaan haala itti baafamaniifi odeeffannoo barbaachu eegalan.

'Eenyuun akka to'ataman hin beekan'

Jalqabarratti humna Sudaan kam waliin akka jiran akka hin beeknee fi boodarra karaa viidiyoo miidiyaalee hawaasaa irratti qoodameen humna RSF harka akka turan baruu dubbatti Hawaan.

Namootni Finfinnee jiran faddaloota Finfinneetti dhiyaatan yoo dubbisaniitti, ''harka keenyaa bahanii mootummaa harka seenaniiru. Imallisaanii itti fufuu hin danda'u. Gadi lakkisiisuufis wanti gochu dandeenyu hin jiru'' deebii jedhu akka kennaniif dubbatti.

Viidiyicharraa namoota naannoo adda addaa dhufan ta'uu hubattuchuu himtee ''obboleessa koo dabalatee kanneen waliin badan keessaa Ertiraanoota dhibbaa dhibbatti adda baase jira,'' jetti.

Viidiyicha irratti humnootiin Sudaan godaantoota kanneeniin boji'amtoota jedhee dhiyeessaa akka ture kan dubbattu Hawaan. Obboleessi isheefi namoonni kaan viidiyicha irratti agarte kanneen Liibiyaa deemuuf baatii muraasaan dura Itoophiyaadhaa ka'aniidha jetti.

“Namoota 53 boojineerra jedhanii viidiyoo gadhiisan. Garuu jalqaba 56 yoo turan sadan isaanii eessa jiru? Goodaantoota akka diinaatti ilaalaa jiru. Kanfalameefii diinasaanii kan ta'e waraana Sudaan waliin hojjataa turan jedhuun. Dubartoonnis isaan waliin akka jiran viidiyichaarratti ni mul'atu'' jetti Haawaan.

Dargaggoonni amma humna deeggarsa Sudaaniin to'atamaniiru jedhaman godaantoonni 50 kunneen ammati eessaa fi haala attamii keessa akka jiran sirriitti hin beekamu. Kanaanis maatii yaaddoo cimaa keessa seenuu dubbatu.