Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan amantaa tibbana waraanaman Abuuna Maar Maarii Amaanu’el eenyu?
Dureen amantii beekamaan Abuuna Maar Maarii Amaanu’el osoo mana amantaa Siidiniitti argamurraa kallattiidhaan barsiisaa jiranii meeshaa qara qabuun Wiixata darbe waraanaman.
Abuuna Maar Maarii Amaanu’el Bataskaana Ortodoksii Asiiriiyaatti duree bataskaana Christ The Good Shepherded jedhamuuti.
Dargaggoonni Abuunicharraan miidhaa qaqabsiises hordoftootaan erga to’annoo jala oolfameen booda dabarfamee poolisiitti kenname. Poolisiin naannichaas Abuuna Maar Maarii Amaanu’el fi Lubni Abbaa Isaak jedhaman ‘‘miidhaan isaan irra gahe waan balaa lubbuuf sodaachisu miti’’ jedhee ture.
Gaheessi umuriin wagga 53 Abuuna Maar Maarii Amaanu’el mataasaanii irra meeshaa qara qabuun waraanamuun kan ibsame yoo ta’u, Komishinarri Poolisii NSW, Abuunichi wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifamuuf himuun, ‘‘lubbuun kan hafan carroomaniiti’’ jedhan.
Nama amantaa surra-qabeessaafi barsiisa falmisiisaa barsiisuudhaan kan beekaman Abuuna Maar Maarii Amaanu’el, keessattuu bara 2020tti seerota Coovid-19 mormuudhaan beekamtii argatan. Batasikaanittiinis barsiisaa Abuuna Maar Maarii Amaanu’el karaa miidiyaa hawaasaatiin kallattiin dabarsiti.
Baagdaadii hanga Awustiraaliyaa
Abuuna Maar Maarii Amaanu’el kan guddatan magaala guddoo Iraaq Baagdaad keessatti yoo ta’u, daa’imummaan maatiisaanii waliin gara Awustiraaliyaa deeman.
Marsariitiin bataskaana isaanii akka mul’isutti, Abuuna Maar Maarii Amaanu’el bara 2009tti Luba, ittaansee ammoo bara 2011tti Abuuna ta’uun dibaman.
Bataskaanni Christ The Good Shepherd kunis bara 2014tti bataskaana Assyrian Church Of the East irraa adda bahan. Kunis kan ta'e sababii barsiisa isaatiin Abuunichi akka dhorkamu erga taasifameen boodadha.
Toorri Facebook fi YouTube bataskaana Abuuna Maar Maarii Amaanu’el hordoftoota kuma 240 qaba. Barsiiftonni Abuuna Maar Maarii Amaanu’el karaa chaanaaloota kanneeniitiin kallattiin darba.
Abuuna Maar Maarii Amaanu’el walitti dhufenya ‘‘jaalattoota saala walfakkaatan gochaa yakka ija Waaqaa duratti raawwatamu’’ jechuun balaaleeffatu.
Akkasumas, amantiiwwaan akka Islaamaa fi Ayihud ilaalchisuunis dubbiiwwan falmisiisoo dubbachuun beekamu.
Waa’ee siyaasa Ameerikaafi Raashiyaa, waa’ee UN akasumas waa’ee namoota saalasaanii jijjirratanii irratti ilaalcha qaban ifatti dubbachuun beekamu.
Abuuniin kun namoota saalasaanii jijjiratan akka namaatti akka hin lakkoofne, akkasumas dhaabbanni UN seexanaan hojjata jechuun dubiin dubbatan falsmisiisaa turan.
Abuunichi dhiheenya waa’ee waraana Gaazaa irratti barnoota kan kennan yoo ta’u, Filisxeem keessatti nagaana akka bu’uuf waamicha yoo taasisan dhagahamaniiru.
Dureen amantaa kun waa’ee walitti dhufeenya saala walfakkaatu, amnataafi Covid irratti barnootaafi af-gaaffii kennaniin, keessattuu fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa biratti beekamtii argataniiru.
Toorri Facebook maqaa isaaniitiin baname tokkos hordoftoota kuma 294 qaba. Abuuna Maar Maarii Amaanu’el bataskaanota kaanitti argamunis ni barsiisu.
Baatii Muddee darbe keessa Ameerikaa Finiiks Ariizonaa deemuun waa’ee Kitaaba Qulqulluu barsiisaniiru.
Ortodoksii Asiiriiyaan
Batarkaanni Ortodoksii Assyria Church of the East jedhamtu amantaa Kiristiyaanaa kan hordoftudha.
Haata’u malee, haalawwan barsiisaa bataskaanota Kirisitaanaa kaan waliin wal fakkeessuu hedduu qabdi.
Batarkaanni Ortodoksii Assyria Church of the East kunis, keessattuu barnoota bataskaana Ortodoksii Giriikii fi Kaatoliikiin wal fakkaatu barsiifti.
Barasikaanni Abuuna Maar Maarii Amaanu’el itti barsiisanitti kan waaqeeffatan amantoonni irra jireessi isaanii kan naannoolee Awustiraaliyaa, Liivarpool fi Feerfiild jedhaman jiraataniidha.
Bataskaanni Abuuna Maar Maarii Amaanu’el barnootasaaYesuus Kiristoos irratti bu’ureeffachuun kan kennan yoo ta’u, bataskaan Ortodoksii Assyriyaa waliinis hidhata qabu.
Assiriyaatti ummata lakkoofsa bicuu amantaa Kiristiyaanaa hordofaniif Iraaq, Siiriyaa fi Tarkii keessatti argamanidha. Bataskaana isaanii keessattis afaanoota Ingiliziifi Asiiriyaatiin barsiifama.
Dilbata ammoo daa’immaniifi durdarootaafi barnooti amantaatu kennama.
Waa’ee haleellichaa kan beeknu
Batasikaanattiitti yeroo hunda Wiixata galgala sa’aatii 1 fi Jimaata galgala 12 irratti Abuuna Maar Maarii Amaanu’eliin barnoota akka kennitu marsariitii isheerratti barraa’eera.
Wiixata galgalas Abuuna Maar Maarii Amaanu’el osoo barsiisaa jiranii ture dargaggeessi tokko gara isaan dhaabbatanii barsiisanitti maxxanuun meeshaa qara qabuun osoo waraanuu kan waraabbii viidiyoon mul'ate.
Poolisiin Awustiraaliyaa Wiixata galgala haleellaan bataskaana Sidiniitti argamu irratti raawwatame ‘‘gochaa shororkeessummaa’’ amantaati jedhe.
Abuunicha, Lubaa fi hordoftoota bataskaanaarratti erga miidhaan raawwatamee booda dargaggoonni wagga 16 tokko to’annoo jala oolfameera.
Yoo xinnaate namoonni afur ‘‘miidhaan lubbusaanii balaaf hin kennine’’ irra gahuu poolisiin himee, namni miidhaa qaqabsiises miidhamuu beeksiise.
Taateen Sidinii bakka Waakeelee jedhamutti raawwatame kun kan tamsaasa kallatiin darbe yoo ta’u, naannichi akka jeeqamuuf sababa ta’eera.
Poolisiin Awustiraaliiyaa gochaa shororkeessummaa ilaalcha ka’umsa taasifamedha jechuun ibsa. Qorannicha ammallee xumuramuu baatulleen, haleelichi kan raawwatame finxaalessummaa amantaa hordofuun jedhe poolisiin.
Aanga’oonnis dargaggoon miidhaa kana raawwate amantaa attamii akka hordofu irratti kan jedhan hin jiru.
Namoonni kallattiidhaan yoo muciichi Abuuna Maar Maarii Amaanu’el irratti meeshaa qara qabuun miidhaa qaqqabsiisu arganis gara bataskaanittiitti qajeelan.
Bataskaanni kunis jidduugala magaalaarraa fageenya gara kiilomeetira 35 irratti argamti.
Namoonni haleellichaan aaruun bakkichatti argamanis, poolisiin kan walitti bu’an yoo ta’u, poolisiin namni miidhaa qaqqabsiise hanga wallaansa argatutti bataskaanittii marsuun eegaa turan.
Poolisiin ibsa miidiyaaleef kenneen, Abuunichiifi lubichi wallaansi taasifamaaf jiraachuu ibsee, abbotiin amantichaa, ‘‘lubbuun hafuunsaanii raajiidha’’ jedhan.
Poolisiin namni miidhaa qaqqabiiise osoo Abuunichatti siqee miidhaa hin qaqqabsiisn dura, ‘‘yaada amanitiin wal qabatu’’ kennuufi sagantaa kallatiin darburratti haleellaa raawwachuuf ta’e jedhee itti yaaduun akka ta’e dubbateera.
Shakkamaan kun gochicha kan raawwate qofiisaa ta’uun alatti ‘‘hanga beeknutti’’ galmee shororkeessummaa irra akka hin jirre poolisiin ibsa isaatiin himeera.