Waldaan Guutuu Wangeelaa Itoophiyaa haleellaa Gudurutti miseensotasheerra gahe akka qoratamu gaafatte

Waldaan Amantoota Guutuu Wangeelaa Itoophiyaa ‘’haleellaa tasaan’’ miseensotni waldittii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ajjeefamuu balaaleffatte.

Ibsa pirezidaantiin Waldaa Amantoota Guutuu Wangeelaa Itoophiyaa Paaster Laakoo Badhaasoo, kennan jedhuun baheen, Mudde 25 bara 2023, haleellaa Waldaa Axibiyaa Baroo jedhamtu aanaa Guduruu keessatti argamtu irra gaheen namootni saddet ajjeefamuun shan ammoo madaa’aniiru.

‘’Haleellichi qaama kamiiniyyuu, haalaa kamiinuu haa dhaqabu, ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatu cimsinee balaaleffanna, gochaa kanaanis waldittiin hedduu gadditeetti’’ jedha ibsi bahe.

Itti dabaluun haleellaa kana qaama kamtu akka raawwate qoratamee haqni argamuu qaba jette waldittiin.

Waldaan Guutuu Wangeelaa Itoophiyaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi qaamolee kaan sarbama mirga namoomaa qoratan Itoophiyaa keessa jiran gochaa kana qorachuun dhugaa jiru uummataaf akka ibsan gaafattettii.

Mudde 25 bara 2023 ganama gara sa’a 1:30 yeroo tahu miseensotni waldaa Guutuu Wangeelaa Baroo boqolloo mooraa waldichaa keessa jiru sassaabuuf yeroo deemanitti haleellichi irra gahuu waldittiin ibsiteetti.

Pirezidaantiin Waldaa Amantoota Guutuu Wangeelaa Godina Horroo Guduruu Paastar Takkaaliny Dhaabaa, namoota ajjeefaman keessa barataan kutaa sadii fi kutaa jahaa akka jiran BBCtti himan.

Gaggeessaan waldaa Baroo Obbo Habtaamuu Nigaatuu haleellaa Kanaan ajjeefamuus eeraniiru. Namootni lama meeshaa muuziqaa Kiiboordii kan taphatan, kan biroo lama ammoo daaqonoota waldichaa tahuu himan.

Namootni naannichaa BBC’n dubbise namootni kunneen haleellaa dirooniin ajjeefamuu himan.

Dubbii himaan mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu Rooyitarsitti akka himanitti haleellicha kan raawwate mootummaa miti.

Haleellaa diroonii kan jedhame ‘’dubbii sobaati’’ jedhan.

Naannoo Oromiyaa keessatti haleellaan miseensota waldaarra yeroo gahu kun kan jalqaa miti.

Sadaasa 24, 2023, Godiina Qeellam Wallaggaa, aanaa Gidaamitti amantoonni Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa sagal osoo kadhatarra jiranuu qaama hidhateen fudhatamanii ajjeefamuu gaggeessitoonni waldattii BBC'tti himaniiru.

Waldaa Warra Wangeelaa Makan Yesuus Itoophiyaatti gaggeessaa Kutaa Lallaba Wangeelaafi Tiwolojii kan ta'an Dr. Lalisaa Daani'eel ''jaarsoliin [gaggeessitoonni] waldattii, koreen dargaggoofi akkasumas tajaajiltoonni kan biraa kadhannaa bultii osoo gaggeeffatanii halkan sa'aatii saddeet irratti humni hidhatan namoota sagal qabatanii adeemuun bakka biraatti ajjeesan," jechuun akkaataa ajjeechaan kun itti raawwate BBCtti himaniiru.

"Ajjeefamuusaanii mirkaneeffanneera, garuu qaama kana raawwate addaan hin baafanne," jedhan Dr. Lalisaan.

Ajjeechaa kanaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Dabalataan Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaa ganda Gaallotti Sadaasa 6, 2022 amantonni osoo waaqeffannaarra jiranii hidhattoota bakka biraatii dhufan jedhamaniin jumlaan ajjeefamuu Waldaa Warra Wangeelaa Makana Yesuus Itoophiyaa (WWMYI) ibsitee ture.

Ajjeechan kun kan raawwate Waldaa Mul'ata Geellaa jedhamutti ta'uu Sadaasa 11, 2022 ibsa kennaniin kan himan Pirezidaantin WWMYI Lubni Yonaas Yiggazuu, ajjeechaa jumlaa kanaan namoonni 15 ajjeefamanii, hedduun madaa'aniiru jedhan.

Marii nagaa fashaleen booda waraana hammaate

Mariin nagaa marsaa lammaffaa hin milkaa’iin hafuusaa hordofee oppireeshinii mootummaan warana keenya zoonii adda addaa keessa jiru irratti jalqabe akka malee hammaatee itti fufe jedhe ABO-WBO ibsa baaseen.

ABO-WBO ibsa karaa dubbii himaasaa Odaa Trabii Mudde 27, 2023 baaseen, hoggansi keenya kutannoo qabu irraa ka’uun qaamaan marii nagaa irratti argamuun seenaa hojjetanii ture jedhe.

Faallaa isaa mootummaan oppireeshinii waraanaa cimaa nurratti bane kan jedhe WBOn, ‘’hooggansi isaanii waan hin jirreef ni laaffatu jechuun herrega dogogoraan waraana nurratti banan,’’ jedhe.

Ibsicha keessatti warana ji’a Fulbaanaatii hanga Mudde 25tti humnoota nageenyaa mootummaa waliin kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeessan ibseera.

Magaalota naannoo Finfinneetti dhiyoo jiran akka Dukam, Maqii, Tulluu Boolloofi kaan keessatti humnoota mootummaa waliin wal loluu hime.

Waldhabdeen kun mariin dhumuu qaba kan jedhan Deetaan Ministera Nagaa duraanii amma hidhaman Obbo Taayyee Danda’aa, waraanni waggoota dura fagoorra ture erga Finfinnee jalatti wal loluurra gahamee waraanaan xumuruun hin danda’amu jedhanii ture.

Mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO Marsaa lamaaf Taanzaaniyaatti marii nagaa gaggeessanis waliigalteerra osoo hin gahiin hafaniiru.

Mariin kun jiraattoota naannichaatti abdii guddaa uumee ture. Haatahu malee, mariin marsaa duraas tahu lammaffaa yeroo eegalu oppireeshinii mootummaan hidhattoota WBO irratti gaggeessu dabalee ture.

Marsaa lammaffaan jaarsummaa Ameerikaa, IGAD fi Noorweyiin magaalaa Daaresalaamitti yeroo jalqabu mootummaan bobbii waraanaa hidhattoota WBO irratti taasisu akkaan dabaleera.

Kun Deetaa Ministera Nagaaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa mufachiisuun hanga yaada isaanii ifatti dubbachun mootummaa keessa jiran qeeqanitti isaan geesiseera.

Itti-Gaafatamaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa, Obbo Haayiluu Adunyaa, hidhattoonni WBO dirqamanii haalduree waliigalteef isaaniif dhiyaate akka fudhatan dirqisiisuuf mootummaan cimsee tarkaanfii fudhata jedhan.

Kun garuu gara waliigaltee nagaatti isaan hin fidne. IGAD fi dhaabbileen idil-adunyaa adda addaa marsaa sadaffaaf wal arganii akka mari’ataniif waamicha gochaa turan.

Haatahu malee, marii caalaa godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti waraanni hammaataa dhufe.